02/12/2022
Dhaba koofan sidhabe!
Koo qofa si godhadhee
Onneekoo baasuuf dharraa
Qabeenyatti haa hammaatu
Anoo hin arganne carraa
Utuma wal jaalannuu
Dhabni si qoode narraa!
Sin jaalladhan ture
Hundarra caalchisee
Guutummaa onnekoos
Si qofan dhaalchise
Hireekoo ganamaa
Barsiistuu jaalalaa
Jaalattee nan dhiifne
Murtiin kee naagala!
Addunyaa mararraa
Wal qofa laallannee
Umrii daa'imummaan
Fillee wal jaalannee
Rakkinaaf gadadoo
Waliin dandamannee
Mi'aawa jaalalaas
Waliin dhandhamannee
Simalee jireenyi
Tasa naaf hin ta'uu
Hin tilmaamnen ture
Nuti gargar ba'uu!
Najalaa ormatti
Si kennani firri
Garuu maal godhuree
Anoo hin qabu birrii!
Jaalalli naaf qabdu
Garaa na booressa
Garuu kan siif malu
Dhugaadha sooressa!
Amalaaf biftikee
Homaa hin qabdu mudaa
Kanaafan siif kadha
Ija hamtuuf budaa!
Imimmaan jaalalaa
Maddiirra lolaasee
Biqiltuu keessakoo
Dirqamaan kolaasee!
Osoon siif maraadhuu
Akka haadhoo nadeessee
Dhaba gola koofan
Dirqiin si gaggeesse!
Osoon si jaaladhuu
Osoo na jaallattuu
Abbaa warraa borii
Gootee na laallattuu..
Umriin taa'ee sin eegu
Maatii keetiif seerumaa
Of caala si jaaladheen
Siif eeyyame heeruma!
Hawwullee sifuudhee
Dhidhiibuu cabakoo
Hamilee na cabse
Maal godhu dhabakoo?
Anoo sin dagadhu~hangan lubbuun darbee
Boollatti galutti
Eebbiseen si kenna
Nama siif malutti!
Jiruun siif haa tolu
Gammadi milkaa'i
Umrii naaf dheeradhu
Waggaa kuma taa'i
Nagaan siif haa roobu
Banamee balballi
Bultiin kee haa hoo'u
Ganamaa galgalli!
Dhirsaan jaalatami
Kan yaaddee olitti
Waaq sin haa eebbisu
Urgeessee walitti!
Ilmaan waliin horaa
Dagaagaa akka odaa
Ollaan jaalatamaa
Gaaraa hanga godaa!
Dirqamni addaan hiree
Yoo nu foo'es wal keessaa
Yoomiyyuu kabajamtee
Onneekoo gubbaa teessa,
Homtuu sinin sakaalin
Boolla, gufuuf, dhagaatti
Otuma wal jaalannuu~dhaba koofan sidhabe
Egaa tole nagaatti!
Walaloo kana seenaa dhugaa hiriyaa kootii irratti hundaa'een barreesse!
✍️..Qaananii
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
❤️❤❤️❤️
❤️❤