13/12/2022
SEENAA HACAALU HUNDEESSAA
Hacaalun Abba Isaa obbo Hundeessaa Bonsaa Fi Hadhaa Isaa Addee Guddattuu Horaa Irraa Bara 1976 nannoo Oromiyaa Godinaa lixaa shawaa Magaalaa Ambootti Dhalatee.
Art Haacaaluun Maatisaaf mucaa shanaffaa yoo taāu obbolloota dhiiraa jaāaa fi obboleeyyan durbaa afur qaba.
Akkuma ijoollee Oromoo kamuu Haacaaluun maatisaaf loon tiksaa akka guddate dubbata.
Barnootasaa hanga kutaa kudha lamaatti achuma magaalaa Ambotti barate.
Haacaalun baayyinaan maatiisaa biratti kan guddate yoo taāu akaakayyuusaa biras jiraateera Akaakayyuusaa waan jaalatuufis, mana barumsa dhihoo jiru dhiisee kan naannoo mana akaakayyuusaa jirutti fagoo deemee barachaa ture.
Haacaaluuf Magaalaa Amboof Olmaa Gudda qaba Akkasumas Ummata oromoo Hundaaf. Amboo magaalaa Oromiyaa gara dhihaatti aanaa Amboo keessatti argamtu Magaalaan kun Finfinneerra gara dhihaattii Kiilomeetira 125 fagaattee argaamtu Yoo tatuu goota Oromoo Kanaa Biqilchitte guddisu Kessati Ga,ee Olaana qabdi.
Haacaaluun jjolumaa isaa irra kasse Ummataf Maati Isaa Quqama qabachuu Isaa kan Dubbatan hiriyyoni Isaa Bara 1995 Wayitaa Baratta Tureti ummataa isaaf Falmuuf Ol jedhee Fuldura Galee dubbachuu fi moormufi ture.
Ijoolluma irra kasee fedhiin inni Muziqaf Qabu Olāaana ture Haa taāuu Garuu Abba Isaa obboo Hundeessa irra Fudhatama Hin arganee ture Abban Isaa Obbo Hundeessaan Ilmii Isaa Por. ykn Dr akka taāuuf hawwu wan taāeef Weellissaan goola Qabuu Goolo Maale Jechuun Qaneessu Ture.
Garuu Fedhiin Isaa kessaa jiru Loola fi Xirāuu Abba Isaattin Hin Dangeffamnee yoo Maati Biraa bahee Loon Tiksuu Afaan Isaa osoo gunguumu olaa.
Ijoolummaa irra kasse sirbaa Dawwite mokonnin Fi Sayoo (Tsegayye) Dandaanaa siritti Wellisufu Akka isaan Hordoofus Jaalatu dubbata Haacaaluun. Sirbaa Dawwitee Mokonnin Kan Fardaa gurrachaa
lagarraa Kachiisani
Osoo Wal Jalanuu
Wal Nu walaalchisan ā¦ā¦
Jedhuu Afaan isaa Irra Akkaa hin bufnee dubbataa. Yeroo sannati Haacaaluun wellisuu maale Akkamitii Akka walaaloon fi Yeddaloon Barahu Hin bekku ture.
Barattaa Cimaa taāuu Isaa hin Bekku inni garu Dhugaan jiru inni Dr taāee biyya kana jijjiru Kan Dandaāuu Akka taāee Hirriyooni Isaa ni Himuu. wayitaa barataa turetti mirri inni qabu Muziqaa taāuus ummata isaaf dursaa laata ni moormaf kanumarra kan kaāee bara 1995 woytaa barataa sadarkaa lammafa turetti Umrii waggaa 17 tiin Qabamee Mana hidhatti Darbatamee.
Haacaaluuf Karchaaleen Amboo mana Barumsaa Cimaa ture Achiiti Hooji Jajjabduu lammi isaa mirgaa isaaf dubbate hidhamee waalin wal argee qabsoon mal akka taāee achii baree jirenyiis maal akka taāee hundumaafu hacaaluuf Mani Barumsaa Lamaata achii Akka taāee himma.
Yeroo Karchalee Amboo Turetti Namoota Maqa Ofii Baressuu Hin Dandenyeef Akkasumaas Waa dubbisu Hin Dandenyeen Bulchinsaa Mana Hidhaa Waalin Taāuun Barnoota Gaāeessotaa jalqabsiisee. Namoota Bayāeefi Wabii Jirenyaa taāee Ture.
Haacaaluun Woggotaa Shaanif Karchalee Ambootti Yoo Dabarsuu Abbaa fi Hirriya isaa qofaa dedebbiāani Gafachaa turan Abban koo Jedha Hacaaluun Yoo Mana Hidha dhufuu Jabbadhuu ilmaa koo Mani Hidhaa Qorasummaa Dhiratti nan jedha ture. Aniis Jabbina isaan Naf laatan qabadhee jabadhee hojedhee.
Haacaaluun Mana hidhaa kessaa taāee muziqaa isaa namoota waliin mana sirressaa jiranif yoo sirbuu namoon naa fanaa immiman isaan buusu ture annii sirbuu maale Qabiyye isaaf hin cinqaamu yeddaloo isaas yoon miraa keessaa gaalu ofii isaaf naf dhufa jedha
Sirbootan bayāees Barressu Egaale Wan isiin Ajaāibbu Sirba (Albamaa) koo jalqabaa kessaa Sirbootan Sagaal(9) mana hidha taāeen baresse walumaa galaatti Albaama koo jalqabaa mana sirressatti xumuure jechuu ni dandaāama jedha Art haacaaluaan.
Turtii waggaa shanii booda bahe Achii kaāee finfinnee gaale achittis na qabanii torbaan tokkof makaaalawiti naa hidhaan.āHamma tokko bilchaadhe akkan bahu na godhe. Waan hunda of-eggannoodhaan akkan raawwadhu na taasise.ā
Abbaan isaa harāas karaa ilmi isaanii filatetti hin amanne Daandiin isaa barumsa akka taāu yaalaniis hin taane. Isaaniis innis yaada hin kaasne Gammachuu hin qabani jechuummoo miti. Sirba weellisaa hangafaa Wasanuu Diidoo, Jabbilootakoo, gaafa sirbe guddaa gammadani. Ilma abbaa caaletti fudhatani.āGuddattuu, Ilmikee reefu sirbite!ā jechuu isaanii harmee isaarraa dhagaheera.
Amma garuu Obbo Hundeessaan ilma dhalchan dhaalsisaniiru Amma Hacaaluun kan uummata Oromooti Hacaaluun Sirbootan Isaa miraa nama toāaatan Heddu Ummata oromoof kan gummache jira kessahujedhaa..āAlbami Lamaan Barootan Darbaan kessaa bahan jalatamumaa ol Aanaa akka horataan ni bekkaa garuu hammas ummata koo biratti ni leelifamaa jedhee hin welisnee Miraa koo kan quqaa ummata koon Dubbachaan tureā Wellewan Albamaa isaa bara 2009 fi 2013 Bahan Kan Mat Duren Isaa # Sanyii_Mooti fi Waāee kenyaa Jedhuu Gura ummatan gahee jira.
Albamoota kaneenin Alaa Yeroo As Dhihoo kanatti sirbaa qenxee āMaalan Jiraā¦.?ā jedhuufi āJirraā gurraa ummatan gahuun fudhatamaa olaana argateefi jira. sirbooni isaa dawwatamuun iddo olaana kan qabatanidha. akka fkn yoo illale seena ummata oromoo keessaati sirbii youtube irrati 1.5M ol dawwatame hin jiru kun fudhatamumaa muziqaa isaa kan nutti garsisuudha.
Hacaaluun Qabsoos Muziqaas akkasumaas Ijoolumman Jalqabee. Yeroo Amma kanatti Art Hacaaluun Bultii Kan Ijarrate yoo taāuu Ilmaa tokkoos ni qaba.Haati mana isaa Addee Faantuu Damissoo Diroo jedhamtii Oggetti fayyaa yoo Tatuu Art hacaaluu waalin jaalalaan woggota Kudha torbaa(17) olif Kan turte yoo taāuu Ergaa gaāeela rawwatani Waggaa sadeet Guttani Jiru Maati Horanii intalaa durbaa tokko Midhagdu Takka Dessefi Jirti Maqan Ishee Wabii Hacaaluu Hundeessaa Bonsa Jedhamtii.
Hacaaluun Sirbaa Albamaa Isaa jalqabaa Irrati Olmaa kee jedhuu Isheef Akka Welissee Dubbaata āYeroo ani Hidhaa Karchalee Amboo Tureeti Torbee Torbee Deddebitee Na Gafachaa Kan turte Wan Taāee Isheef Ni xinnataā Jedha.
Hacaaluun
Art Hacaalun namaa siyaasatti Jedhen gaffadhen ture ālakkii
Anii Namaa Siyaas Mitti Siyaasan Hin Bekku ani Kan bekku Rakko Ummata Koo Irrati Rawwatamuuf Sagalee Taāee tajjajilu Yoo Taāuu Namooni Akka fedhanitti na kaāuu dandaāuu Suun anaf Homma miti.ājechuun golabaa
Akka Artistoota Biroos Biyya osoo Bahin asiiti Qabsahuun Kun akkamitti Jalaate Dandette Jedheen ? āanii Biyya koof Dubbadhe Maale nama Ajjesses Mitti Kan biyya koo irra Essuf Namoot Bayāee na dorsisuuf Yaalani Turan sun Anaaf Homma
mitti Yeroo Alaa Demme Konsartii Koo Qophessuf Maale Haacaaluun afuun hin demnee biyya debbiāee biyya koo kessatti duāuu qaba jedheen yadaa ture garuu hunduu darbee Harāaa genyee jira.ā
Qabsoo Oromoo Irra gaheefi Dhimma Galmaa Barkumee hoo Akkami Naf ibsitaa ?
āAni Qabsoon Oromoo Harāaa irra jiru bayāee kan natti toluufi ummani koo yoom bilisomee argan hawwi koo ture kun naf milkaāuun isaa heddu natti tole . garuu ammas sodaa tokkon qaba Dhabbilen Oromoof Falmaan gaddisa tokko Sasabamuu Dhabuun Isaani Dandii Xinno Bana qabduu natti mulāataa
galmaa Barkumeeti Ani Akkuma Sin Jedhee mira Koo nan Demaa Quqaa Osoo Cirrachi Kophee kessan Si qorquu Dhabbate Demmu Hin Dandessu Kanaf Miraa Gaf sanaa Ture Anaafio Sanuma Sanaafan Irra shalale Anii Galmaa Barkumee irrati Sirbuun Koo Buāaa amma Argameef Wantii Busee Hin Jiru garu Ummani koo Yoo Gahe Qabdaa Nan jedhee Ni fudhaa.ā
yeroo Amma kanatti artiist Hacaaluun Ummata oromoo Gargaruurati kan fuleffate yoo taāuu gamaa birratin immoo Durataāaa fi wali qaba Gummii Artistoota Oromoo Taāuun Tajjajilaa ture.
Artist Hacaaluun Ilmaa sabaaf Dhabbate namaa Beeka Namaa Ummata isaa kabajuu Namaa Ummata isaaf Of warregu Taāuu isaa Hasaāaa isaa kessati Bare Jira.
Hacaaluun yeeroo kanatti abbaa ijjoollee sadii turee.
Dhuma irraati Hacaaluun shiraa mootummaan biyyaa bulchuun irraatti xaxameen lubbuun isaa darbee.
Haacaaluun Oromoofi Oromiyaaf qabsayee,
Oromoofi Oromiyaaf Wareegame!
Nan Sobee nuun jedhe, osoo takkaa ofis saba isaas hin sobin dhugaa oromoo cichee wareegame!!
QABSAAāAAN NI KUFA , QABSOON ITTI FUFA!! ššš„ššššØšØma
Qooddii Hailu Tadese DUBAI