08/04/2026
Laaqamaan namticha mootii lafaa murteesse, haqa tiksaan Mootiin samii dide,kanumatu tahee Alhamdulillaah.
وَمَا تَشَاءُونَ إِلَّا أَن يَشَاءَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ
Qocaa namni sitti more jennaan,Rabbi keessa jiraa jette jechuun isa kana.
Biyya kophaa isii dhaabbattee,addunyaa guutuu miila takkittii qaban jalaa guurte,biyya hayyoota beekkumsaa addunyaan qabdu oomishte,biyya diinagdeefi siyaasaa addunyaa raatessite,biyya seenaa waggaa kuma jahaa olii qabdu,saa'aa afurtamii sadi dhiisii osoo waggaahuu kennaniifii lafarraa dhabamsiisuun tasa hin yaadamu magan.
Akka sodaachisaatiif homaa hin hafne,garuu immoo,lola dhiiraatiif luuyinatu mogoleen hollata akkuma jedhamu, kana booda lafarraa dhabamuun kan tahu kan namicha mataan wal dhahee kana taha,biyya ufii salphisee seera ufii xinneessee addunyaa gubbatti seera osoo hin taane humni akka seera caalu cabsee addunyaa rifachiisee ufii sadarkaafi kabaja kursii daaraa godhee,hawwii namni biyya saniif qabu burkuteessee gadi taa'e. i
Qarshiins sammuu akka hin taane ragaa tahe.
Maraafuu
Qaala'iinsa jireenyaa toohachuuf dursa gama Rabbiitti deebi'uun dirqama.nagaan oolaa.