Nagaa Gaarii

Nagaa Gaarii nagaa gaarii abdisaa

08/06/2019

nagaan isiniif haa ta'u ergaan kana waliin hadubbifannu
1phe,5:6-7
kanaafis waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti harka isaa aango-qabeessa jalatti gadi of deebisaa! 7 inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isatti dhiisaa

25/05/2019

πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™ijakee namarraa kaasiπŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
::::::::::::::::::::::::::::::::share it::::::::::::::::::::::::::::::::
Dargaggeettii tokkotu gara soortuu(pastor) waldaa kiristiyanaa tokko dhaqxee lamuu waaqeffannaadhaf gara church in dhufu jetten.soortun sunis na'ee maalif? jedhen.isheenis deebistee "namoonni waaqeffannaadhaf dhufan yeroo lallabamu bilbila isaaniitin Facebook fi social media fayyadamu.kan biroon immoo walbukkee ta'ani oduu odeessu nama hamatu. hundumtuu fakkeessituudha kanaaf lamuu in dhufu" jetten. Soortun sunis cal jedhe.achii takka turee" murtoorra ga'uu keetin dura siif gaaffii tokkon qaba" jedhen. Isheenis na gaaffu jetten. Bishaan qaruuraa( bircuqqoo) guutuu utuu takkalle in cobsin saba sana keessa deemtee fiduu dandeessaa?" jedhen.isheenis sirrittan danda'a jettee akkuma jettes goote. Achii guyyuma sana dhuma sagantaa irratti intalitti waamee "harra namoota bilbila xuxxuqan ykn oduu odeessan argiteettaa?" Jedhen.isheenis deebistee" lakki tasumaa in argine qaruurichi bishaan akka in cobsineef xiyyeeffannokoo isarra godheen ture" jetten.yeroo kana soortun sun deebisee"argitee xiyyeeffannoonke hundi qaruuricharra waan ta'ef eenyumanuu in argine.garaa waldaa kiristiyaanas gaafa dhuftu xiyyeeffannoke hundisaa kiristoos irra ta'u qaba.in taane taanan ijakee namarraa godhannaan in kufta. Yesus nadukaa bu'a jedhe malee kiristiyaanota duukaa bu'a in jenne. Sammuun keenya kiristoos maal akka dubbate maal akka raawwate maalif akka dhufe akka inni yaadu gochuu qabna. Namarraa ija keenya haa kaafnu" jedhen.
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
Gara keenyatti yoon deebi'u taaten kun harra waldaa kiristiyanaa keessatti baay'ee mullata.baay'een keenyaf Facebook fi social media garagaraa church keessa teenyee fayyadamun normal nuuf ta'a jira. Kessattu yeroo lallabaa dargagessi baay'een wanta kana yeroo raawwatu mullata.akkasumas baay'een bilbilli yeroo bilbilamuuf church keessa ta'ee kan hasa'u fi kan bilbilus baay'eedha. Inni biraammoo haadholin ijoolle harkatti qabatan ijoolle isaanii church keessa ta'ani kan taphachiisanis baay'eedha. obbolakoo gocha kana namni haaraan gofta fudhachuu dhufeefi inni hafuuratti baay'ee in jajjabanne maal nurraa bara jira. Ijoollen olguddatoon hoo mal baratu. Warri gochaa kana gochaa jirru qooda namootatti gufuu taanu dhisuu qabna ykn immoo qooda yeroo kenyas qisaasesinu church keessa baane lafa free tane fayyadamu dandeenyutti deemun gaaridha natti fakkaata.

πŸ‘‰namoota gocha kana ilaaltani gaffi keessa galtan fi gufattanif ergaan ani qabu nuti kiristiyaanumman keenya kan ijaarrame kiristos isa mataa keenya ta'e irratti malee nama foonii gidiraa baay'eedhan kufe ka'a oolu kana irratti miti.model kenya nama taajajilaa ykn nama biroo godhachuu in qabnu. Nama gaafa ilaallu kufaatii keenyatu ariifachaa oola.kottaa ija keenya namarraa kaasne kiristoos isa qajeellumma keenya ta'e isa guutuu ta'e isa mudaan irra in argamnerra godhanna. Waan dubstaniif horaa bulaa!
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
πŸ™πŸ™πŸ™Page kanammoo like godhaπŸ™πŸ™πŸ™

03/05/2019

nagaan siif hata'u

Address

Addis Ababa

Telephone

+251910290566

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nagaa Gaarii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Nagaa Gaarii:

Share