05/31/2024
Gammachuu kiyya hirmaadhaa:
Wagga 2 dura 'nami keessan wahii rakkina cimaa keessa jira' jettee miciyyoon ani hin beekne tokko community Itoophiyaarraa Calgary jirurraa bilbiltee na himte. Bilbila irraa fudheen bilbilee nami saniin wal-arge.
Nami sani gaafan argu ulee dhaddhabbaataa deema, fayyaa hin qabu. 'Amma wayyaheni malee wheelchair keessan ta'ee deema ture' naan jedhe. Haallisaa hedduu nama gaddisiisa.
Hojjachuu waan hin dandeenyeef warra company bilbilaatu maallaqa irraa qaban gara credit collection erganii isa cinqaa turani. Achuma bira gadi taa'een warra credit collection bilbileen maallaqa irraa kafale. Dhibee inni qabu hedduu waan ta'eef ittuma fufeen gargaare.
Baatii muraasa booda warri immigration 'ati galii waan hin qabneef haadha warraa kee fi ijoollee kee sponsor gochuu hin dandeesuu' jedhanii xalayaa itti ergani. Hayyama waanin qabuuf dubbicha keessa seenee nama kana gargaaruufin murteesse.
Ragaalee adda addaa qindeessee warri visa office dhimma nama kanaa haala addaatiin akka ilaalanii keessummeessan gaafadhe. Gaaffii kiyya fudhatanii dhiiga (DNA) qoratanii maatiin nama kana akka dhufaniif hayyamani.
Waanin falme keessaa tokko 'nami kuni maatii asii dhabuun miidhama kanaan gadii isarraan gahuuf jira, utuu maatiin dhufaniifii fayyee hojjatata' kan jedhu ture. Gaafa maatii nama kanaatiif visa kennan gammadeen booye.
Nama kana saantima tokko utuu irraa hin fudhatin inumaa ofii kiyyan itti baaseen gargaare. Dadhabbiin kiyya lafatti hin hafne. Rabbii maatii kana wal-agarsiisee haadhi warraa fi ilmaan isaa Canada dhufaniif.
Guyyaa kaleessaa na galateeffachuu bakka hojii kiyya dhufani na aja'ibsiisani. Kan na aja'ibe, akkuman warra immigration tti falmii dhiheesseef sanatti maatiin dhufanii waggaa tokko booda nami kuni fayyee, nama fakkaatee natti dhufe.
Galata Waaqi. Hedduun gammade. Tola oolummaan maallaqaan olitti yeroo nama gammachiisu qaba. Yaa warra keenya wal-gargaaraa. Keesaahuu warri biyya ormaa jirtan gatii baasaa wal-utubaa.
Mee nami na waliin gammaddan harka baasaa. Nagaan jiraadhaa.