15/08/2025
Saffisa eeyyamameen ol konkolaachisuun umurii gabaabsa malee fageenya hin hir’isu"-BKO
'OBN Cyber Media' Hagayya 08,2017-Akka qorannoon adda addaa ibsutti balaan tiraafikaa akka addunyaatti gaaga’ama lubbuu namaafi mancaatii qabeenyarratti qaqqabsiisuun sadarkaa yaaddeessaarra qaqqabee jira.
Akka biyyaafi naannoo Oromiyaattis sadarkaa yaaddeessaarra kan jiruufi hir’isuuf hojii guddaa kan gaafatuu dha. Rakkoowwan ka’umsa balaaf sababa ta’anis fageenya eeyyamameen ol konkolaachisuu, dhuganii konkolaachisuufi hanqina ogummaa akka ta’e ni beekama.
Ejensiin Geejjiba Oromiyaas balaa konkolaataa waggaa waggaan rakkoo gaaga’ama lubbuufi mancaatii qabeenyarratti qaqqabsiisu kana hir’isuuf hojjetaa jiraachuu Hogganaan Ejensichaa, Obbo Daani’eel Charinnat himaniiru.
Balaan konkolaataa dhibeewwan/balaawwan gurguddoo akka addunyaatti lubbuu namaa galaafatan kudhan keessaa isa tokko ta’uu kan ibsan Obbo Daani’eel rakkoo kana hir’isuuf qaamolee adda addaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Qaamolee seera kabajuu dhaban irrattis tarkaanfiin barsiisaa ta’e karaa itti fufiinsa qabuun fudhatamaa kan jiruufi Konkolaachistoota al-seerummaa raawwatanii komii hawaasaa uuman irrattis adabbiin barsiisaa ta'e fudhatamaa jiraachuus eeraniiru.
Gochoonni seeraan alaa tarkaanfiiwwan irratti fudhatamanis darbaa fe'uu, waraqaa bobbii malee socho’uu, taarifaa ol imaltoota kaffalchiisuu, sarara bobbii ala socho'uufi kan biroos jiraachuu himanii, Caasaan sadarkaan jirus sakatta’insa taasifamuun al-seerummaa raawwataniin hoj-maata eeguun tarkaanfiin barsiisaa ta'e fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanamalees, sarara bilbila bilisaa Ejensii Geejjiba Oromiyaa tajaajila kennaa jiru 8556fi eeruu kallattii adda addaan mana hojichaatti dhufan bu’uura godhachuun hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiraachuu ibsuun, komii qulqullina to’annoo daandii irratti ka’u hir’isuuf adabbiin seera darbitootaa " online sms’n" akka ta’u qophiin hundi xumuramee godinaalee fi magaalota keessatti yaaliin gaggeefamaa jiraachuu Obbo Daani’eel dubbataniiru.
Kenna tajaajilaa geejjibaa ammayyeessuuf teeknoloojiiwwan garaa garaa hojiirra oolaa jiru. Kanaanis hojii buufata konkolaataa keessatti E-tikkeettii fayyadamuu taarifa baheen akka tajaajilaman taasisuu, CCTV Camera fayyadamuun haala leenjii fi kenninsa qormaata gahumsa konkolaachisummaa hordofuun eegalamus ibsaniiru.
Akkasumas tajaajila kaffaltii kenna tajaajilaa ’online’ taasisuun tajaajila saffisaa kennuufi awutomeeshinii fayyadamuun boolloo on line maxxanfamuun kenniinsi tajaajilaa teeknolojiin deeggaramuun hojiirra akka oolus ta’eera jedhan.
Komishinii Poolisii Oromiyaa waliin ta’uun leenjii dandeettii raawwachiistummaa to’attootni geejjibaa fi hojjettoota dhiyeessii tajaajila geejjibaaf yeroo yeroodhaan mata-dureewwan garaa garaa irratti kennamaa jiraachuus kaasaniiru.
Walumaa galatti balaa konkolaataa hir’isuuf tarkaanfiwwan gurguddoo hedduun fudhatamaa jiraatanis ammas sadarkaa barbaadameen kan hin hir’anne ta’uu kan himan Obbo Daani’eel hundaa ol konkolaachistoonni seera tiraafikaa eeguun konkolaachisuun akkasumas hawaasnis seera tiraafikaa eeguun socho’uun balaa qaqqabuu malu hir’isuu akka qaban dhaamaniiru.BKO