23/09/2023
Hin ifatinii dubbisii irratis qabsa'ii Adaraa amaana dhaloota.!!!!!!!
Dhimma lafa Madoo migoo ka olla Ammarreesa Dallaalaafi caasan gandaa gurguratee fixee odeefanoo jettu qulqulleefadhee Jira .
Odeefannon argannee bayye na rifachiise
Lafti Kun Akka ragaa argannetti yeroo muraasa booda harka ummata gabra Akka hin jirre Wal nama hin gaafachiisu .madda rakko kanaatif haala mijeesa kan jiru caasa gandichaati
✓laftii madoo migoo olla Ammarreesa jedhamtu Kun karaa aspaaltii Aaduu dhihaati kan argamtuu Fi Ganda shawabarre Fi caamuqiin waldaangeesiti .
Lafti Kun wagga dheeraaf aga ummati irra duraan jiru malee kan hafee hunddi plaaniin irra kan hin bu'iiniifi bifaa kalootin qabamee kan tureedha. Egii plaaniin irra bu'e booda Akkaata Walii galtee umataatin qoodi abbichaaf kennamu kennamee kan hafee maqaa warra lafa hin qabneef kenina jedhuun ummata irra fuudhamee harka caasa gandaa gala .
Hata'uu malee warra lafa hin qabneef wantti kennamu hin jiru .
* Lafti Kun karaa sadiin guruguramtti
✓ gama caasattin lafa ummata irra oso hin fuudhin durati abboti qabeenna Fi dalaaltoota lafa gurgurtaan irra qarshiin fuudhamee yeroo abooti irra fuudhan lafati kennamaaf bifaa kanaan Dalaaltooti ykn Abootiin qabeenna namni tokkoyuu jiduu galeesan lafa 10 oll qarshii diqaan harkatti galfata . Jarri Kun bu'aa gudda irra keeyyate gurgurata warri lafa kana bittu Amaara,Burjii,Guraage Fi Arsii qofa Gabraafi Boorani qarshii guddo namaaf hin Kennan yaada jedhuun warra kana qofaaf guruguramtti yeroo kanatti caasan gandaa raga waliif dabarsaa lafa gurguramte kennuf lafa tokko irra qarshii Kuma 20_30 fudhatte mirkaneesa. kana malee gartokeen isaani ofiifu dalaala ta'uun perseenti fudhatti.
✓ karaa abooti lafaatin lafa qooda isaaf kenname ergaa caasan Waliin mirkaneefate booda lafa harkaa dalaalati kennun qarshii itti naaf barbaadi jedhee egata dalaalaan bu'aa ofiitif waan gurguruuf olchee oso hin bulchiin warra gubbatti maqaa tuqnee kana itti fidee xumuraa Ammas caasan qarshii Kuma 20-30 kan waraqaa kaan fudhatte qofa mirkaneesa .
sababa kanaaf Yeroo Amma jiraatooni Ganda kana caasa dabalatee irra heddun hojii dalaala lafa hojii idilee godhatanii irratti boba'u.
✓ lafaa caasan abbumaan hiratu caasan egii abooti irra fuudhe Akka barbaadetti waliif Kenna. isaan Kun quntumaaf oso hin ta'iin bu'aa dhuunfaatif qarsh*ti Akka geedaratuf lafti bifa kanaan caasan gurguratee lafa 32 oll yoo ta'uu yeroo Amma kanatti miseensa isaani keessa yoo rakkon hawaasuma jiraate wantii Waliin jarri gargaaru lafa ummata irra fuudhan waliif kennani gurguuun Akka ta'ee dhageene jirra . Isa kanaan badhaadhun irra heddun isaani kaan dhadheen dabalatee kaan ijoolle ofii ittin fuusise Jira.
∆ waan nama aja'ibuu lafa kana ummati gabra kan quntumaaf nuuf Kenna jedhee gaafatu baayedha gaafi kanaaf deebi hin argatuu namooti lafa quntumaa hin qabnee kan gaafi iyyanno isaani Kara waajira gandaati galfatanii ragaan iyyanno waajira Ganda jiru 247 kana keessa nama bara 2008 Akka lakofsa Ethiopiati galchee hanga Ammaati deebi hin argatinitti jira ragaa oso sakataatani ni argatuu.
Namooti hanga Ammaati deebi argattan 25 qofa isaan kunuu miiloon caasa keesa warra qabu qofa
Kanaafu lafti Ganda mado migoo olla Ammarreesa harkaa gabraati baate ummata biraatiin bakka buute jirtti .maqaan Maddo migo essati geedaramuuf deema????
Haftee dhaqabachuu yoo barbaadan caasan gandichaa guutumaati hojii irra geegefamuu qaba
qaama fooyye qabu dargagoota itti makuun bifaa haaran ijaaramuu qabu ta'uu baannan jibaadha.
Hoggansii gabra ka waan kana oso argitanuu duraanu itti calliftan seenaan isan gaafata kan duraan hin beenne waan jiraa isaniif ifa goone jirra itti lakifnaan seenaan isan gaafata!!!!
Dargagoota gabra kan mooyyale hunddi dhimma kanaa irratti ennule hin eginaa dhimma kana hordofa dhaabsisa ta'uu baannan seenaan walumaan Isa gaafata.
G/G
waajira Bulchiinsa lafa magaalaa Moyyaleetif
I/A kantiiba Magaala Moyyaleetif