Dhiiroo Badhaadhinaa

Dhiiroo Badhaadhinaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dhiiroo Badhaadhinaa, Business service, Yeroo, Adama.

27/02/2020

Yohannis Buyalew Muudama kennameef hin fudhu jedhe oduun jettu gurra na butteetti.Pirazidaantii Akkaadaamii Mallas Zeenaaw tahee isa muudame erga hin fudhu jedhee Hogganaa bakka awwaalcha Mallas Zeenaaw godhaa muudaa.Ayi Abbichuu namicha kana maraachita mitii?kkkkkkkk nafxanyaa ekeraa Minilik waaqessitu akkasitti salphisuu dha.Yetabatu!!

25/02/2020

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Leenjiin hoggansa sadarkaa naannoo Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamuu eegaleera.

Leenjichis naannoo Oromiyaatti magaalaa Jimmataa dabalatee, magaalaa Sandaafaa, Adaamaa fi Baatutti gaggeeffamuu eegaleera.

Leenjii magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jirurratti hoggansi magaalaa Jimmaa, godina Jimmaa, Qeellam Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunoo Beddelleerraa walitti babba'an 2,300 ol hirmaachaa jiru.

Leenjichi naannoo Kibbaatti wiirtulee 14tti kennamaa jiraachuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa ibseera.

Boongaa, Tarcaa, Jiinkaa, Saawlaa, Arbaa Minc, Walaayittaa Sooddoo, Hoossaa'inaa, Waraabee, Walqixxee, Duraamee, Halaabaa fi magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Naannoo Amaaraattis leenjin hoggansa kuma 10 hirmaachise, guyyootii 10 oliif kan laatamu ta'a jedhameera.

Leenjichis magaalaa Baahir Daar, Goondar, Dasee, Kombolchaa, Dabra Birihaanii fi Dabra Taabooritti kennamaa jira.

Naannoo Afaarittis leenjiin hoggansa sadarkaa olaanaa fi jiddugalaa eegaleera.

Naannoo Beenishaanguul Guumz, magaalaa Asoosaattis leenjiin hoggansa olaanaa fi jiddugaleessaa 600 ol hirmaachise taa'amaa jira.

Dabalataan magaalaa Finfinneettis hoggansi sadarkaa jiddugaleessaa fi jalqabaa Paartii Badhaadhinaa leenjicha fudhachuu eegalaniiru.

Leenjin har'a eegalame itti fufiinsan guyyoottan itti aananiif kan laatamu yammuu ta'u, jijjiirrama eegalame, ilaalcha ida'amuu fi yaadolii bu'uuraa Paartii Badhaadhinaarratti ni mari'atama.

11/02/2020

CONGRATULATIONS
Gamtaan Afrikaa(AU) Mummee Miniistera Dr Abiy Ahmed Hojii bonsaa ,jaalala ,Tokkummaa, Araraa fi Nageenyaa biyyoota Afrikaa keessatii yeroo waggaa hin caale keessatii rajii hojjatanif Best Leadership of Africa " jachun badhaasufii !! Yooyyaa Nageenyi Badhaadha !!

10/02/2020

Taa'anii fincaa'uun amala dhiiraa akka hin taaneefi akka waan gadheetti ilaalama.

Haa ta'u malee dhiirota salphaatti fincaan bahuufi diduuf taa'anii fincaa'uun faayidaa akka qabu qorannoon UK'tti taasifame ni mul'isa.

Kanaan alatti qulqullina mana fincaanii eegufis dhiironni taa'anii yoo fincaa'an wayya jedha qorannoon kun.

Guutuu odeessa kanaa dubbisaa: https://bbc.in/2SxHKPR

Address

Yeroo
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhiiroo Badhaadhinaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share