14/12/2023
Abiy fi Taye dubbisa
Abiy
Jedhani na waamu
Maqaakoo abbaa malaa
Akkasan si godha
Yaa rigaa kasalaa
Taye
Kan fira fakkaate
Aalbeen nama muru
Garaa jabinakee
Anoo beeka duruu
Abiy
Sichi xiyyaarri hin jiru
Imallikee lukaanii
Akkam sitti jirtaree
Ilkeen tafkiif tukaanii ?
Taye
Sodaa hidhaa hin qabnu
Mana hidhaatti guddannee
Hidhamuu nuuf Wayya
Dhugaa jiru dubbannee
Abiy
Aangoo irraa buunaan
Qulqulluu of gootaa
Diroo numa waliin
Buddeen cubbuu hootaa
Kaleessa walumaan
Oromoon gandaan hirree
Akkamiin dagatteree
Shira wajjiniin shirree ?
Taye
Bubbulee naaf gale
Kaayyoon ida'amuu
Keessikee qiliileedha
Tasa biran ga'amuu
Dhala namaa caalaa
Kan jaallattu aangoo
Hoolota xobbee fixxee
Itti taatee waangoo
Abiy
Shanee shanee jedhee
Kan guyyaatti sagal waamu
Tokko si mitii gurbaa
Kan kichuu oromoo qaamu ?
Cuukkoo nyaatu jettee
Ganamaaf galgalaa
Hadheessaa hin turre
Ati Jawaariif Baqqalaa ?
Taye
Yeroos faayidaan jira
Jireenyis akka Urgoo
Atis naaf kaffalta
Bareechitee durgoo
Mootummaan ta'an se'e
Shimee dura darbee
Yooman yaadee beeka ?
Akka na galchitu shabbee
Abiy
Kan qoosaakoo dhufu
Ilma abbaan abaaree
Kottoonfatee taa'a
Qaallittii Keessa daaree
Du'een nada malee
An aangoo hin gadhiisuun
Taayitaa koo irratti
Jaartiikooyyuu hin dhiisuu
Taye
Safuu yaa qumaaraa
Ajab yaa siyyaasaa
Anaan hidhaa galchee
Lammaa biyyaa baasaa
Abiy
Amala godhadhu
Achii sin tursu bayyee
Galmi diraamaakoo
Siifis siif gala Taayyee !