Caaqaa Sichi'ol Fufaa Mandee

Caaqaa Sichi'ol Fufaa  Mandee everybody is believe on jesus Jesus is my salvation

08/04/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Biree Naf, Mohammed Hasan, Asfahu Adugna Abdisa

30/08/2023

Sabboonummaan ‘GOCHA’

A. Barbaachisummaa Hiika Haaraa
Hiika siyaasni keenya hanga ammaa sabboonumaadhaaf kennu irra deebinee ilaaluu qabna. Akkaataan dhimma kana itti ilaallu, gulantaa qabsoon keenya irra gaheen kan walsimuu miti. Hubannoo kana sirreessuun, gama tokkoon gulantaa qabsoo irra jirruufi itti aanuu beekuuf kan nu dandeessisu yoo ta’u, gama biraatiin, garaagarummaa dhimmoota waloo ummata keenyaa irratti qabnu dhiphisuudhaan qisaasama humnaa hir'isa.
Addunyaa kana irratti namni dhuunfaa tokkos ta'e gareen tokko waan barbaadu mikeessuuf dirqama gufuu isa muudatan lama irratti ni qabsa'aa. Tokko gufuu waan ta'uuf barbaadnu irratti muudataniifi gufuu waan gochuu barbaadnu irratti nu muudatan. Gufuun dhimma TA’UU qunnamu dhiibbaa qaama alaa irraa kan maddu yoo ta’u, gufuun dhimma GOCHUU irratti qunnamu ammo dhiibbaa keessoo namticha ykn garicha mataa isaatirraa madda. Haluma kanaan, qabsoon kamiiyyuu gulantaa walduraa duubaan dhufu lama keessa darba: Gulantaa Qabsoo ''TA’UUfi Gulantaa Qabsoo ''GOCHUU''.

B. Gulantaa Qabsoo TA’UU
Gulantaan qabsoo TA’UU irra jireessan, dhiibbaa qaama alaa irraa bilisa ta’uuf kan taasifamuudha. Qabsoon ''ta'uu'', madda keessa galtummaa of ta'uu qaama tokko sakaale maal/eenyu akka ta’e adda baasuu irratti fuulleffata. Dhimmi TA’UU mirgoota umamaatiin (natural rights) deebisanii gonfachuu qabsaa’udhaan ibsama: akkaataa aadaa ofiitiin uffachuu, Irreeffachuu, Afaan ofii dubbachuu, Afaan ofiitiin barachuufi kkf. Ummanni Oromoo rakkoo akka kana dabarseera. Qabsoon Oromoon waggoota 30 fi 40 dura tasisaa ture qabsoo bifa kanaa ture. Kanaafi qabsoon saboontota bara sanii adda durummaan Oromoo TA’UUf taasifamuun isaa. Gufuu qaama alaa irraa dhufe kana irratti sabboontonni hedduun qabsaa’aniiru.

Namoonni/gareewwan lakkoofsa hin tuffatamne qaban har’as waa’ee Oromoo TA’UU akka qabsa’aa jiran himu. Kana raawwachuun Sabboonummaa akka isaan goonfachiisu ni amanu; akka sabboonaatti of’ilaalu. Maqaa Oromootiin qabsa’uun badii ta'uu baatus rakkoo kan ta’u, gulantaa qabsoo darbame irratti humna rakkoo Oromoon amma keessa jiru hiikuu danda’u qisaasuu isaaniti.

Har’a Oromoo Ta'anii jiraachuun rakkoo tokko keesssa illee nama hin dabarsu. Gatii nama hin baasisu. Qabsoo jabaa gatii qaaliin itti kaffalameen boqonnaan sun cuamfeera. Har’a Oromummaan eenyummaa itti qaana’amu osoo hin taane, kan ittiin dhaadatamu ta’eera. Har’a Oromoo TA’UUFAN qabsaa’a jechuun bilisummaa Oromoo TA’UU qabsoo hadhaawaa sabboontota heedduutiin deebi’ee argame osoo hin beekin busheessuu ta’a.

Qabsaa’ota kanneeniin SABBOONTOTA jechuun keenya, qabsoo yeroofi gulantaa isaa eege waan taasisaniifi. Galanni SABBOONTOTA sadarkaa kanaan nu gahaniif haa ta’u!

C. Gulantaa Qabsoo ‘GOCHUU’
Gulantaan qabsoo lammaffaan gulantaa GOCHAAti. Gulantaan qabsoo GOCHUU gufuu of TA’UU qaama alaatiin nama muudate irraa, erga bilisa bahamee booda kan dhufuudha. Qabsoo mirga fedhii, hawwiifi galma ofii dhugoomsuuf ofirratti taasifamuudha. Dhimmi GOCHUU dhimma “naaf mala” (entitlement) jedhu ilaallata. GOCHUUn dandeettii galma ofii milkeessuu danda’uu irratti fuulleffata.
Yaadamni GOCHUU gaaffii “maddi keessa galtummaa qamni tokko akka waan barbaade GOCHUU hin dandeenye murteessu maali/eenyu?” jedhu irratti xiyyeeffata. Qabsoo lafarratti hojjechuun/GOCHAAn ibsamuudha. Garbi tokko qabsoo taasiseen mirga ofta’uu deebisee goonfachuun dhuma qabsoo isaa miti; gahaas miti. Mirga goonfate dhugoomsuuf qabsoo GOCHAA tti ce’uu qaba. Gochi ammoo jiraachuu waa tokkoo barbaada: qabeenya, beekumsa ykn ogummaa gatii baasu. Kanaaf, mirga of TA’UU argate kana GOCHAA n gadi dhaabuuf, rakkoo qabeenyaa, beekumsaa ykn ogummaa gatii baasu dhabuu isaa irratti qabsaa’u qaba. Qabsoon GOCHUU, qabsoo qaama alaa irratti taasifamu osoo hin taane, qabsoo ofirratti taasifamu/ofirratti hojjechuu ta’uu qaba kan jennu kanaafi.

Gulantaa qabsoon Oromoo amma irra jirus gulantaa GOCHAA ti. Bara ummanni Oromoo mirga aadaafi duudhaa isaatiin buluu goonfatetti, bara ummanni Oromoo mirga Afaan isaatiin barachuu, hojjechuufi ofbulchuu goonfatetti, roorroo Oromoo TA’UUn gahaa ture odeessun sabboonaa nu hin taasisu. Inumaayyuu tattaaffii injifannoo TA’UU argame GOCHAAn gadi dhaabuuf taasifamu kan nujalaa danqudha.

Bara kana Oromoon aartii akka qabu namuu ni beeka. Qabsoon nu’eeggatu, qabsoo gama aartitiin ofTA’UU osoo hin taane, Oromummaa gama aartitiin deebisee goonfate kana GOCHAAn utubuudha. Qabsoon akka sabboontota Oromoo tokkootti nu eeggatu, aartii beekamtii argate kana barnootaan, leenjiidhaan, teeknoolojiidhaan, giddu gala aartii babal'isuudhaan cimsuudha. Qabsoon akka sabboonaa Oromoo tokkootti nu eeggatu, dhaloota mirga ofTA’UU booda dhufeefi dhufaa jiru kanaaf barnoota qulqullina qabuu dhiyeessuu akkasumas teeknoolojii addunyaan irra gahe hidhachiisuun sadarkaa kamittuu dorgomaa akka ta’u gochuudha. Ummata Oromoo qabsoo hadhaawadhaan abba biyyummaa isaa deebifatee kana dinagdeedhaan akka gahoomu qabsoo GOCHAAtiin bira dhaabbachuudha.

Hooggansi jijjiiramaa keenya yeroo hojiitti galu gulantaan qabsoo ammaa, GOCHAAn agarsiisuu akka ta’e hubannoo guutuu waliini. Hojii ijoon sabboontota Oromoo dandeettii GOCHUU ummata keenyaa guddisuu kan ta’u akkataa kanaan yoo ilaalle. Dandeettiin GOCHUU ummata keenyaa kan guddatu, karaa kamuu osoo hin taane, murtoo gochaaf ofkennuu, fedhii halkaniif guyyaa dadhabuu horachuu, akkasumas naamusa cimaan socho’uuf qophaa’uu gaafata. Walumaa galatti GOCHA barbaada. Raawwii piroojektoota kumaafi kitilaa, tarkaanfiilee haaraa hedduu waliin waldhaansoo kan qabne kanaafi. Qaama Oromoodhaaf dhaabbadhe jedhu kamuu waliin, sadarkaa kanatti tumsaan qabsaa’uudhaaf qophiidha.

D. Galmoota Gulantaa Qabsoo GOCHAA
Gulantaan qabsoo ammaa qabsoo GOCHAA akka ta’e yoo walii galle, galma inni milkeessuuf kaayyeffate ibsuun barbaachisa ta'a. Waa sadi irratti luucceffata: dhaloota barnootaafi teeknoolojii hidhate, ummata diinagdeedhan gahoomefi sirna cimaa qabaachudha.

1. Dhaloota BARNOOTA (qulqullina qabuu) fi TEEKNOOLOJII hidhate uumuu
Naannoon keenya barattoota mil. 11 ol barsiisaa jira. Waliin gahiinsa barnootaa cinaatti qulqullina barnootaa eeguun dhimma ijoo ta’uu hubachuun inisheetivoota adda addaa baajata mootummaafi humna waloo (tajaajila lammummaa) fayyadaman bocuudhaan hojiitti galle. Gama kanaan Ijaarsa Manneen Barnootaa Addaa Ifa Boruu, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu Sadarkaa Tokkoffaa Duraa, dareewwaan dabalataa kumaatamaan lakkaawwaman, hojiilee mijatummaa manneen barnootaa dabaluu, akkasumas dhiyeessii nyaata barattootaa caqasuu dandeenya.

2. Ummata keenya DIINAGDEEdhaan gahoomsuu
Milkaa’ina galma kanaatifis inisheetivoota hedduu bocuudhaan socho’aa jirra. Inni jalqabaa karoora mootummaa hanga sadarkaa maatiitti gadi buusudhaan Badhaadhina Maatii milkeessuu ilaallata. Dabalataanis, qusannaa jajjabeessuu, hammatummaa faayinaansii baadiyyaa (rural financial inclusion) dabaluu, dandeettii galii maddisiisuufi sassaabuu guddisuu, dorgomummaafi dandeettii galii maddisiisuu dhaabbilee misoomaa mootummaa cimsuu, Interpiyuunarummaa babaldhisuu, too’annoo (regulations) jabeessun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu kaasuu dandeenya.

3. SIRNA CIMAA (hin reeqqifne) ijaaruu
Gama kanaan, riifoormiiwwan kenniinsa tajaajila mootummaa, babaldhina dijiitaalaayizeeshinii, sirnoota dhawaata badaa dhufan deebisanii gadi dhaabuu: Busaa Gonofaa, Tajaajila Lammummaa, Mana Murtii Aadaa, Gaachana Sirnaa, hirmaachisummaa ummataa mirkaneessuufi kkf kaasuun ni danda’ama.

Walumaa galatti, hiika “Sabboonummaa”dhaaf qabnu irra deebinee ilaaluu qabna. Humna keenya gargar hiree kan nu laaffise dhimma kana ilaalchisee fuula walfakkaataarratti argamuu dhabuudha. Ammaan booda, gulantaa qabsoo darbe irratti humna keenyaa qisaasuu hin qabnu.

Hoggansi sadarkaan jirrus waan tokko hubachuu qabna. Ummata irratti aangofnee miira tajaajiltummaafi GOCHA tajaajilaa tokko malee, quuqama ummata Oromoodhaaf ‘qabnu’ dhaadhessuudhaan sabboonummaa goonfachuu hin dandeenyu. ‘Sabboontonni’ Oromoo hundi, GOCHAAn qabsoofnee sabboonummaa dhugaa haa goonfannu.

Sabboonaan, nama GOCHAAN lafarratti ummata isaatiif waa xiqqoo GOCHUU danda’u.
Gamtaan taanee, GOCHAAN haa qabsoofnu!
GOCHAAN qabsoofnee Sabboonummaa haa goonfannu!
Sabboonummaan GOCHA!

21/04/2023
Congratulations Dr GabrooleeKabaja kanaa oliitu isiniif mala
20/04/2023

Congratulations
Dr Gabroolee
Kabaja kanaa oliitu isiniif mala

28/10/2021

Akkuma Rabbiif jiraanneem

Address

Oromia
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Caaqaa Sichi'ol Fufaa Mandee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Caaqaa Sichi'ol Fufaa Mandee:

Share