15/02/2026
ሁለተኛውን የጣሊያን-አፍሪካ ጉባዔ በጋራ በምናስተናግድበት በዚህ ወቅት፣ ጠቅላይ ሚኒስትር ጆርጂያ ሜሎኒን ወደ ኢትዮጵያ እንኳን ደህና መጡ ስል ታላቅ ደስታ ይሰማኛል።
ይህ አጋጣሚ ዲፕሎማሲያዊ ስብሰባ ብቻ ሳይሆን፣ በጣሊያንና በአፍሪካ ሀገራት መካከል ያለውን ጠንካራ አጋርነት ማሳያ ነው። ይህም አጋርነት በመከባበር፤ በጋራ ኃላፊነትና ለዘላቂ ዕድገት ባለን የጋራ ርዕይ ላይ የተመሠረተ ነው። የጠቅላይ ሚኒስትር ሜሎኒ ጉብኝት በንግድ፣ በኢንቨስትመንት፣ በኢነርጂ፣ በመሠረተ ልማት፣ በግብርና እና በፈጠራ ዘርፎች የቀጠለውን ትብብራችን ለማጠናከር ያለንን የጋራ ቁርጠኝነት የሚያረጋግጥ ነው።
Wayita Yaa'ii Xaaliyaanii - Afrikaa isa lammaffaa waltaanee keessumsiisaa jirru kanatti Ministira Muummee Joorjiyaa Meelooniitiin baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftani yoon jedhu gammachuu guddaatu natti dhagahama.
Taateen kun walgahii dippiloomaasii qofaa utuu hin ta'iin walta'insa cimaa Xaaliyaaniifi biyyoota Afrikaa gidduu jiru kan agarsiisudha. Walta'insi kunis mul'ata waloo walkabajuu, ittigaafatamummaa waloofi guddina waaraa irratti kan hundaa'edha. Daawwannaan Ministira Muummee Meeloonii walta'insa keenya dameewwan daldalaa, invastimeentii, anniisaa, misooma bu'uraa, qonnaafi kalaqaatiin itti fufee jiru cimsuuf kutannoo waloo qabnu kan mirkaneessudha.
It is my great honour and pleasure to welcome Prime Minister Giorgia Meloni to Ethiopia as we co-host the Second Italy–Africa Summit.
This occasion represents more than a diplomatic gathering; it symbolizes the deepening partnership between Italy and African nations; a partnership grounded in mutual respect, shared responsibility, and a common vision for sustainable growth. Prime Minister Meloni’s visit underscores our collective commitment to strengthening cooperation across trade, investment, energy, infrastructure, agriculture, and innovation.