Aanna

Aanna Yonis

21/01/2022
10/08/2021

Torban Guyyaa Qiyaamaa Gaaddisa Rabbii Jala Taa’an !!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

“Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam, Guyyaa Qiyaamaa Guyyaa Gaaddisa Rabbii malee Gaaddisni biraa hin jirre, Rabbiin nama torba Gaaddisa isaa jala kaayaa Ja’e” Hadiisa Kana Bukhaarii fii Muslimtu Gabaase

Namoonni Torban saniis akka Armaan Gadii kana ….

1: Bulchaa Ykn Daanyaa Haqaan Nama Hogganu
2: Dargaggeessa Ibaadaa Rabbii Irratti Guddate
3: Nama Qalbiin isaa Masjiidatti Rarraatuu taate

4: Namoota lama kan Rabbumaaf Jecha wal jaalatee ammaas jaalaluma Rabbii sanirratti addaan bahe.

5: Gurbaa tokko kan dubartiin aangoo fii bareedina qabdu takka koottuu Badii natti dalagi jattee isa yaamtee, Ani Rabbiin sodaadha ja’ee jalaa dide.

6: Nama tokko kan dhokeessee sadaqaa kennate hanga waan harki mirgaa isaa kennitu harki biraa isaa hin beeynetti.

7: Nama Yeroo kophaa isaa taa’u Rabbi Yaadatee ijji isaa imimmaan Dhabgalaastu.

• Mee Yaa obboleeyyan kiyya anaa fii isin hoo Warra Torban kana keessa ni jirra moo hin jirruu ammumarraa eegallee if haa gaafannuu.

• Oowwi Guyyaa qiyaamaa lallaafaa akka Addunyaa kana sitti hin fakkaatin, Guyyaa Qiyaamaa namni hundi hanguma Badii isaatiin oowwarraa kan kahe dafki isarraa yaa’u isa ukkaamsuuf taa’a.

• Kanaafuu Yaa obboleeyyan kiyya mee akka Guyyaa San Gaaddisa Arshii Rahmaan jala teenyuuf ammumaan wantoota asii olitti irraa dubbanne kanaa fii kan biraatiis hojjannee Guyyaa San haa gaaddiseeffannuu.

• Rabbiin Warra guyya San Gaaddisa isaa jala taa’u Irraa Nu Haa Taasisuu.

• Obboleessa kiyya atiis obboleeytii tiyya barreeffama kan dubbisii ergasii Yoo Nama fayyada jattee yaadde Share Godhii kheeyrii tanarraa qooda fudhadhu.

• Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu

28/01/2021

Yaa Ilma Namaa...

Yaa ilma namaa gaafa garaa Haadha teetii keessaa gad baate nama gad si baase hin beeytu !

Gaafa duutuus nama qabrii keessa si gad kaayu hin beeytu !

Gaafa dhalattu qaama sirraa dhiqanii si bareechan!

Gaafa Duutuus si dhiqani si bareechan!

Gaafa dhalattu dhalachuu keetiif Eenyuu siif gammadee hin beeytu!

Gaafa duutuus Eenyu Du'a keetiif rifatee sirra booyaa hin beeytu !

Garaa Haadha teetii keessatti bakka Dukkanaa, Rakkoo (Dhiphoo) keessa turte!

Gaafa duutuus bakka Rakkoo (Dhiphoo) fii dukkana keessa taata!

Ati arra Addunyaa gubbaa jiraachu jirta, Gaafa duutuuf hoo maal qopheesite?

Yaa Rabbi Rahmata nuuf godhi, Dilii teenya nuuf Araarami, Dachii gubbatti Rahmata nuuf godhi, Dachii jala gaafa buunes Rahmata nuuf godhi, Gaafa dachii jalaa kaafamnus Rahmata nuuf godhi !!

SHARE WALIIF GODHAA .... JZK

26/01/2021

AKHLAAQAAN UMRII TEE DHEEREEYSI.
Qophii: Urjii Ahmad

Rasuulli sallallaahu Aleeyhi Wasallam: “Namni akka Riziqiin Isaaf ballifamtuu fii akka Umriin Isaaf dheerattu fedhe fira isaa haa maxxanfatu.” je’e.

Umriin dheerinni Hadiisa kheeysatti dubbatame waa sadiitti hikkame:

1- Umrii kheeysa barakaan namaaf kaayamuu (xiqqos jiraatu hanga sanitti waa hedduu dalaguu)

2- Umriin dhugumaan nama saniif dheeratuu

3- Faaruu gaariin du’a boodaan nama saniif hafuu

Fira ifii maxanfatuun akhlaaqa bareedaa amantiin Islaamaa itti nama kakkaaftu keeysaa tokko. Quraana keeysatti bakka heddutti fira maxxanfachuun dubbatame. Yoo xiqqaate firoota keenya nagaya gaafachuunis taatu hidhaa firummaa san jabeeysuu qabna. Sanuu zamana meeshaan ammayyaa nama walitti dhiheeysite kana.

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam: “Ani nama haalaa fii amalli Isaa toleef mana Jannata ol aanaa kheeysatti tahe if qabeef” je’e.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Mu’minni (namni Rabbitti amane) haalaa fii amala toluun sadarkaa warra guyyaa soomane, halkan (salaataaf) dhaabbataa buulutti dhaqqaba.”

Yoo soomana sunnaatiin qaama dadhabsiisuu fii lubbuu hidhuu dadhabde, Halkan hirriba dhiiftee dhaabbachuun sitti jabaatte, haalaa fii amala toluun jara san dhaqqabuu dandeeysa. Akhlaaqa kee tolchi.

Haalaa fii amala gaariin (Husnu Al-Khuluq) waan jiruu tee bareechu, eega duutes si hambisu, Galata kee akhiiratti siif ulfeeysu, kanaaf haala kee tolchi, Akhlaaqa kee bareechi.

Umrii tee tan dalagaa dachaa godhuuf karaan:

1- Dalagaa galata hedduu dacha dachaa qabdu dalaguu

2- Dalagaa eega ati duute sawaabni siif deemu dalaguudha.

Dalagaa salphaatti nuti laallu hedduu jira, kan saniin Rabbi biratti galanni guddaan namaaf katabamu, kan saniin Ilmaan namaa birattis gaaroominaan maqaan keenya hafu.

Salphinaa fii eeybii nama Muslimaa irraahi haalaa fii amalli isaa hammaatee kan warra Rabbitti hin amanneetti fakkaachuun, Osoo Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Ani Akhlaaqa bareedaan guutuuf dhufe” jedhuu,

21/01/2021

Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jechuun
dubbataniiru. "Guyyaa Qiyaamaa Ani
dursaa ilmaan Aadam tahee kaafama.

Namni jalqaba qabriin banamtuuf ana
dha. Namni jalqaba jaarsummaa (ummata
kootiif) deemus, namni jalqaba
jaarsummaan isaa qeebalamtus ana" (Sahii Muslim, 2278)

Guyyaa Qiyaamaa guyyaa namuu "....
nafsii.... nafsii...lubbuu too na baasi...
lubbuu too na baasi..." jedhaa lubbuu
ofiitiif qofa booyu sana Ergamaan Rabbii
Nabi Muhammad (S.A.W) garuu

"...Ummatii....Ummatii... Ummata koo...
Ummata koo..." jechuun ummata isaaniitif
booyu. Ummata isaaniitiif Jaarsummaa
shafa'aa Rabbii Azza Wajalla fuuldura
dhaabbatu. Rabbiin warra guyyaa
qiyaamaa Shafa'aa Rasuula Rabbii argatu
nu haa taasisu! Aamiin Yaa Rabbi!

Mee Yaa Ummatal Islaam, Ergamaa Rabbii
irratti salawaata haa buufnuu! Salluu Ala
Rasuul,

Sallaallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja’an: Namni Rabbii isa uumetti iimaana guutuu amane kan waan inni itti ajaje dhagayu, Ammallee...
20/06/2020

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja’an: Namni Rabbii isa uumetti iimaana guutuu amane kan waan inni itti ajaje dhagayu, Ammallee namni dhuga'aan guyyaan
qiyaama'aa ni dhufaa dhugo'oomse kan guyyaan namuu waan addunya'arratti dalage azaaba isaa takkaa sawaaba isaa keessatti argu ni dhufaa yaadu
Waan gaarii haa je'uu Takkaa haa cal'isuu

Kanaa jechun namni iimaanni isaa guutu'uu yoo waa dubbatuu fedhee odoo hin dubbanne waan dubbatu'uu deemu san ayli'iin haa laaluu .

Duuba yoo waan gaarii taye yoo waan faaydaa isaa qabu taye kan Rabbiin hin jibbine kan irratti sawaaba argatu taye haa dubbatu .

Ammoo yoo wanni dubbatu'uu ka'e sun waan isa miidhu kan irratti sawaaba hin arganne taye haa cal'isu

Ammaas Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja’an: namni Rabbiifii guyyaa qiyaama'atti amane Ollaa isaa haa guddisuu (haa kabajuu) Ergamaan Rabbii ﷺ hadiisa biraa keessatti akki je'e jibriil haqa ollaadhaa itti
deddeebi'eeti jabeessee natti dhaame hangan dhaalchisu'uuf deemaa seyu takkattii

Ammaas Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja’an: namni Rabbiifii guyyaa qiyaama'atti amane Keessummaa isaa haa Guddisuu (haa kabajuu) keessummaa guddisuun nama imaltuu deemu bulchuu
Bukhaari'ii fi Muslimtu

Ollaa keenya wajji hoo haala kamiin jiraachu jirra?

Meeqaa keenya ollaa keenya wajji waliin ooda, wal jibba, isaan hamanna, rakkoo isaanii quba hin qabne ?

18/06/2020

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jechuun dubbataniiru
Namni mu'minarraa cinqii addunya'aa takkitti deemsise hori'iin takkaa beekkomsaan takkaa gargaarsan Rabbiin cinqii guyyaa qiyaama'aati isarraa deemsisa takka isa fura

Namni nama deynii isarraa fuudhee waan isaaf galchu dhabeef dubbii laaffise qaaxaroo achi dheeresseefii hanga horii argatee isaa kafaluu dandayutti takkaa deyniidharraa waa dhiisefii irraa isa qulqulleeysee akkatti rakkoo keessaa isa baase

Rabbiin addunya'aafii aakhira'atti waan isatti jabaate hunda isarratti laaffisa takkaa isa fura

Namni addunyaa tanarratti kafaana muslimatti qabe yoo daare uwwisee takkaa qaanii isaa dhoyse waan hamtuu inni dalage namatti odeessuu dhabu'uun duuba nama akkatti nama sattare Rabbiin addunya'atti isa sattara qaanii isaa waan hamtuu inni dalage hunda namarraa dhoysa

Rabbiin gabricha isaa gargaaruu hin dhiisu waan gabrichi dalagaa obboleessa isaa gargaaru'uu keessa jiruun

Namni beekkomsa haqaa tokko barbaadu'uuf karaa tokko seene Rabbiin sababaa saniin karaa jannataa isaaf laaffissaa

Yoo jamaa'an tokko masjida Rabbii keessatti walitti qabame Kanneen, qur'aana qara'ana Kanneen ma'naa isaa wal barsiisan Kan{sakiinan} isaan itti buutu malee hin tayan

Ammallee kanneen rahmanni Rabbii bakka sanitti isaan hagoogu malee in tayan

Ammallee kanneen malaaykan isaanin marsitee dhaabbattu malee hin tayan

Rabbiin jara qur'aana qara'u'uuf walitti qabame san warra isaan caalluu birattii isaan dubbata malaayka'aa keessatti isaan dubbata isaan guddisu'uu jecha.

Namni dalagaan isaa booda isa aansite takkaa xiqqeessite nasabni isaa takkaa gosti isaa dura isa hin aansisu takkaa isa hin guddiftu
Hadiisa kana muslimtu odeesse

Rabbiin Warra Ramadaana Keessa Milkaawu Sanirraa Nu Haa Godhu.

18/06/2020

Rasuula Keenya Nabi Muhammad (S.A.W) Ergamaa Rahmataa

-----------------

Dacheen tun eega uumamtee jalqabee nama akhlaaqaa fii amala gaarii qabu, kan qalbii namoota hedduu hawatuu dandahe, nama akka Nabi Muhammad s.a.w baadhattee hin beektu. Galmeen seenaa addunyaa irra jiru kamuu kan seenaa dinqisiisaa akka isaanii fakkaatu baadhatee tokkollee gonkumaa hin jiru. Jireenyi hawaasummaa isaaniin wixiname hanga guyyaa qiyaamaatti itti fufee jiraata.

Badiiwwan garagaraa ilmi namaa yeroo gara garaa irratti uumamuu fii jiruu hawaasummaa hin guuttamne kan hujii filoosofii ilma namaatiin seenaa keessatti hanga ammaa uumamaa jiraniif dawaan isaa barsiisaa fii hojii isaan nuuf agarsiisanii dabran qofaa dha. Nabi Muhammad s.a.w jireenya lafaa kana irratti jaalala, mararfannaa, haqa, gootummaa fii jabina ilma namaaf gumaachanii hanga yoowmal qiyaamatti yaadatamuuf addunyaa tana irraa godaanan.

--------------

Nabii Muhammad s.a.w Ergamaa Rabbii tahanii yeroo ergaman irraa kaasee rakkoo fii musiibaa ilmi namaa kamuu argee hin beekne hedduu arganii jiran. Waggaa 23 guutuu hirriba nagaa rafanii hin beekan.

Tahus rakkoolee argan kanneen hunda obsaan dabarsuu dandahuu isaaniitiin injifannoon galaniiru. Akkanas jedhan, "Yommuu rakkoon tokko isin qunnamu, rakkoo ana irra gahe yaadadhaa" jedhan musiibaan nu qunnamu kamuu kan isaan irra gahee gadi akka tahe agarsiisuu fii obsaan akka dabarsuu qabnu nu gorsuuf jecha. Akkasumas "hanga hawdi irratti wal geenyutti obsaa" jedhaniiru.

------------

Aanas ibni Maalik r.a akkana jechuun dubbatan. "Magaalaan Madiinaa akka guyyaa gaafa Ergamaa Rabbii Nabi Muhammadiin s.a.w simattetti iftee fii gammaddee mul'attee him beektu. Akka guyyaa gaafa Nabi Muhammad s.a.w addunyaa tanarraa godaananitti dukkanooftee fii gaddaan liqimfamtee hin beektu."

------------

Nageenyii fii Rahmanni rabbii isaan, maatii isaanii, sahaabotaa fii hordoftoota isaanii hunda irra haa jiraatu. Aamiin.

17/06/2020

Istigfaaraa (Araarama Barbaaduu) godhee gara Rabbii towbaa wonti deebi’uuf :-

1. Rasuulli (S.A.W) Rabbii guyyaa keessaati si’a dhibba (100) Istigfaaraa godhanii towbaa waan deebi’aniif

2. Mallattoo gurraattii sababa maasiyaatiin qalbii irratti qabattee qulqulleessuuf

3. Rooba samii irraa argachuuf

4. Rabbiin duniyaa akka naa razzaquuf (naa hihiruuf)

5. Rabbiin dachee tolchee fireen akka biqiltuuf

6. Nashaaxaa fi jabeenya Rabbiin akka naaf kennuuf

7. Muka xuubaa jedhamu kan galmee nama Istigfaaraa baay’isee keessatti argamu akka argadhuuf

8. Rabbiin duniyaa fi aakiraa akka na sattaruuf

9. Caalaa ilmaan Aadam akka tahuuf, isaan sun worra Toowbaati (gara Rabbii deebi’an

10. Nabiyyiin (S.A.W) nama hamtuu dalagee Towbaa akka haarawoomsu waan ajajaniif

11. Gaddaa fi yaaddoo of irraa deemsisuuf

12. Rabbiin Towbaa gabrichaatiin ni gammada waan taheef, qalbii gabrichaa gammachiisuun jazaa (galata) isaaf deebi’a

13. Rabbiin worraa Towbaa deebi’u waan jaalatuuf jaalala isaa argachuuf

14. Rabbiin maasiyaa tiyya akka naaf araaramuuf

15. Rabbiin yakka kiyya gara toltuutti akka naaf jijjiiruuf

Malaa’ikaan Arshii baattu nama Towbaa deebi’u isaa fi haadhaa abbaa isaatiif du’aayii waan kadhattuuf haadhaa fi abbaan kiyya du’aa’ii san akka argatan taasisuun isaanitti tola ooluu niyyadha

Rahmata Rabbii akka argadhuuf

Rabbiin Qur’aana keessatti araaramu barbaaduun sababa rizqii baldhiinsaa, ilmaan argachuu fi rooba samii irraa argachuu tahuu suuraa Nuuhiitii fi kan biraa keessattis dubbatee jira.

Address

Adama

Telephone

+251988407731

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aanna posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share