Winners Translation

Winners Translation We provide high quality and fast translation service in three languages: Afaan Oromoo, English and Amharic.

BOOK  # 1    (Waliin haadubbisnu) Akkuma waliigalletti, kitaaba armaan gaditti qolashii argitan akka dubbistan isin affe...
10/04/2024

BOOK # 1 (Waliin haadubbisnu)

Akkuma waliigalletti, kitaaba armaan gaditti qolashii argitan akka dubbistan isin affeera. Kitaabolee jiran keessaa, kitaaba kana sadarkaa 1ffaatti akkan filuuf sababiiwwan afran: 1ffaa) Qulqullummaa (sirrummaa) barsiisa (ergaa) ishiiti. Barreessichi (Paastar Niguseen) kitaaba kana qopheessuuf qorannoo bal’aafi gad-fageenya qabu waan gaggeesse fakkaata. Kunis ergaan kitaabichaa kan doggogora hinqabaaneefi dhaamsa cimaa akka ta’uuf gargaareera. 2ffaa) Akkataa ittifayyadama afaani. Barreessichi dandeettii gaarii ta’e Afaan Oromorratti akka qabu mul’ateera. Haalli ittifayyadama afaanii miidhagna waan qabuuf, dubbisuu yoo jalqabdan otoo hinxumuriin addaan hinkuttan. Akkaataa himoonni itti ijaaraman, haalli filannoo jechootaa, dhangala’insi yaadaafi kkf baay’ee isin hawwatu. 3ffaa) Gabaabina ishiit. Ergaa cimaa yoo qabaatullee, kitaaba fuula 150 waan taateef yeroo gabaabaa keessatti dubbistanii xumurtu. 4ffaa) Kitaaba Qulqulluu dabalatee kitaaboleen biroo bal’inaan akka wabiitti caqasamaniiru.

Mataduree: Waldaa Kiristaanaa
Barreessaan: Nigusee Ijjiguu (Tiksee)
Baay’ina Fuulaa: 150

Kitaabni Waldaa Kiristaanaa jedhamtu kun ergaa (dhaamsa) baay’ee cimaa (jabaa) akkasumas dhimmicha ka’e (Waa’ee waldaa) ilaachisee waantota bu’ura ta’an bal’inaan dhiyeessiti. Kitaabittiin fuula 150 qofa haaqabaattu malee, haala Waldaa Kiristaanaa ilaalchisee ergaa bu’ura ta’e bifa gabaabaa ta’een isin hubachiisti. Amantoonni hundi keessumaa tajaajiltoonni Waldaa Kiristaanaa hundi yoo dubbisan baay’ee fayyadamu. Maalummaaan Waldaa Kiristaanaa maal akka taate hubachuun tajaajila isaanii akka fooyyessan isaan gargaarti.

Gara jalqabaatti, gaaffii, “‘Waldaa Kiristaanaa’ jechuun maal jechuudha?”(Fuula 11) gaafachuun eegalti. Gaaffiii kanaafis, fuulota 11-19 keessatti deebii kennit. (dubbisaatii maalummmaa Waldaa Kiristaanaa hubadhaa).

Ittaansuun, (Fuula 19-22 keessatti) hariiroofi garaagarummaa Waldaa Kiristaanaafi Mootummmaa Waaqayyoo bal’inaan hubachiisuu yaalti. Fuula 22 irraa eegalee akkaataan uumama Waldaa Kiristaanaa ibsameera. Umamuun Waldaa Kiristaanaa karoora Waaqayyoo jalqabarraa wixinaa’ee kan ture ta’ullee, sababii Du’aa Ka’uu Gooftaa Yesuusin Gaafa Guyyaa Shantamaffaa akka ta’e eerameera.
“Kanatti aansee, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos, eega du’aa ka’ee booda ergamootatti (Mikaa’eliifi Gabri’eelii), ergamoota (Pheexiroosiifi Phaawuloos) akkasumas namoota birootti mul’achaa ture (1 Qor 15: 6). Itti fufees, waan gochuu qaban ergamtoota isaatti himee, gaafa guyyyaa afurtamaffaa Waaqatti olfudhatame, mirga Abbaa Isaa taa’e (Mar 16:19; Ibr 8:1;10:12). Ofii Isaa gara Abbbaa waan deemeef, akkuma dubbate, Hafuura Qulqullluu durse abdachiifame erge(HoE 2:16-21). Hafuurichis gaafa guyyaa shantamaffaa saba Waaqayyoo tokkummaadhaan kadhachaa turan irratti bu’e; namoonni gara 3000 ta’a amananii isaanitti dabalaman (HoE 2:41),”(Fuula 23) jechuun jalqabni Waldaa Kiristaanaa haala qindaa’aa ta’een asitti eegaluu akka danda’e barreessichi ibsa.
Paastar Niguseen bifti Waldaa Kiristaanaa maal akka ta’e fuulota 24 -34 keessatti nutti hima. Maalummaafi garaagarummaa Waldaa Kiristaanaa Adunyaalessaa (Universal Church)fi Waldaa Naannoo (Local Church) bal’inaan nuuf himee jira. (Dubbisaa hubannoo gaarii argattuu).

Fuulota 34-36 yemmuu dubbistan, Waldaan Kiristaanaa kan eenyuu akka taate haalaan hubattu.

Fuulota 36-41 yoo duubbistan, Waldaan Kiristaanaa Dhagna Kiristoosiin, Mana qulqullummaa Waaqayyoon, Saba Waaqayyoon, Nama Haaraan, Maasii Waaqayyoon, Mana Waaqayyo Ijaaruun, Misirroo Kiristoosiifi Maatii Waaqayyoon akkaataa kamiin akka fakkeefamte hubattu.

Ittaansuun, fuulota 41-54 keessatti ergamni Waldaa Kiristaanaa maal akka ta’e ibsame. Qulqullummmaan Waaqayyo waaqessuu, Kiristoos Fayyisaa Lubbuu akka ta’e adunyaatti labsuu, amantoonni kenna adda addaa qabaniin waltajaajiluufi walgargaaruun dalagaalee (ergamawwan) waldaan raawwachuu qabduudha. (Gadfageenyaan waan ibsameef akka dubbistan isin affeera).

Ittimafufuun, Aangoon Waldaa Kiristaanaa ( Fuula 55), Bulchiinsi Waldaa Kiristaanaa (Fuulota 56-73) gadfageenyaan ibsamaniiru. (Maaloo dubbisaa hubannoo guddaa argattuu).

Fuulota 74-104 keessatti, kennaawwan Hafuura Qulqulluu maal akka ta’aniifii akkaataa kamiin faayidaarra ooluu akka qaban akkasumas akkamitti guddina waaldaa akka gumaachan, akkaataa kamiin qulqulloonni fayyadamtoota akka ta’an haalaan ibsameera. (Yoo dubbistan beekumsa bal’aa dabalattu).

Tajaajilaan Waldaa Kiristaanaa tajaajiluuf ofkennu akkamitti fo’amuu akka qabu fuulota 104-107 keessatti ibsameera. (Gaggeessitoonni/ jaarsoliin Waldaa yoo dubbistan yaada tajaajila keessan gumaachu inargattu).

Waldaan Kiristaanaa isheen dhugaafi fayya-qabeettii taate amalootni ishee maal akka ta’an fuulota 107-115 keessatti ibsamaniiru. (Yoo dubbistan bara kana waldoonni sobduu ta’an jiraachuusaanii hubattu).

Fuulota 115-124 jalqabaa jaarraa 1ffaa eegalee seerota akkasumas dalagalee qulqulla’aa tan Waldaan Kiristaanaa raawwachaa jirtuufi barbaachisummaa isaanii waliin ibsamaniiru.

Gara dhumaatti, Waldaan Kiristaanaa biyya lafa kana keessatti ergamashii haalaan raawwachuuf akkaataa kamiin deddebi’uu akka qabdu erameera. Qulqulloonni (Kiristaannonni) walii isaaniin akkasumas addunyaa naannoo isaanii jiran waliin hariiroo akkami qabaachuu akka qaban ibsameera. (Yoo dubbistan waan faayidaa qabu argattu).

Gabaabummatti, kitaabni kun waa’ee Waldaa Kiristoos ilaalchisee yaadoota bu’ura ta’an kanneen Qulqulloonni hundi baruu qaban waan qabatteef haalaan dubbifamu qabdi.

Ani barreessaa kitaaba kanaa (Paastar Nigusee) qaamaan argee hinbeeku; eessa akka jiraatus hinbeeku. Warri beektan, “Maaloo dabalii dabalii barreessi; qalamni kee hingu’iin,” jedhaanii dhaamsa koo naaf qaqqabsiisaa.

11/03/2024

ዘማሪት ቤተልሄም ባይለየኝ ኢየሱስ ስምህ ከጥዑም ኢየሱስ ስምህ ከጥዑም፡ ኢየሱስ ስምህ ከቅዱስ ፡ እንጀራ ነህ ከሰማይ የመጣህ አልራብም ምግቤ ነው ያንተ ስም፡ ኢየሱስ ስምህ ሕይወቴ ነ.....

10/02/2024
Adwa Victory Museum!
10/02/2024

Adwa Victory Museum!

Providing service that meets customers needs is foundational for productivity and success.
05/12/2021

Providing service that meets customers needs is foundational for productivity and success.

04/03/2020

"Without translation, we would be living in provinces bordering on silence,"

George Steiner

04/03/2020

“To use the same words is not a sufficient guarantee of understanding; one must use the same words for the same genus of inward experience; ultimately one must have one’s experiences in common.”
— Friedrich Nietzsche

Address

Addis Ababa

Telephone

+251943302446

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Winners Translation posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Winners Translation:

Share