02/07/2023
# synergy fi fageesanii yaadu/karoorfachu
Hooggansi keenya sadarkaan jirtan rakkoo adda addaa keessa jiraattanis, gara carraatti geeddaruudhaan ciminoota gurguddaa hedduu argamsiisaa akka jirtan isiniif ibsuun barbaada. Kanneen keessaa isaan armaan gadiitti tarreeffaman caalmaatti akka cimsitan imaanaa isinitti kenna.
1. Guddisanii Yaaduu
Guddisanii yaaduun hooggansa biratti mul'ataa kan jiru yoo ta'u, karoora hiixataafi raawwii caalmaatiif nu kakaasaa jira.
2. Waan Karoorsine Raawwachuu
Akkaataa karoorfameen raawwachuun hojii hunda keessatti mul'achaa jira. Kun ammoo gama tokkoon maallaqafi yeroo nuuf qusachaa gama biraatiin qulqullina barbaadameen akka hojjetamu nu dandeessisaa jira.
3. Qindoominaan Socha'uu:
Caasaa Federaalaa hanga naannoo, naannodhaa hanga gandaatti qindoominaan socho'uun mul'achaa jira. Qindoominni harcaatii humnaafi qisaasama qabeenyaa nurraa hir'isaa jira. Haa cimu.
4. Dandeettii Gochuu Ummataa Hubachuu
Hooggansi sadarkaan jiru, ummata keenya akkaataa aadaa, duudhaafi eenyummaa isaa giddu gala godhateefi kabajeen yoo sochoosne raajii hojjechuu akka danda'u hubachaa jira. kanas gama Tajaajila Lammummaafi Buusaa Gonofaatiin nuuf mirkaneessee jira.
5. Dhaloota haaraa gara hooggansatti fiduu
Mootummaan keenya dhaloota haaraa hooggansatti dabalaa dhufuun kan jajjabeeffamu.
6. Piroojektoota milkiidhan xummuruu
Hooggansa lakkaa'ee fudhatee lakkaa'ee raawwatu arguun aadaa haaraadha. Bara kana qofa pirojektoota 19,912 baajata birrii biliyoonaa 54 oliin hojjetamanii xumuraman eebbisiisnee tajaajilaaf dhiyeessaa jirra.
7. Miira Jaallummaa Haaraa
Hooggansi keenya, hooggansa walitti dubbatu, wal-qoratuufi faayidaa ummataa giddu gala godhatu ta'aa dhufuun isaa miira jaallummaa haaraa uumaa jira.
Walumaa galatti ciminoonni rakkoo hedduu keessatti mul'atan kanneen caalmaatti jabaachuu akka qaban hooggansa sadarkaan jiruuf dhaamuun barbaada.
በየደረጃው የምትገኙ አመራሮቻችን በተለያዩ ችግሮች ውስጥ ሆናችሁም ቢሆን ችግሮችን ወደ እድል በመቀየር ትላልቅ ይበል የሚያሰኙ ጥንካሬዎችን እያስመዘገባችሁ መሆኑን ላረጋግጥላችሁ እወዳለሁ። ከዚህ በታች የተዘረዘሩትን ጥንካሬዎችንም ይበልጥ አጠናክራችሁ እንድትሰሩ አደራ እላለሁ።
1. አልቆ ማሰብ፡-
አልቆ ማሰብ በአመራሮቻችን ዘንድ እየተስተዋለ የሚገኝ ሲሆን ይህም ተሻጋሪ ለሆነ እቅድ እና ለተሻለ አፈፃፀም እያነሳሳን ነው።
2. ያቀድነውን መፈፀም፡-
በሁሉም የስራ ዘርፎች ውስጥ በታቀደው መሠረት መፈፀም እየታየ ነው። ይህም በአንድ በኩል ገንዘብና ጊዜን እየቆጠበልን በሌላ በኩል ደግሞ በተፈለገው ጥራት እንዲከናወን እያስቻለን ነው።
3. በቅንጅት መንቀሳቀስ፡-
ከፌዴራል እስከ ክልል፣ ከክልል እስከ ቀበሌ መዋቅር በቅንጅት የመንቀሳቀስ ሁኔታ እየተስተዋለ ነው። ቅንጅት የኃይል መንጠባጠብ እና የሀብት ብክነት እያስቀረልን ነው። በበለጠ ይጠንክር።
4. የህዝብን የማድረግ አቅም መረዳት፡-
በየደረጃው የሚገኘው አመራር የህዝባችን ባህል፣ ዕሴትና ማንነትን ማዕከል ባደረገ እና ባከበረ መልኩ የምንቀሳቀስ ከሆነ ተዓምር መስራት እንደምንችል ተገንዝበናል፡፡ ይህንንም በዜግነት አገልግሎት እና በቡሳ ጎኖፋ አረጋግጦልናል።
5. አዲሱን ትውልድ ወደ አመራርነት ማምጣት፡-
መንግስታችን አዲሱን ትውልድ ወደ አመራርነት ማምጣቱ የሚበረታታ ነው።
6. ፕሮጀክቶችን በስኬት ማጠናቀቅ፡-
ቆጥሮ ተረክቦ ቆጥሮ የሚያስረክብ አመራር ማየት አዲስ ባህል ነው። በዚህ አመት ብቻ 19,912 ፕሮጀክቶችን በ54 ቢሊዮን ብር በላይ በፈጀ በጀት ተሰርተው፣ አስመርቀን ለአገልግሎት እያዘጋጀን እንገኛለን።
7. አዲስ ጓዳዊ ቁርኝት፡-
አመራራችን በድፍረት የሚተቻች፣ የሚገማገምና የህዝቡን ጥቅም ማዕከል አድርጎ የሚንቀሳቀስ እየሆነ መምጣቱ አዲስ ጓዳዊ ስሜት እየፈጠረ ነው።
በአጠቃላይ በተለያዩ ችግሮች መካከል ሆናችሁ ያሳያችኋቸው ጥንካሬዎች ይበልጥ ማደግ ያለባቸው መሆኑን በየደረጃው ለምትገኙ አመራሮች ማሳሰብ እፈልጋለሁ።