23/12/2024
Doktar Zaakir dabalatee namoonni kuma 35 ol kan irratti hirmaatan konfiraansiin da'awaa guddaan Naayiroobiitti gaggeeffame
Spider Media : Jumada II 23, 1446 AH
Konfiraansiin Islaamaa Guddaan namoonni kuma 35 ol irratti argaman biyya Keeniyaa magaalaa Naayirobiitti gaggeeffameera.
Daa'ii Idil-addunyaa Doktar Zaakir Naa'ik dabalatee biyyoota adduunyaa garaa garaa irraa hayyoonni Islaamaa gurguddoon dhufan konfiraansii kana irratti argamaniiru.
Konfiraansichi ergaa Islaamaa, nageenya, tokkummaafi obbolummaa Islaamaafaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu odeeffannoon Spider Media n miidiyaalee biyya keessaa irraa argate ni mul'isa.
Qondaalonni mootummaa biyyoota Afriikaa garaa garaa, daa'iiwwan Idil-addunyaa, ulamaa'oonni gurguddoon, keessummoonni kabajaa biyyoota adduunyaa garaa garaa irraa waamichi taasifameef hedduun konfiraansii kana irratti kan argaman yoo ta'u hawaasni 35,000 ol ta'es konfiraansii da'awaa guddaa kana hormaateera.
© Amar Temam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>