Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa

Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa, Office supplies, Sebeta.

14/10/2024

Irreech bara kanaa Akkataa Safuufi duudha isaa eeggateen karaa naamusaafi kabaja qabuun Irreecha Horaa Finfinnee(Doloolloo Biddeenaa) irraa eegalee Hora Harsadeetiin ittifufee Malkaa Magalotaafi Baadiyyaa Oromiyaa keessatti hanga Guyyaa kaleessatti kabajamaa tureefi Fuuldurattis kabajamuuf jiran Milkaahuu isaatiif nutis Irreecha Malkaa Sabbataa Milkiin Xumuruu keenyaaf qamolee milka'ina kana irratti hirmaatan hundaa osoo gargar hin qoodiin Maqaa Waajjira Aadaafi Turiizimii kutaa Magaalaa Sabbataatiin Ulfaadhaa galatoomaa jechuu barbaann.

25/09/2024
Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa Marii Abbootii Gadaa,Hadholii Siinqeefi  Jaarsolii  Biyyaa waliin  M...
25/09/2024

Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa Marii Abbootii Gadaa,Hadholii Siinqeefi Jaarsolii Biyyaa waliin Marii Ayyaana lrreechaa bara kanaa ilaalchisuun marii gudda taasisee jira. Marii kana irratti Safuufi duudhaa sirna Gadaa hordofuudhaan Abbaan Malkaa, Gadaa Michelle, Abbaamuudaa, Abbaadirree, Gadaa MeelbaafiAbbaa Bokkuu akkaataa adeemsa Safuufi Safeeffannaa duudhaa Oromoo irratti mari'achuudhaan Namoota seerri kennuuf Haadholii siinqee dabalatee namoota Sagal sirna kana bakka bu'uudhaan seericha akka qajeelchan murteessanii jiru. Marii kana irratti Qindeessummaa waajjira Aadaafi Turiizimii kutaa Magaalaa Sabbataatiin Ayyaan Irreecha bara kanaa karaa duudhaafi safuu Oromoo eeggateen akka kabajamuufi nagaadhaan akka xumuramu marii kana irratti koree kutaa magaalaa Sabbataa, Galaan Guddaafi Furii irraa walitti dhufee ijaaramee jira.
Marii kana irratti keessummaaota kallattii lixaafi kibba lixaatiin Hora Finfinneefi Harsadee dhufu simachuuf qophiirra jiraachuufi nageenyaa Ayyaan Irreechaa kana eeguuf Folleen magaala kanneenii qophiirra jiraachuu ibsaniiru.
Gama waajjira Aadaafi Turiizimii kutaa Magaalaalee sadaniitiin qaamni hirmaachuu qabu akka hirmaatuuf deeggarsi barbaachisaan akka godhamuufi qindoominaan akka hojjatamu ergaa dhaamuun marii isaanii xumuranii jiru.

Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa  Karoora bara Haaraatti qabate keessa tokko kanta'e  Waldaalee Indus...
02/09/2024

Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa Karoora bara Haaraatti qabate keessa tokko kanta'e Waldaalee Industirii Godoo, Aadaafi Duudhaa Hawaasaa eeganii Huccuu Aadaafi Ammayyaa warri hodhan isaan tokko, kanaaf Bara kana namoota dhuunfaan faffaca'anii jiran gara tokkotti fiduudhaan Waldaa Aksiyona Huccuu Aadaaafi Ammayya irratti ogummaa qaban ijaaruun Ofis fayyadanii Misooma biyyaa keessatti akka hirmaatan taasisaa jira.
Haaluma kanan Hagayyaa 26/2016 Bakka Bulchiinsi kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Ashannaafi Camadaafi Ogganaan Waajjira Aadaafi Turiizimii Magaalaa Sabbataa Obbo Huseen Amaanoo akkasumas, Bakka bu'aan Waajjira aadaafi Turiizimii Magaalaa Shaggar argamanitti Waldaa Miseensota 80 ol qabuufi kaappitaala miiliyoona 3.5 ol ta'uun ifatti hundeeffamee jira.

01/09/2024

BAACAA SILASHII - BIRRII TIYYA | New Oromo music 2024 (Official Video)

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sabbataatti Ayyaanni Masqala  Oromoo Malkaa Sabbataatti Bakka Bulchinsi  kuta...
22/08/2024

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sabbataatti Ayyaanni Masqala Oromoo Malkaa Sabbataatti Bakka Bulchinsi kutaa Magaalaa Sabbataafi Hogganaan Waajjira aadaafi Turiizimii kutaa Magaalaa Sabbataa,Abbootiin Gadaa, Hadholii Siinqeefi Jarsoliin Biyyaa, fi Bakka bu'oonni Waajjiraalee Aadaafi Turiizimii kutaa Magaalaa Furii fi G/ Guddaa, Qamolee Hawaasaa kutaa Magaalaa Sadeenii Bakka argamanitti bifa Hoo'aan Ibsaa Masqalaa ibsuudhaan kabajamee Ooleera.
Ayana kana irratti Bulchaan kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Ashannaafii Camadaa akka jedhanitti Ayyaanni Masqala Oromoo Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa hordofee Haala kanan kabajamuun isaa gara fila duraattiis saran cimee akka itti fufuufi Caalaatti akka babal'achuu qabu dhaamanii jiru.

Ittigaafatamaan Waajjira aadaafi Turiizimii kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Huseen Amaanoo Akka jedhanitti Aadaan Kenya waggoota dhibbaafi Shantamaa oliif awwaalamee ture bifa haaraan haala miidhagaafi hawwataa ta'een duudhaa ganamaa eegee kabajamuun isaa baay'ee nama gammachiisa jedhanii jiru. Dabalataaniis, Ayyaanni Masqala Oromoo kun gara fuulduraatti walta'iinsa Kutaa Magaalaa Sadaniitiin akuma jalqabametti caalaatti ol guddisuun of danda'ee akka barabaraan kabajamu fi Korean Abbootii Gadaa kutaa Magaalaa sadeen irraa akka dhaabatu ergaa dabarsanii jiru. dhuma irratti eebba Abbootii Gadaatiin xumuramee jira.

Address

Sebeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Aadaafi Turiizimii Kutaa Magaalaa Sabbataa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share