29/07/2022
𝐖𝐚𝐚 𝐗𝐢𝐪𝐪𝐨𝐨, 𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐫𝐚𝐰𝐚𝐚 !
--------------
𝐍𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐚 𝐌𝐮𝐥l'𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐮𝐮𝐬𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚𝐭𝐢. 𝐟𝐮𝐮𝐥𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐮𝐮 𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢. 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 fal'aanaan 𝐛𝐚𝐡𝐚𝐫𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐬𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐫𝐚𝐚𝐛𝐮𝐮𝐭𝐢𝐢. Bakki irraa 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐭𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬𝐮𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐚.. 𝗔𝗿𝗿𝗮𝗮𝗳 𝗷𝗶𝗱𝗱𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮𝗵𝗶𝗶𝗻 𝗲𝗲𝗴𝗮𝗹𝗮..
Jaarraa 16ffaa keessa, 𝐢𝐦𝐚𝐚𝐦 𝐀𝐡𝐦𝐞𝐝 𝐈𝐛𝐫𝐚𝐡𝐢𝐦 𝐚𝐥- 𝐠𝐡𝐚𝐳𝐢( 𝐀𝐡𝐦𝐞𝐝 𝐠𝐢𝐫𝐚𝐧𝐲) jalqaba gaafa 𝐀𝐦𝐢𝐢𝐫 𝐀𝐛𝐮𝐛𝐚𝐤𝐚𝐫 𝐦𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐇𝐮𝐛𝐚𝐭 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮,
( as irratti magaalaa Hubat jechuun jaaraa 16ffaa keessa magaalaa 𝐨𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐧 𝐀𝐝𝐚𝐫𝐞𝐞 𝐱𝐢𝐪𝐪𝐨𝐨 𝐣𝐚𝐭𝐭𝐮𝐮𝐧 𝐭𝐚𝐧𝐚𝐚, naannoo magaalaa 𝐠𝐢𝐫𝐚𝐰𝐚 fi 𝐛𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 kana jiddu tutrte.)
Faradoo sadii qofa qabachuun gaarreen gurawaa kana keessatti of dhooyssaadhaan Leenjii waraanaa Eegale.suuta suuta, dhawwaataan waraanni isaa guddachaa dhufe. Keessattuu seenaa 𝐢𝐦𝐚𝐚𝐦 𝐀𝐡𝐦𝐞𝐝 𝐈𝐛𝐫𝐚𝐡𝐢𝐦 𝐚𝐥 𝐠𝐡𝐚𝐳𝐢 keessatti bakka guddaa kan qabu waraanni 𝐟𝐚𝐫𝐚𝐝𝐨𝐨 kan " 𝐌𝐚𝐥𝐚𝐬𝐚𝐲 " jedhamu naannuma gaara gurawa kana keessatti hundeeffame.
Bara 1577 G.C. irraa kaassee, Amiira 𝐦𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐚𝐫 kan ture, 𝐈𝐦𝐚𝐚𝐦 𝐦𝐚𝐡𝐦𝐦𝐚𝐝 𝐛𝐢𝐧 𝐍𝐚𝐬𝐢𝐫 𝐀𝐛𝐮𝐧𝐲𝐢 fi oromo jidduu lolli guddaan naannoo gaara mul'ata kana keessa akka ture barreeffama adda addaa irratti ibsame jira. Kana jechuun bara gada Roobalee keessa tahuu isaatii.
Naannoon gaara mul'ata tun dur irraa kaassee muxannoo 𝐥𝐨𝐥𝐚 𝐟𝐚𝐫𝐚𝐝𝐨𝐨 akka qabaachaa turte 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐟𝐨𝐨𝐥𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐦𝐚𝐚 as gahe. Jaarraa 16ffaa booda erga oni 𝐀𝐟𝐫𝐚𝐧 𝐐𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨 ( 𝐀𝐟𝐫𝐚𝐧 𝐐𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨 𝐜𝐨𝐧𝐟𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐜𝐲) hundeeffamee keessee, naannoo magaalaa gurawa bakka jiddu gala Leenjiin waraanaa itti kanamaa turteedha.
Akka manguddoon afran Qalloo jettutti naannawa magaalaa gurawaa kana keessa bakka 𝐑𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐲𝐚𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚 jedhamtutti Leenjiin loltoota faradoo kanamaa ture. Dur bakki 𝐑𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐲𝐚𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚 jedhamtu 𝐥𝐚𝐟𝐚 𝐚𝐟𝐫𝐚𝐧 𝐐𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨 tan keessa akka turte, dur mirriga keessatti waan jechaa turan irraa waa hubachu ni dandeenya:-
"Raaree Raada yaayyaa
Fardaa keessa saggaaraa
Barzaalaa dannaba gaalaa
Mul'ata tuuta gaaraa
Qaciiccaa lammii tiyya
Waan kute yaadadheen
Keessi koo Na Aaraa "
Magaalaan gurawa bara 1964 - 1980ti 𝐀𝐰𝐫𝐚𝐚𝐣𝐚 gaara mul'ata turte. bara 1889 G.C keessa, 𝐛𝐮𝐥𝐜𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐫𝐚𝐰𝐚 𝐝𝐚𝐣𝐚𝐳𝐦𝐚𝐜𝐡 𝐆𝐚𝐧𝐚𝐦𝐞 𝐆𝐚𝐥𝐨𝐨 hoggaa tahu Ras mokkonnin ilma isaa haylasilase isaa umriin isaa 14 hin guutiin dajazmach godhee muuduudhaan Bulcha magaalaa gurawaa godhe.magaalaa gurawa keessa daldaltoota lammii biyya Hindii arabootaafi warra giriikoota ture.
𝐁𝐚𝐫𝐚 1950 G.C. keessa daldaltoota babeekamoo magaalaa gurawaa keessaa 𝐀𝐡𝐦𝐞𝐝 𝐇𝐚𝐝𝐚'𝐢, 𝐁e𝐪e𝐥e 𝐌𝐚𝐧𝐠𝐚𝐬𝐡𝐚
𝐌𝐚𝐡𝐚𝐦𝐦𝐚𝐝 𝐇𝐮𝐦𝐚𝐝𝐢, 𝐁𝐞𝐪𝐞𝐥𝐞 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐚𝐚, Ahmed Gurage, Mohammed Gurage fi k.k.f kaasuu dandeenya.
Bara 1936 G.C. keessa mana hidhaa magaalaa gurawaa keessatti ajjeechaa suukanneessaa Lij iyaasu irratti gaggeeffame fi ragaa xaliyaanootaa yeroo biraa bal'innaan itti dachaana.
Thank you Hararghe Pictures