𝐀𝐛𝐝𝐒 𝐀𝐦𝐒𝐧 𝐁𝐚𝐀𝐚𝐫

  • Home
  • Ethiopia
  • Harer
  • 𝐀𝐛𝐝𝐒 𝐀𝐦𝐒𝐧 𝐁𝐚𝐀𝐚𝐫

𝐀𝐛𝐝𝐒 𝐀𝐦𝐒𝐧 𝐁𝐚𝐀𝐚𝐫 π‘±π’Šπ’“π’†π’†π’π’šπ’Š π‘Έπ’π’“π’Žπ’‚π’‚π’•π’‚ 𝑢𝒃𝒔𝒖𝒏 π‘­π’–π’“π’Žπ’‚π’‚π’•π’‚

Dantta waan Rabbiin ko naf qoode hin dhabu mafiin dhiiphadha  jirun Duniyaa tanaf ja,ee ofii Rakkisu malif!  jennaan Oli...
17/11/2020

Dantta waan Rabbiin ko naf qoode hin dhabu mafiin dhiiphadha jirun Duniyaa tanaf ja,ee ofii Rakkisu malif! jennaan Olif gada Fiigus Qooda kiyya malee Kan Bira hin Argu!

Obsee yoonin jiradhes Qoodaa kiyya hin dhabu guddo fi xiqqo Rabbiin naf kanne irrah.
Ani Gammade jirachu qofa fedhiin ko yaadan Mafiin Gubadha me?
Rabbiin qaba maliin dhaba qaba Kan Natti hin jiijiramane Kan yaada fi muraada kiyya Hunda naf Guutu Namni Rabbii qabu waan dhabee wan qabu wly Anii Irkkannoon Tiiyya Rabbii kiyya fi Ergam Rabbii S.A.W β€πŸ‘ˆ qofaa

ilimmii nama Salagal jiijiirama!!

15/11/2020
F  Galatoomii Baayyeen Sijaaladha, Yaadoota Ati Galgala Naf Latterra Dhabbadhen Barreesse.Haa dubbifamu! Goondaan waan y...
12/11/2020

F Galatoomii Baayyeen Sijaaladha, Yaadoota Ati Galgala Naf Latterra Dhabbadhen Barreesse.

Haa dubbifamu!

Goondaan waan yaadde galmaan ga'uuf si'a kuma tokko utubaarraa ni kufti ni kaati; ati Goondaarra ni caalta!!!┉

Kanniisni damma mi'aawaa san tolchuuf si'a miliyoona naannoo daraaronni itti argaman deddeebiti. Milkaa'inni xiyyeeffannoo fi obsa gaafata!

Ati inni dhiiraa isheen dubarris itti yaadi!

Kan hin darbanne......Hin rukkutu!
Kan hin ariine________Hin qabu!
Kan hin gaafanne___Deebii hin argatu!

''kanaafuu maal jechuun barbaade seetan, osoo boossuu akka deebisuu hin dandeenye yoo siif gale kolfaan gaggeessi!''

F., ari'atamuun hojiidhaan cichee si qabee, jiraachuu dadhabdee, maatii yaaddee, fuullikee ifee nama simatu sun badee, gammachuu sirraa fageesseera ta'a.
F.To, dhugaa kana siifan barreessa.

Waa'ee seenaa muka tokkoo sitti himuu! Yeroo tokko muka hin bareedin jallaa ta'etu ture(hubadhaa! Kan hin bareednen jedhe). Jal'aa ta'ee uumamuusaatti yeroo mara uumaasaatti guunguma ture....

Maarree guyyaa tokko mukti cittaan tokko , baayyee dhaabni isaanii kan tole mukkeen hedduu erga kutee booda muka isa jal'aa kana bira yeroo ga'u garuu, ''muka isa kana yoon kute galii kan jedhamteyyu waanan irraa argadhu miti'' jedhee erga yaadee dhiisee deeme......
Mukichis, ''yaa gooftaakoo, akkas jajal'ataa gootee waan na uumteef sin galateeffadha'' jedhe

Argitee F., sirriidha jireenyi darabaa ni ulfaata; akkuma mukichi jal'aa ta'uun isaa itti ulfaatee ture jechuudha. Ari'atamuun bor darbee mukichi jajal'aa ta'uusaa akkuma galateeffate, atis fiixee galma ga'iinsakee yeroo geessu ni galateeffatta.

qabadhaa!!

Goondaan bakka yaadde ga'uuf utubaa irraa si'a kuma tokko kufti; kaati. Ati garuu Goondaarra ni caalta.

Kanniisni damma mi'aawaa sana tolchuuf si'a miliyoona naanna'aa daddaraaroon itti argaman deddeebiti. Obboleettiiko, fiixaan ba'umsi xiyyeeffannoo fi obsa gaafata........

Itti yaadi!
Kan hin darbanne ----- hin dhahu
Kan hin ariine ------- hin qabu
Kan hin gaafanne --- deebii hin argatu
Xiyya gara duraatti darbachuuf jalqaba gara ribuu isaatti harkifamuu qaba. Amma ati inni dhiiraa isheen shamaraas ergaa kana dubbisaa kan jirtan , akkuma xiyyichaa deemsa jireenyaan gara duubaatti harkifamaadha gara duraatti yeroo darbattu eenyuyyu si hin danda'u!
Jechamittii kana hin irraanfatin(fandishaa akkamiin bareeddee?'' jennaan, abiddicha waanan danda'eef) isa jette. Sarara jireenyaa keessatti fiixaan ba'umsa argachuuf, dirqama rakkinicha darbuu qabna!! Immoo dhiphattee, aartee waan jijjiirtu qabdaa??... Hin jiru!
Kanaafuu, yeroo tokko tokko otoo boossuu waan deebisuu hin dandeenye tokko, otoo kolfituu dhabuunis gamnummaadha!!

Yeroo Gaarii✍🏻.........
β™₯Daddafee akka isin ga'uuf like share fi commentiin shaa... πŸ™


!!!!

MULLATAKEE!Galmi kaayyoo keetii hamilee alaatiin osoon ta'in, mullata keetiin jaarama.Mullata kee dhugoomsuudhaaf; ifaa ...
11/11/2020

MULLATAKEE!

Galmi kaayyoo keetii hamilee alaatiin osoon ta'in, mullata keetiin jaarama.Mullata kee dhugoomsuudhaaf; ifaa nama biraa hinaaffaan kajeeluu fi ifa isa saniif ife dhaamsuun hin dhugoomsitu.

Kan mullatakee itti dhugoomsitu; qarookeetiin kaayyookee irratti xiyyeeffannaan millachuun, ifa hanga muraasa harkaa qabdu san kaayyookee irratti ibsatteenii, maddaalee garaagaraa irraa humna dabalataa waraabbachuun dhugoomsita.

Kana yeroon ja'u; beekkumsa xiqqaa arra harkaa qabdu irratti kitaabaalee garaagaraa dubbisuun, gahumsa yaadakeetii ballisaa deemta jechuu kiyya.

Ati arra osoo beeytuus ta'e, osoon beekin mucucaattee kufuu dandeessa. Kufakee sanitti kumaaf kitilli madaala isaanirra si kaayanii si sablisanii, bifa tuffiitiin sitti kofluu danda'an.

Yeroof, humna sagalee isaaniitiin diranii si waraanuu fi darbatanii hamilee si cabsanii, qalbii si meeleessuu danda'an. Garuu, yoo ati jecha isaanii irraa hafuu dadhabdee, if naafeessuu barbaaddeen alatti. Yoo ati isaaniif gurra kennuu baattee, bakka kuftee laalaa sanii wajjiin tarkaanfattee deemsakee itti fufte.

Na amani, boru ifiikee qofaa mitii, isaan sanuu ni wallaanta. Gaafa kuusaan ifaalee xixiqqaan ati arra harkaa qabduu kun walitti qabame warra hin qabneef ibsuu eegale, humni annisaa isaa ifaa isaan warra humna dadhabaa qabu irraa saamanii hamilee namaa irratti ittiin qisaasaa jiran dhume.

Kan dura sirraa ibsachuuf liqii si gaafatan isaan ta'uu danda'a. Ati garuu, isaan bira kutee warra dukkana wallaalaa jala guutuu addunyaa irra jiraniif nama ibsu ta'uu dandeessa. Kana hogguun ja'u haloo keessa keetitti kuusattee ifaa isaanii jalaa dhaamsuu qabda jechuu miti.

Madaa kaleessaa san idduma itti kufte sanitti laalaa isii dhiistee akka lammada hin kufnetti tarkaanfachuun; haala fi gocha kufaatiikee yeroo saniitiif sababa ta'ee fi sagalee namootaa bakka itti kuftee if irraanfatte sanirraa si dammeesse akka sababa jijjiirama sadarkaa arra irra geessee fudhachuun, isaaniifillee galata galchitee isaan barsiisuu qabdaa

10/11/2020
10/11/2020

Namni gaafa nama yaada isaa hubatu dhabu,gaafa waan dubbatu akka itti of keessaa baasu dhabee danqamu,haqa utuu qabuu gaafa cubbamaa fakkeeffamu,warri arraba dheeraa fi sagalee guddaa gaafa lallabaan isa caalu,gaafa hudhamee dhugaan morma isaatti rakkatu,"Rabbi guddaan haa faradu" jechuu malee waan baasu hin qabu.

Iccitii haasaa kanaa beekuuf nama ta'uurraa kan hafe siyaasa biraa beekuu hin barbaachisu.

Maashaa Allah Maatii Jaalalan guutame Rabbiin Umrii Dhertuu Fayya Gaarii, Jiruu ibaada tan Gammachu Tan Barakha.Jaalala ...
09/11/2020

Maashaa Allah

Maatii Jaalalan guutame Rabbiin Umrii Dhertuu Fayya Gaarii, Jiruu ibaada
tan Gammachu
Tan Barakha.
Jaalala Jibbansi boodan jirre
Qabeenya Dhabni boodan jirree
Ibaada hifannan boodan jirre
Giddina xiqqeenyi boodan jirree.
Rabbiin Qabeenya fi ilmaanin isin Haa Badhaasu

Obsi Jijjiramatu Dhihatee, Yeroo Jijjiramni Dhihate Jireenyi ni cimaOsoo rakkoon jiraachuu baate addunyaan tun hin gudda...
08/11/2020

Obsi Jijjiramatu Dhihatee,
Yeroo Jijjiramni Dhihate Jireenyi ni cima

Osoo rakkoon jiraachuu baate addunyaan tun hin guddattu. Rakkoon madda kalaqaati. Rakkoo keessaa carraa guddinaa fi badhaadhinatu jira. Rakkoon yoo si qunname rakkina dandamachuuf sammuun kee sirriitti hojjachuu eegala.

πŸ™†β€β™‚οΈ Rakkoon Waldhabbiin osoo hin jirannee meeshaan Waraanaa taankii, jettii, misaayilii fi Niwuklariin hin uuman ture.Meeshaaleen kun nama sirrii harka yoo galan rakkoo furu. Nama hamaa harka yoo galan rakkoo uumu.
Kan caaluu argachuu fi bakka hawwite gahuuf, kan harkaa qabdutti sirritti fayyadamuun rakkinacha furi. Jireenya itti aanuuf immoo muuxannoo siif ta'a.

08/11/2020

"Yaa Nama rakkatee rakkoo san namatti himachuu qaanfate rabbi rakkoo tee si haa furu
Aamiin allaahumma aamiin

Osoo oltee hin bulle saa'aa amma keessa jirtu keessatti, haajaantee haa taatuu, rakkoontee haa furamtu, tan dhokotte siif haa mullattu, tan jabaattee siif haa laaffattu, tan fagaatte siif haa dhihaattu, tan dukkanooyte siif haa iftu.
Kaayyntee tan keeyrii galma siif haa geeysu

Ali Sufiyan

04/11/2020

MAALOO MEE HIN JARJARINII OBSI
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’

Abbaan manaa hujii isaa irraa yommuu deebi'u waldhabbiin xinnoon haadha manaa isaa wajji
uumame. Dallaneetiin loluu eegale. Haati manaas kan tasgabbooftu hin taane. Isheenis ibidda taate. Yoo inni waa jedhu isheenis danfitee arraba itti lammeesiti. Manni jireenya isaanii xinnoo taate sun jechoota dallansuu afaan isaanii keessaa bahuun
oowwitee takkattumaan dirree waraanaa fakkaatte.

Haati manaa irra deddeebitee "amma na gahee jira. ani lamuu si wajji jiraachuu hin barbaadu na hiiki
jedheera na hiiki. Gahe na xalaaqi siin jedheera" jechuun dubbachuu eegalte. Abbaan manaas dallanee jiru tole lama yoo hiikkaa barbaadde jedhee waraqaa xinnoo kiisii (kophii) isaa keessaa eega baasee booda irratti waa barreessuun poostaa
keessatti haguugee "kinoo waraqaa hiikkaa kee fudhadhu" jechuun itti kennee mana gadi lakkisee bahe.

Jechoota u'ulfaatoo aariidhaan abbaa manaa isheetti kan dubbataa turte haati manaa eega abbaan manaa ishee mana gadi lakkisee gadi bahee
booda wantoota uumamaa jiran of-duuba deebitee yommuu xinxallitu wanti dalagde hundi dogongora akka tahe hubatte. Bultiin ishee kan akkasitti aarsaa hedduu kaffalteef suni akka salphaatti yommuu
diiggamu, abbaan manaa osoo kiyya naaf tahee jettee hawwaa turtee kan xumura irratti isheef milkaawee kan ofii godhatte sun, osoo bultii
ijaarattee waggaa iyyuu hin guutin qaama ishee walakkaa kan tahe abbaa manaa ishee nama birootiif kennaa akka jirtu yommuu hubattu dogongorri isheen dalagde garaa ishee raase. "Kuni gonkumaa tahuu hin qabu" jettee kophaa ishee
teessee booyuu eegalte.

Jidduu kanatti abbaan manaa deebi'ee gara manaatti aseene. Jecha tokkollee osoo hin dubbanne gara kutaa ciisichaatti aseenee siree irra
taa'e. Haati manaa osoo boossu dhuftee "jaalallee koo! Dogongora guddan dalagee jira. Wanta
dalagettis gaabbee jira. Maaloo hiikkaan keenya kun akka hin milkoofneef maaloo daddafiitii sheekkota irraa fatwaa nuuf gaafadhu" jetteen. Abbaan manaas amanuu dadhabee "Dhuguma jedhaa jirta. Onnee kee irraa gaabbitee naaf dubbattee?" jedheen. Eeyyan maaloo dafi yeroo hin qisaasin isaan jette.

"Tole kaa mee xalayaa duratti siif barreessee deeme san baniitii nuuf dubbisi" isheen jedhe. Isheenis Poostichaa bantee dubbisuu eegalte.

Xalayaan sun akkana jedhaa ture "Ishee san tan osoo jaaladhuun tan osoo barbaaduun, kan koo akka taatuuf osoon hawwu, tan leeylii salaatee Rabbii koo kadhadhee argadhe san waldhabbii xinnoo tanaaf jedhee nama gowwaa ishee hiikuuf deemuu miti. Jaalallee koo asi duniyaa qofa irrattii mitii aakhirattis haadha manaa koo jannataa akka
taatuufis ture Rabbii koo kan kadhadhe. Kanaaf jaalallee koo wollaahi si hin hiiku!!!" Kan jedhu dubbifte. Xalayicha irraa!

Haati manaa humna morma ishee olqabattee ija guutuun abbaa manaa ishee ittiin ilaaltu dhabdee gadi jettee hiqqifattee boosse. "Abshiirii jaalallee koo tasgabbaahi! Furtuun rakkoolee jireenya keenyaa hiikkaa osoo hin taane yeroo hundaa jaalalaa fii jaalala qofa dha" jedheen.

Maaloo obboleessa koo! Rabbiin 'hiikkaa' harka kee irra kan kaayeef akka mallaqa abbaa hin qabnetti
iddoo argite hundatti haa sheraftuuf osoo hin taane wantoota uumaman onnee tasgabbii qabduun
madaalteetiin akka qabduuf jedheetiin waan taheef waan hundaafu 'hiikkaa" akka filannoo jalqabaa gootee hin fudhatin.

Jaalallee tee tan har'a uttaaltee 'si hiikee jira' jettuun sana kaleessa ishee argachuuf daandiilee bira dabrite hunda yaadadhu!

Obboleettii too atis akkasuma!

Yaa Rabbi bultii keenya nuuf tiksi. Bultii akka haadha keenya hawwaa fii abbaa keenya Aadamii (a.s) nuuf taasisi!

Address

π‘Άπ’“π’π’Žπ’Šπ’‚
Harer

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when 𝐀𝐛𝐝𝐒 𝐀𝐦𝐒𝐧 𝐁𝐚𝐀𝐚𝐫 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share