12/11/2020
F Galatoomii Baayyeen Sijaaladha, Yaadoota Ati Galgala Naf Latterra Dhabbadhen Barreesse.
Haa dubbifamu!
Goondaan waan yaadde galmaan ga'uuf si'a kuma tokko utubaarraa ni kufti ni kaati; ati Goondaarra ni caalta!!!β
Kanniisni damma mi'aawaa san tolchuuf si'a miliyoona naannoo daraaronni itti argaman deddeebiti. Milkaa'inni xiyyeeffannoo fi obsa gaafata!
Ati inni dhiiraa isheen dubarris itti yaadi!
Kan hin darbanne......Hin rukkutu!
Kan hin ariine________Hin qabu!
Kan hin gaafanne___Deebii hin argatu!
''kanaafuu maal jechuun barbaade seetan, osoo boossuu akka deebisuu hin dandeenye yoo siif gale kolfaan gaggeessi!''
F., ari'atamuun hojiidhaan cichee si qabee, jiraachuu dadhabdee, maatii yaaddee, fuullikee ifee nama simatu sun badee, gammachuu sirraa fageesseera ta'a.
F.To, dhugaa kana siifan barreessa.
Waa'ee seenaa muka tokkoo sitti himuu! Yeroo tokko muka hin bareedin jallaa ta'etu ture(hubadhaa! Kan hin bareednen jedhe). Jal'aa ta'ee uumamuusaatti yeroo mara uumaasaatti guunguma ture....
Maarree guyyaa tokko mukti cittaan tokko , baayyee dhaabni isaanii kan tole mukkeen hedduu erga kutee booda muka isa jal'aa kana bira yeroo ga'u garuu, ''muka isa kana yoon kute galii kan jedhamteyyu waanan irraa argadhu miti'' jedhee erga yaadee dhiisee deeme......
Mukichis, ''yaa gooftaakoo, akkas jajal'ataa gootee waan na uumteef sin galateeffadha'' jedhe
Argitee F., sirriidha jireenyi darabaa ni ulfaata; akkuma mukichi jal'aa ta'uun isaa itti ulfaatee ture jechuudha. Ari'atamuun bor darbee mukichi jajal'aa ta'uusaa akkuma galateeffate, atis fiixee galma ga'iinsakee yeroo geessu ni galateeffatta.
qabadhaa!!
Goondaan bakka yaadde ga'uuf utubaa irraa si'a kuma tokko kufti; kaati. Ati garuu Goondaarra ni caalta.
Kanniisni damma mi'aawaa sana tolchuuf si'a miliyoona naanna'aa daddaraaroon itti argaman deddeebiti. Obboleettiiko, fiixaan ba'umsi xiyyeeffannoo fi obsa gaafata........
Itti yaadi!
Kan hin darbanne ----- hin dhahu
Kan hin ariine ------- hin qabu
Kan hin gaafanne --- deebii hin argatu
Xiyya gara duraatti darbachuuf jalqaba gara ribuu isaatti harkifamuu qaba. Amma ati inni dhiiraa isheen shamaraas ergaa kana dubbisaa kan jirtan , akkuma xiyyichaa deemsa jireenyaan gara duubaatti harkifamaadha gara duraatti yeroo darbattu eenyuyyu si hin danda'u!
Jechamittii kana hin irraanfatin(fandishaa akkamiin bareeddee?'' jennaan, abiddicha waanan danda'eef) isa jette. Sarara jireenyaa keessatti fiixaan ba'umsa argachuuf, dirqama rakkinicha darbuu qabna!! Immoo dhiphattee, aartee waan jijjiirtu qabdaa??... Hin jiru!
Kanaafuu, yeroo tokko tokko otoo boossuu waan deebisuu hin dandeenye tokko, otoo kolfituu dhabuunis gamnummaadha!!
Yeroo Gaariiβπ».........
β₯Daddafee akka isin ga'uuf like share fi commentiin shaa... π
!!!!