Husen

Husen Page kun yaada dhugaa qofa dawwattootaan gahuuf kan tolfameedha

26/04/2022
Tooftaalee HATTOOTA Finfinnee!Gama Danda’emeen Yaada kee FuudhuuYeroo Konkolaataa/taaksii seennu Waldhiibuun akka uumamu...
11/02/2022

Tooftaalee HATTOOTA Finfinnee!
Gama Danda’emeen Yaada kee Fuudhuu

Yeroo Konkolaataa/taaksii seennu Waldhiibuun akka uumamu taasisuun yaadni keenya bakka qabachuutti yoo qabamu kiisiikee ykn Borsaa kee iddoo kamiyyuu Seenanii fudhatu.

yeroo Taaksii/bajaajii keessa jirru Hiixattee balbala ykn foddaa akka bantu ykn cuftu si gaafatu garuu kan hin cufamne ykn hin banamne dha. Ati dhugaa seetee Hiixattee yaalta yeros sikeessaa fudhatu akka fudhataniin bu’i tiraafikii ykn wayi tokko jedhanii si buusu ykn sibiraa bu’u.

Geejjiba/taaksii keessa karaa danqaa irra darbi siin jedhu ykn na dabarsi jedhanii akka Malee si dhiibanii waan fedhan baafatanii/fudhatanii darbu akka ati daftee hin yaadanneef waan biraa sitti odeessu ykn si arrabsu.

Sitti tufu ykn Waa sitti dibanii ykn wayyaakee tuksiisanii Sooftiin siif haxaawu achumaan sikeessaa baafatu.

Nan rakkadhe kana Sooftii/ sigaaraa… narraa biti jedhanii asiif achiin nama lama ykn sadii ta’anii akkuma humnaatti sirraa hatu.

SAAMICHA Iddoo rakkootti dirqiin fudhachuu hudhuu, cuupheen waraanuu fi kkf

Motoraa/doqdoqqeen sirraa butanii sokkuu.

Geejjiba/Taaksii keessatti Borsaa Naaf Qabi Jedhanii Sirra Kaawwachuu Karaa Jalaan Kiisii kee keessaa Dhiibanii baafachuu.

Qarshii Ykn Waa tokko Lafa Buusanii Gadi Jedhii Naaf fuudhi, Achi Naaf jedhi, as Jedhi… Jechuun Qalbii Si Fuudhanii Gara ati Meeshaa barbaadan baatturraa eeggachuu akka hin dandeenye Godhanii Qalbii kee fuudhanii Sirraa fudhatu. Akkuma Fudhataniin Geejjiba Dhaabsifatanii bu’u.

tooftaan itti of eegan

Bilbila kee harkatti qabadhu kessumaa yeroo taksii seentuu fi buutu.

Qaamaan namni akka sidhiibu hin eeyyamiin.

yeroo geejjibas ta’e lukaan deemtu yaadaan hin badiin.

nama duuba kee deemu yaadaan caqasi si hordofaa jira taanaa karaakee ykn kallattii jijjiiri.

Yoo namni geejjiba keessaa Sibiraa bu’uuf ka’u Dafii Waan qabdu/meeshaalee kee qabattee jiraachuu qulqulleeffadhu

11/02/2022

Xaahir

Irreechi siif maali!
01/10/2021

Irreechi siif maali!

28/09/2021

Addis Ababaa moo Finfinnee!

25/09/2021

Mootummaa haaraa jechuun maal jechuudhaa!

Jiruun biyya teennaa sima waliin baddee bar bada birrii tana
02/09/2021

Jiruun biyya teennaa sima waliin baddee bar bada birrii tana

25/10/2020

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Husen posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share