06/06/2026
Garaagarummaan"๐๐๐๐ญ๐๐" (๐๐๐ญ๐) ๐๐ข "๐๐๐๐๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ" (๐๐ง๐๐จ๐ซ๐ฆ๐๐ญ๐ข๐จ๐ง) bu'uura teeknooloojii, saayinsii kompiitaraa fi bulchiinsa sirna dijitaalaa ti. Gabaabaatti, daataan wanta dheedhii (raw) yoo ta'u, odeeffannoon immoo daataa erga qindaa'ee fi hiika kennee booda wanta uumamuudha.
Mee tokko tokkoon ibsa bal'aa haa ilaallu:
๐. ๐๐๐๐ญ๐๐ (๐๐๐ญ๐)
โDaataan dhugaawwan (facts), lakkoofsota, jechoota, mallattoolee ykn galmeewwan bifa "dheedhii" ykn osoo hin qindaa'in jiranidha.
โ๐๐ฆ๐๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐ฌ๐๐: Kophaa isaa hiika guutuu hin qabu. Murtoo dabarsuufis ta'e hubannoo argachuuf kallattiin hin gargaaru. Sirna kompiitaraa keessatti akka galteetti (input) tajaajila.
โ๐
๐๐ค๐ค๐๐๐ง๐ฒ๐: "192.168.1.5", "Kufaatii", "12:00", "5000", "0911...". (Kunniin maal akka ta'an ifa miti, tarreeffama qofadha).
๐. ๐๐๐๐๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ (๐๐ง๐๐จ๐ซ๐ฆ๐๐ญ๐ข๐จ๐ง)
โOdeeffannoon daataa walitti qabamee, qindaa'ee, irra hojjetamee (processed) fi hiika sirrii akka kennu ta'ee haala namatti toluun dhiyaatedha.
โ๐๐ฆ๐๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐ฌ๐๐: Haala (context) qaba, murtoo sirrii gochuuf nama gargaara, akkasumas gaaffiilee akka "Eenyu?", "Maal?", "Eessa?", fi "Yoom?" jedhaniif deebii kenna.
โ๐
๐๐ค๐ค๐๐๐ง๐ฒ๐: "IP Address 192.168.1.5 irraa sa'aatii 12:00 irratti yaaliin networkii cabsuu raawwatameera, garuu yaaliin kun Kufaatii ta'eera." (Kun hiika qaba, tarkaanfii eegumsa saayibarii fudhachuufis ni gargaara).
๐๐๐๐๐ฆ๐ฌ๐ ๐๐๐๐ญ๐๐๐ง ๐๐๐ซ๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ซ๐๐ฆ๐ฎ
Daataan gara odeeffannootti jijjiiramuuf sadarkaa bu'uuraa sadii darba (Data Processing Cycle):
โ๐๐๐ฅ๐ญ๐๐ (๐๐ง๐ฉ๐ฎ๐ญ): Daataa dheedhii walitti qabuu fi sirnicha keessa galchuu.
โ๐๐๐๐๐ฆ๐ฌ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ (๐๐ซ๐จ๐๐๐ฌ๐ฌ๐ข๐ง๐ ): Daataa sana qulqulleessuu, gurmeessuu, wal-madaalchisuu fi herreguu.
โ๐๐ฎ'๐๐ (๐๐ฎ๐ญ๐ฉ๐ฎ๐ญ): Odeeffannoo hiika qabu uumuu fi dhiyeessuu.
Fakkeenya sirna kaffaltii diijitaalaa (fkn Telebirr ykn CBE Birr) yoo fudhanne: Lakkoofsoti fi mallattooleen akka "5000", "0911223344", fi guyyaan har'aa daataa dha. Daataan kun yoo qindahuu" "Qarshiin 5000 lakkoofsa 0911223344 irraa guyyaa har'aa galeera" yeroo jedhu, daataa dheedhii sana gara odeeffannoo guutuu hubatamutti jijjiire jechuudha.
Join Our Channel
Youtube ๐https://www.youtube.com/-Tech
Telegramii๐https://t.me/adutechn
Tiktok ๐ www.tiktok.com/
Galatooma
ยฉ๏ธAdu Technology
2026