Girma

Girma Business

03/03/2024

This version of Facebook uses less data and works in all network conditions.

25/09/2022

Waggaa 17tti Kolleejjii irraa ari'amte
Waggaa 25tti harmeen ishee kaanseriidhaan duute
Waggaa 26tti ulfa hin barbaachifneef saaxilamtee ulfis irraa bahee baay'ee miidhamte
Waggaa 27 ni heerumte, garuu abbaan warraa ishee baay'ee dararaan ture. Haa ta'u malee, daa'ima durbaa tokko ni argatte
Waggaa 28tti abbaa warraa isheetiin wal hiikte. Yeroo kana dhiphina baay'ee hamaa ta'eef ni saaxilamte
Waggaa 30tti of ajjeesuuf murteessite. Garuu hin taane.
Yeroo kana wanta tokko gochuuf murteessite. Innis waa barreessuu ture.
Waggaa 31tti kitaaba ishee jalqabaa ni maxxansite. Garuu kitaabni ishee fudhatama hin arganne.
Waggaa 35tti kitaaba 4 maxxansitee, barreessituu bara sanii jedhamte.
Waggaa 42tti kitaaba kooppii miliyoona 11 guyyaadhuma maxxansiteen gurguratte.
Dubartiin of ajjeesuuf yaalte garuu dhuma irratti fakkeenya nama baay'ee taate tun J. K Rowling jedhamti. Har'a kitaabni isheen barreessite 'Harry Potter" jedhamu doolaara ameerikaa biliyoona 15 olitti ni gurgurama.
Ofitti amani, gufuu kamiifuu harka hin kennin. Dhugaadha yeroo ammaa hojjatanii iddoo guddaa gahuun ni ulfaata garuu jabaadhu harka hin kennin!!!!

22/09/2022

Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Booda..
Hiriyoonni kee daree keessa jiran hundi addunyaa kana irratti kallattii adda addaatiin deemaniiru.

Gariin isaanii yunivarsiitii xumuranii amma:
Doktoroota, .
Injinaroota, .
Barsiisota, .
Paayileetota, .
Abbootii Seeraa, .
Bulchitoota fi kkf.

Gariin isaanii gaa’ela qaban, .
Gariin da'aani jiru, .
Gariin isaanii amma iyyuu barbaadanii, kadhannaatin Gooftaa eegaa jiru.
Gariin du’aniiru, *Sanas hin dagatinaa*

Kaan immoo siree irraa dhukkubsataa jiru, .
Gariin digrii isaanii ol’aanaa fudhachuuf fiigaa jiru: Masters ,PhD, kkf.

Gariin isaanii dhaabbata sadarkaa olaanaattillee seenuu hin arganne, tarii GONKUMAA hin danda'an ta'a.

Gariin isaanii dhaabbilee hedduu qabu, .
Gariin isaanii amma Daayirektarootaa fi abbootii aksiyoonaa gurguddoo dhaabbilee addunyaa ta’aniiru.

Garuu maaltu sitti dhagahama?
Yeroo hiriyyoota kee daree waliin wal argitu, akkasumas abjuu isaanii waan galmaan gahe fakkaata?
Atis ammallee kan keetti hin dhihaanne?
Yaadonni baay'een sammuu kee keessa fiiga mitiiree?
Tokkoffaa, Waaqayyo haqa siif hin kennine jettee yaadda?

Warri karaa irratti uffata xuraa'aa uffachuun ammas lubbuun jiraachuuf qabsaa'aa jiran akkam ta'u?
Yaadonni wal fakkaatu sammuu kee keessa fiigaa?

Akkan tilmaamutti, LAKKI.

Gariin isaanii dur du'uu isaaniis hin dagatinaa.
Haala kamiinuu hiriyoota gaaʼelaa waan gaarii fakkaatu sanaaf miira hinaaffaa sana qabaachuun waanuma jiru natti dhagaʼama, garuu dhugumatti hin barbaachisu.

Bakki itti gaabbu hin jiru
Hundi keenya adda adda waan ta’eef karaan keenya gara guddinaattis fageenyaan tokko miti.

Gariin si dura dursee gariin immoo si booda dhufuu danda’a, garuu jireenya keessatti sadarkaa kam iyyuu yoo of argattu, .
Maaloo daangaa cabsanii gara fuulduraatti tarkaanfachuuf yaaluu keessan itti fufaa.

Milkaa'ina warra kaanii kabaju, kan kees akka dhufu Shakkii tokkoo malee amantiin eeggachuudha.

Qabsoo kee irraa abdii hin kutatin, yeroon kee ni dhufa waaqayyo jireenya ga'aa siif kenna akka gu

19/09/2022

Address

Arsi , Asela
Asella

Telephone

+251934949531

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Girma posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Girma:

Share