30/04/2023
(Luqaas 7 )
------------ bakka nagaa olaa ameen jedha
7 Kanaafis ani ofii koo si bira dhufuun akka anaaf ta'utti of hin lakkoofne; achumaa dubbii tokkicha duwwaa dubbadhu, naa'oon koo sin fayya.
8 Anis immoo of irraa nama na abboomu qaba, of jalaas loltuu qaba. Isa tokkoon dhaqi yoon jedhe in dhaqa, isa kaaniinis kottu, yoon jedhe in dhufa; naa'oo kootiin 'kana raawwadhu yoon jedhe in raawwata" jedhe.
9 Yesus kana yommuu dhaga'e dinqifatee, namoota isa duukaa jiranitti garagalee "Ani Israa'el keessatti illee amantii guddaa akkasii gonkumaa hin argine" jedheen.
10 Warri ergamanis mana angafichaatti yommuu deebi'an naa'ichi fayyee eege.