Daandii Ida'aamuu

Daandii Ida'aamuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Daandii Ida'aamuu, Business service, WWW. Chiro. com, Addis Ababa.

12/01/2024
Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuutti Inisheetiivii Misooma Qamadii Jallisii bonetin lafa hektara Kuma torba Misoomsuuf...
12/01/2024

Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuutti Inisheetiivii Misooma Qamadii Jallisii bonetin lafa hektara Kuma torba Misoomsuuf karoorfame hojjatamaa jiru Daawwatamee..

Dursaa garee Koree Supparvizyinii Harargee Lixaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Boorana baha Obbo Abdulakiim Husseenin durfamu bakka Bulchaa ittiaanaa godinichaa obbo Tashooma Kabbadaa jiranitti Inisheetiivii Misooma Qamadii Laga Saqaatatti Misooma jiru Dawwateera.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Burqaa dhintuu Obbo Naasir Diimaa Karoora Xiiqii bara 2016tin lafa hektara Kuma torba torba Misoomsuuf karoorfame Ijjannoofi murannoo Hoggansa, Qindoomina Ummata Ogeessaatin 100%Raawwachuu dandeenyeera jedhan.

Bulchaa ittiaanaa Godina Harargee Lixaa obbo Tashooma Kabbadaa akka jedhanitti Aanichii Aanoota Gammojjii Godinichaa keessa isaa tokko yoo ta’u Rakkoon Bishan dhugaatii fi Wabii Miidhan nyaata Qormata Ummata Aanichaa turee jedhan.
Haa ta’uu malee rakkoo kana furuuf hojii Mootummaan hojjachaa tureen Bajata Naannootin Pirojektiiwwan garagaraa birri biliyena tokko olin hojjatamen rakkoon Bishan dhugaatii furamuu danda'ameera jedhan. Akkasumas jedhan kanaan dura Aanichaatti Qamadiin ni biqila jedhame hin yaadamne Tarsiimoo Inisheetiivii Misooma Qamadii Mootummaan baase hojiitti hikama jirun Aanichii Aanoota Godina Harargee Lixaa keessa hojii misoomaatin Sadarka irratti kan argamu waan ta'eef Rakkoon Miidhan nyaata Ummata Aanichaa akka furamuu abdii qabna jedhan.

Bulchaan Bulchiinsa Godina Boorana baha Obbo Abdulakiim Husseen akka jedhanitti Dawwanna taasisneen Hojii gaarii Muxxannoo ta'u danda’uu Inisheetiivii Misooma Qamadii bone Aanaa Gammojjii kana keessatti hojjatame baayyee dinqisifanneera waan ta'eef Aanichi lafa bal’aa Gannafi bona misoomuu danda’uu waan qabuf kun daran cime itti fufinsaan hojjatamu qaba jechuun dhamaniiru.

13/12/2023
13/12/2023

Address

WWW. Chiro. Com
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Daandii Ida'aamuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share