Majlisa Mag/Maayaa-የማያ መጅሊስ-Maya City Mejlis

Majlisa Mag/Maayaa-የማያ መጅሊስ-Maya City Mejlis Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaala Mayaa المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بم/مايا Hordofaa

02/09/2026
Maashaa Allaah
29/08/2026

Maashaa Allaah

ODUU GAMMACHIISAA
Kitaabni “QAROOMA BAHA OROMIYAA” Eebbifamuuf Magaala Finfinnetti eebbifamuuf deema.

Aalam Media : Rabii Al-Awwal 11/1448 Adaama
Kitaabni seenaa Ummata Harargee “QAROOMA BAHA OROMIYAA” jedhu, kan barreessaa kitaabaa Jaalataa Abdullaahi’ tiin qophaa’e, yeroo dhiyootti magaalaa Finfinneetti haala adda taheen eebbifamuuf deema.

Kitaabni kun seenaa, eenyummaa fi qooda Ummanni Harargee guddinaafi qaroomina Baha Oromiyaa irra BAHA Afrikaaf gumaache irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, seenaa ummata Harargee dhaloota har’aafi dhufuuf galmee ta’ee tajaajiluuf qophaa’e jira.

Sirni eebbaa kitaabichaa Onkololeessa 1, bara 2019 A.L.H. / October 11, 2026 jechuun guyyaa Dilbataa (Alhadaa), magaalaa Finfinnee, Galma Jiddugala Aadaa Oromoo keessatti, ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee kan gaggeeffamu ta’a.

Sirna eebbaa kanarratti keessummoonni kabajamoon, Hooggantoonni Majliisaa olaanoon, Hooggantoonni mootummaa, hayyoonni, abbootiin seenaa fi hawaasni bal’aan kan eeggamuudha.

Kitaabni “ QAROOMA BAHA OROMIYAA” jedhu seenaa Ummata Harargee kuusuufi dhalootaaf dabarsuuf tarkaanfii guddaa waan ta’eef, sirni eebbaa isaas taateewwan seenaa fi aadaa Oromoo keessatti bakka addaa kan qabuudha.

Hawaasni Oromoo fi keessummoonni hundi sirna eebbaa kitaaba kanaa irratti argamuun, seenaa fi qaroomina Ummata Harargee beekuufi deeggaruuf affeeramtaniittu.” kan isiniin jedhu barreessa kitaaba Ustaaz Jaalataa Abdullaahiti

📚 QAROOMA BAHA OROMIYAA” —
Seenaa Harargee, Qabeenya Dhalootaa!

29/08/2026

Akki kuniis jira yaa Uummata keenya

Maashaa Allaah
29/08/2026

Maashaa Allaah

As wr wb jaallan qaqqaalii sagantaan teenya dhuftee jirti maa’ee businasaa irraa marii godhuu deemna waan ta’eef gaafii sheekh jamaal Aliyyii gaafachuu barbaaddan asjala nuuf kaayaa.
----------

Anas Mohammed Idris Sheek Amin Ibro Official Amar Temam Sh Jamaal Haaji Yuusuf Ustaz Jamal Aliyi Abdullah Hamza Hassen Kalu.putic Adem Dhalate Hamzaa Haajii

Majliisa  godina Baaleetiif dhagaan bu'uuraa kaahameePireesndaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophi...
29/08/2026

Majliisa godina Baaleetiif dhagaan bu'uuraa kaahamee
Pireesndaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa Dr.Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa ijaarsa mana marichaaf Magaalaa Roobeetti dhagaa bu'uuraa kaahaniiru.

Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -مجلس أوروميا

 Seenaatu Hojjatame‼️Haji Abdulqadir akkumma baratan har’as Ijaarsa gamoo majlisaa godina baaleetiif mataa isaanitiin mi...
29/08/2026



Seenaatu Hojjatame‼️
Haji Abdulqadir akkumma baratan har’as Ijaarsa gamoo majlisaa godina baaleetiif mataa isaanitiin miliyoona shan (5,000,000) akkasumas hiriyoota fi qaamota garagara dubbisuun miliyoona kudha shan (15,000,000) walumagalatti sagantaa har’aa irratti miliyoona Digdama (20,000,000) gumachaniiru.
Rabbi irraa haajaallatu ,irraan dabalee haakennuuf.

✍️ Ustaaz Abdallah Idiris

  Sh Jemal Aliy Abdula  fi   Sh Jamaal Haaji Yuusuf Sheekh Jamaal Haajii Page  fi warroottan qormaata kutaa12 qabxii bar...
25/08/2026

Sh Jemal Aliy Abdula fi Sh Jamaal Haaji Yuusuf Sheekh Jamaal Haajii Page fi warroottan qormaata kutaa12 qabxii bareedaa fiddan Fi qormaata dabartan hundi Maatii teeysanii waliin baga gammaddan! Bikka guddoo itti hawaasa fayyaddaniin Rabbiin isin haa gayu!

Address

East Harege Streat
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majlisa Mag/Maayaa-የማያ መጅሊስ-Maya City Mejlis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share