24/05/2025
Yeroo tokko tokko jireenya kee keessatti kophummaan garmalee sitti dhagahamuun si dhiphisa. Akkasi miti ree? Osoo namoonni si marsanii jiranuu yeroo addummeen (kophummaan) keessa kee jeequtu jira. Furmaata kanaa dhiyeessuun dura mee sababoota kanaa haa tarreessinu:-Hanqinna iimaanaa, qalbiin Rabbii olta'aan ala wanta biraatti rarra'uu, dilii (cubbuu) raawwachuu, nama jaallatan dhabuu fi kkf.
Furmaata immoo haala kanaan tarreessun ni danda'ama:
1ffaa-Iimaana cimsachuu- Akka lugaatti iimaanni hiika lama qaba: 1ffaa-amanuu ykn dhugoomsudha, 2ffaa-nageenya (al-amnu). Dhugumatti hiikni kunniin lamaan walitti hidhata guddaa qabu. Namni dhugaan arkaana iimaanatti amanee, nageenya ykn tasgabbii ni argata. Qur'aana keessatti: “Warri amananii iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” (Suuratu Al-An’aam 6:82)
Namni yommuu kophummaan isatti dhagahamu keessi isaa duwwaa (empty) akka ta'e isatti dhagahama. Wanti iddoo duwwaa kana guutuu danda'u iimaana qofa. Kanaafu, yommuu iimaanni iddoo duwwaa kana guutuu kophummaan isarraa deema.
2ffaa-Qalbii ofii Rabbii olta'aatti rarraasu-uumamaan namni wanta isa booharsu yoo argate, kophummaan isatti hin dhagahamu. Yommuu wanti isa booharsu kuni isarraa deemu, kophummaan isatti dhagahamu jalqaba. Akkasi miti ree? Dhugumatti, qalbiin namaa yommuu Rabbiitti rarraate, Isa yaadachuutti (zikrii Isaatti) ni booharti, ni tasgabboofti. "Dhagayaa! Zikrii Rabbiitin qalbiin tasgabboofti.” (Suuratu Ar-Ra’ad 13:28)
Rabbiin immoo namoota baay'isanii Isa yaadatanii fi toltu hojjatan waliin jira. "Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” (Suuratu Al-Ankabut 29:69)
Kanaafu, namni qalbiin Isaa Rabbiitti rarraate, yeroo hundaa Rabbiin Isa waliin waan jiruuf kophummaan Isatti hin dhagahamuu jechuudha.
Garuu qalbiin isaa namatti yoo rarraate, namni suni isarraa deemu isaatiif kophummaa fi gaddi isatti dhagayama.
3-Tawbaa, istighfaara fi hojii gaggaarii baay'isuu-namni yommuu badii hojjatu, of jibba