Waliif

Waliif Waliif Trade and Industry S.C is a multi-sect oral diversified business group owned by Shareholders

Waliif Trade and Industry Share Company General Information for Shareholders and Supporters/Waldaa Aksiyoona Daldalaa fi...
06/05/2026

Waliif Trade and Industry Share Company General Information for Shareholders and Supporters/Waldaa Aksiyoona Daldalaa fi Industirii Waliif Odeeffannoo Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaafi Leelliftoota Isaa. guutuu isaaf link page telegram keenya jalaa dubbisaa.

https://t.me/waliif_caalmaaf

Faayidaa Bunaa1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuusaatiin kan beekamu bunni barattootaafi namoota hojii halkanii hojje...
25/12/2025

Faayidaa Bunaa
1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuusaatiin kan beekamu bunni barattootaafi namoota hojii halkanii hojjetaniin baay'inaan dhugama.
Kanas kan godhu bunni kemikaala sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuufi hirriba namatti fidu hir’isuudhaani.
Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hinta’in fooliisaatiinillee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himama.
Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaafa bunni akaawamu aarasaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kiisiisaaniitti baatanii deemaniif.
2. Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha. Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baay'inaan burqu gochuu danda’a.
Faayidaalee danuu keemikaalli kun qabu keessaa tokko sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuudha.
Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuusaanii cimsuurra darbee dhibee dagachuu (alzhemer) dullumaan walqabatee dhufurraa akka ittifaman gargaaruu danda’a.
3. Dhibee mukuu (depression) ittisuu.
Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuusaanii kanneen hin dhugnerra dhibbantaa15 ni hir’ata.
4. Carraa of ajjeesuu (su***de) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baay'eensaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama.
Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas %50 ni hir’isa.
5. Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuusaanii ni dabala.
Kun kan ta’u bunni dammaqina waan kennuufiif hojiisaaniitti dammaqoo ta’u, darbees carraa namoota baay'ee wajjin walii galuu waan argataniif.
Kun immoo dhiphuufi yaaddoo dinagdee hir’isuun fayyaa sammuusaanii eega.
6. Harkisa jaalalaa dabaluu. Namootni gaafa buna dhugaa taphatan dammaqinnisaaniifi simboonsaanii waan dabaluuf harkisi jaalalaa isaan gidduu jiraatu ni dabala.
7. Cooma garaa (borcii) irraa hir’isuun ilaalchi namootni ofiif qaban akka dabalu ni taasisa.

Aksiyoona Keessan Galmeessuun Maaliif isiin Barbaachisee? Kabajamaa Abbaa Aksiyoonaa Keenyaa,Itoophiyaa keessatti bara k...
04/11/2025

Aksiyoona Keessan Galmeessuun Maaliif isiin Barbaachisee?
Kabajamaa Abbaa Aksiyoonaa Keenyaa,

Itoophiyaa keessatti bara kana keessa Labsii Gabaa Kaappitaalaatiin eegalameera seera haaraa baasee jira. Seerri kun sirna faayinaansii ammayyaa, nageenya qabuu fi haqa qabeessa ta’e kan qabeenya keessan eeguu fi qabeenya keessan guddisu dha.
Aksiyoona keessan galmeessuun sirna qofa miti; dandeettii fi nageenya invastimantii keessanii guutuummaa guututti amansiisaa godha.

1. Ragaa Seeraa Abbummaa/ Legal Proof of Ownership
Aksiyooniin keessan sirna galmee elektirooniksii galmeessuun Kuusaa Sekuritiiwwan Giddugaleessaa (CSD) keessatti yeroo galmaa’u, abbaa qabeenyaa sirrii ta’uu keessan ragaa seeraa hin mormamne qabaattu jechuu dha.

Duraan: Ragaa fiizikaalaa kan baduu danda’u, miidhamuu,gubachuu ykn raga sobaa ta’uu danda’u qabachuu dandeessuu ta’a.

Amma garuu: Abbummaan keessan galmee elektirooniksii ofiisaa keessatti haala nageenya qabuu fi hin jijjiiramneen isiniif galmaa’a. Labsichi galmeen elektirooniksii "Ragaa jalqabaa abbaa qabeenyummaa seeraa wabii/ "prima facie evidence of legal title to the security " akka hundeessu ibsa (Keewwata 2(21)). Maqaan keessan sanada dijitaalaa irratti ni galmeeffama.

2. Eegumsa Nageenyaa fi Nageenya Qabu/ Safe and Secure Custody
Aksiyooniin keessan qabeenya keessan isa gatii guddaa qabudha. Labsichi Eegdonni hayyama qaban (dhaabbileen faayinaansii) sekuritiiwwan maamiltootaa nageenya isaaniif akka qabaatan tumameera (Keewwata 2(16)).

Faayidaa: Balaa tasaa raga Aksiyoona keessan irratti dhufuu danda’u (hanna, ibidda, bakka hin taane) irraa irraa qabeenya keessan eega. Investimentiin keessan haala nageenya qabuu fi qajeelfama qabu keessatti qabama.

3. Daldala Carraaqqii Malee fi Gahumsa Qabu/ Effortless and Efficient Trading

Labsichi "Dematerialisation" (Keewwata 2(20)) Adeemsa aksiyoona fiizikaalaa gara bifa elektirooniksii itti jijjiiruuf labsee bahee jiru dha. Kunis bittaa fi gurgurtaan akka wal hin tuqne taasisa...

Kabajamtoota Hundeessitootaafi Abbootii Aksiyoonaa Haaraa keenya waldaan keenya waliigaltee tajaajila Baankii Investimen...
10/10/2025

Kabajamtoota Hundeessitootaafi Abbootii Aksiyoonaa Haaraa keenya waldaan keenya waliigaltee tajaajila Baankii Investimentii seenaa qapheessa Baankiii Investimentii Kaappitaalaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa (CBE Capital Investment Bank S.C) waliin Galmeessa waldaa Akkaataa Seeraa Abbaa Taayitaa Kaappitaalaa Itoophiyaa, Sanada Malleessummaa Aksiyoonaa Baankii Biyyaalessa Itoophiyaatti Kuusaa Aksiyoonaa Biyyoolessattiifi Bittaafi Gurgurtaa Aksiyoonaa fi Boondii Eksicheenjii Security Itoophiyaa (Ethiopian Securities Exchange) fi Tajaajiloota Investimentii Baankii Birootiif walii galtee Baankii Investimentiirratti gaafa 29/01/2018 ALI tti Bakka Boordiin Daayirikerootaafi Hooggansi Olaanaan Keenya argametti waliigaltee mallateessuu taasisee jira.
Haaluma Kanaan Namootni muraasni qabeenya keessan galmeessisiifattanii jirtan gara CSD (Central Securities Exchange) isiniif dabarsuuf waan jirruuf baga gammaddan jechaa abbootiin aksiyoonaa Kanaan dura galmeessiffattan waraqaa ragaa keessaan qabattanii gara waajjira muummee keenya kan magaalaa Finfinnee naannoo Meeksiikoo gamoo Sangaa taraa darbii 14ffaa itti argamuun Waraqaa raga /Certificate/ keessan qabattanii akka dhiyaattan yookiin bakka bu’aa dhaan akka ergattan jechaa namootni hanga amaatti hin galmeeffatiin jirtan waraqaa raga keessan qabattanii akkaataa ulaagaa asii gadiin akka galmeessifattan jechaa walii galteen dhaabbata CBE Capital Investiment Bankii waliin goone hanga gaafa Sadaasa 07,2018 tti qofa waan taheef abbootiin aksiyoonaa hanga guyyaa 30/02/2018 ALI tti akka xumurattan jechaa namootni galmee guyyaa jedhametti kana irratti hin hirmaanne ykn hin galmeeffanne Waldichi Labsii Ragaa Maleessummaa Gaazzexaatti Waan labsisiisuuf Tajaajila Labsiin Booda akkaataa Labsii jiruun qofa kan keessumsiifamtan tahuu dursinee isin beeksifna.
Ulaagaa
1.Naga’ee Dhaabbataa keenyaa
2.Waraqaa Ragaa/Certificate
3.Waraqaa eenyummaa biyyaalessaa/National ID
4.Lakkoofsa TIN keessan
5.Iimeelii keessa/email
6.Lakkoofsa Bilbilaa keessaan
7.Nama Yeroo rakkinaa isiiniif argamu
Boordii Daayirekterootaa irraa

https://birrmetrics.com/cbe-capital-appointed-as-investment-banker-by-waliif-investment/
https://www.linkedin.com/posts/zemedeneh-negatu-833390296_today-cbe-capital-signed-an-investment-banking-activity-7382047289630007296-jCI1?utm_source=social_share_send&utm_medium=android_app&rcm=ACoAAEUnCRUBJZKJWf_2glaBCNcLCJErgPGEJE0&utm_campaign=copy_link

Birr Metrics
CBE Capital Appointed as Investment Banker by Waliif Investment - Birr Metrics
Waliif Investment and Trade S.C., a diversified company active in agriculture and manufacturing, has appointed CBE Capital as its investment banker.

Subject: New Year Greetings from Waliif Trade and Industry S.CDear Customers, Shareholders, Staff, and Board Members,As ...
11/09/2025

Subject: New Year Greetings from Waliif Trade and Industry S.C

Dear Customers, Shareholders, Staff, and Board Members,

As we embark on a new year, we at Waliif Coffee extend our heartfelt congratulations and best wishes to each of you. Your unwavering support and dedication have been instrumental in our journey, and together, we look forward to achieving new heights in the coming year.

May this year bring you joy, prosperity, and success. Thank you for being an essential part of the Waliif Coffee family.

Warm regards,

AYANA HAILE DERESSA
General Manager
Waliif Trade and Industry S.C

Bara haaraatti Oduu Gammachiisaa!!
09/09/2025

Bara haaraatti Oduu Gammachiisaa!!

Vacancy Announcement!Waliif Trade and Industry S.C would like to invite potential candidates for the following vacant po...
25/04/2025

Vacancy Announcement!
Waliif Trade and Industry S.C would like to invite potential candidates for the following vacant positions.
https://t.me/waliif_caalmaaf

Waliif Trade and Industry wishes you a happy and joyful new year.
01/01/2025

Waliif Trade and Industry wishes you a happy and joyful new year.

Call for Consultancy Services
31/12/2024

Call for Consultancy Services

Baga Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Arsadii Nagaan Geessan!Ayyaanichi kan nagaa, kan jaalalaa fi tokkummaa akka...
05/10/2024

Baga Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Arsadii Nagaan Geessan!
Ayyaanichi kan nagaa, kan jaalalaa fi tokkummaa akka isiniif ta’u hawwina!
Ayyaana Gaarii

እንኳን ለኢሬቻ ሆራ ፊንፊኔ እና ሆራ አርሰዲ በዓል በሠላም አደረሳችሁ!
በዓሉ የሰላም፣ የፍቅር እና የአንድነት እንዲሆንልዎ ከልብ እንመኛለን!
መልካም በዓል

Address

Arat Kilo
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waliif posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waliif:

Share