Obbo Taaddseee Taa abbaa ijoollee sadii turani isaanis Dagnachew taddese, Bizuhayeu Taddese, wendwosen Taddese yeroo ta’an haadha warraa isaanii booddana fuudhani irraa kan horatani dha. Kan isaan jiraachaa turan Naqamtee Bakkee Jama (Qeeraa) kan jedhamu yeroo ta’u hanga addunyaa kana irraa boqotanitti bakkuma kana waggaa 50 oliff jiraachaa turaniiru. Bakki isaan jiraachaa turan kun magaa Naqamte
e keessa bakka iyyeeyyiin ykn harqa qaleeyyiin baayyinaan jiraataniidha ijoolleen naannoo kana jiraatan baayyeen isaanii rakkoo maatii irraa kan ka’e carraa mana barumsa galanii barachuu hinargatani akkasumallee maatiin isaanii ijoollee isaanii kanaaf waan barbaachisullee guutuufii kan hindandeenyyee dha. Garuu Obbo Taddeseen yeroon lubbuun jiraachaa turanitti jreenya ulfaataa keessa utuma jiraniillee ijoolee isaaniifi barumsa ga’aa akka argatan taasisaniiru. Haaluma kanaan isanii keessaa inni hangafaa dagnachew Taddese mul’ata abbaa isaanii dhugoomsuuf baayyee yaada ture ijoollee isaaf qofa utuu hinta’inijoollee maatii harqa qalleeyyii naannoo itti dhalate guddate jiraniifis. Haatiwarraa isaa Adde Wilma Rooijakersis Naqamteen yeroo hojjechaa turtetti naannoo Bakkee Jamaa kun akka gargaarsa barbaadu hubattee isheenis fedhii gargaaru akka qabdu ibsiteetti. Obbo Taddesee Taa ammaa kana lubbuun boqotanii jiru kan isaan boqotanis Hagayya umurii isaanii waggaa 87 ti hata’u malee Obbo Taaddeseen hanga guyyaa gaafa boqotaniitti ijoollee ijoollee isaanii ykn akaakayyuu isaanii barumsa dhaqanii barataniif akkaawoo isaanii ykn haadha warraa isaanii waliin hordoffiif degeresa cimaa hangana hinjedhamne gumaachaa turaniiru ijoollee ijoollee isaanii waliinis jiraachaa waan turaniif akaakayyuun isaanii kun barumsa isaanitti hojii manaa isaaniillee akka hojettani hordofaa turaniiru. Ijoollee Obbo Taaddesee keessaa inni hangafaa Dagnachewn gara biyya Aworopaa Netherland bara Sadaasa 2016 EC deemuun haadha warraa isaa har’aa adde Wilma Rooijackers bultoo dhaabbatee. Erga biyya Netherland jiraachuu jalqabee ka’ee utuu Abbaan isaa lubbuun jiruu yeroo bilbilaafii turetti Abbaan isaa Obbo Taadddeseen waa’ee ijoollee isaa kan Dagnachew sadan akka isaan barnoota gaariiargattan gorsaa turaniiru. Haaluma kanaan Dagnachewn obboloota isaa lamman waliin mariyachuun mul’ata abbaa isaanii kana dhugoomsuuf yoomiyyuu maqaan abbaa isaaniis akka dagatamee hinhafne yaaduudhaan waliigaltee tokkorra ga’anii projektii kana jalqabuuf. Xiqqoo irraa jalqabuun, ballisanii waan guddaa yaaduun dhaadannoo keenya guyyaa 90 darbaniiti. Karoorri yaadame barana ijoollee maatii harkaqalleeyyii 10 fi sponsara ta’uun barumsaaf waan isaan barbaachisu guutuudhaan gargaaruu dha. Kanuma dhugoomsuuf jecha Obboloota isaa wenwosen Taddesee haadha warraa isaa waliin bakka qe’ee Abbaa isaanii waan jiraataniif ijoollee gargaarsa barbaachisu kana adda baafachauun waan dandaa’amuuf mana barumsaa naannoo dhaloota isaanii kana jiru wajjin walquunnamuun ijoollee gargaarsa barbaadan adda baafachuun ni danda’ama. Kanaafuu gargaarsa ijoollee 10 kanaaf godhamu kanneen akka uccuu ykn uniform isaanii hodhisiisuufi meeshaalee bara barnootaa kanaaf ta’u guutuu kan akka :-Uffata barnootaa ykn uniform bratootta 10f, Irsaasii 8 tokkoon tokkoon isaaniif,qalama 5 tokkoon tokkoon isaaniif,Laaphisii tokkoon tokkoon isaaniif kan ittiin irsaasa qaratan tokkoon tokkon isaanif, dabtara 15 kan luukiin isaa 100 ta’e tokkoon tokkoon isaaniif. De zoons van Tadese Taa willen in de nagedachtenis van hun vader een aantal van de kinderen in hun buurt ondersteunen in hun educatie. Wanneer er genoeg geld is om kinderen naar school te sturen, ontbreekt het vaak aan geld voor de benodigde schoolmaterialen. Om één kind te voorzien van de benodigde materialen voor 1 jaar maken we € 50,00 aan kosten. Help jij ons mee helpen?