28/07/2023
Dheeraadha Jettee Bira hin dabrinii Obsaan Dubbisi Ergaa Baredduu qabaa!!
"RABBI HOO KEESSA JIRAA?" JETTE QOCAAN.
dur jedhan bara durii
bara dhagaan biddeenii
qocaan akkana hin turre
qaamni ishee hundi fooni.
bara bineensonni bosonaa
gamtaadhan jiraatan,
bakka barbaadan oolanii
wanta barbaadan nyaatan.
bara bineensonni hundi
jaalala waliif qaban,
bara mootin isaanii Leencaa
Bara Leencan durfaman.
Bara durii durii sana
bara dhagaan biddeenii
qocaan akkana hin turre
qaamni ishee hundi foonii.
Osoo akkanaan jiraatanuu
osoo tokkummaa qabanuu
Bineensota hunda keessaa
Albaadhessi daba mure.
isa biraa nyaachudhaafis
ququphanee shurshure.
sagalee isaa ol fuudhee
hunda isaanitti sagaleesse
waan garaa isaatti yaade
hunda isaanif dhiheesse.
"Callisaa mee al tokko jarana
Yaa bineensota dhagahaa!
waanin garaatti yaaden
hunda keessanii gahaa
Gaara baanee buunee
oliif gadi kaachaa
hundi keenya kan joorru
Silaa soorata barbaachaa.
Qorra, Aduu fi rooba jennee
yookan dukkana halkanii
Maalif qocaa hin nyaannu?
Qocaan hoo silaa foonii"
jedhee itti sagaleessee
iyyee lallabee dubbate
isaanis suuta ususanii
yaadni isaanii wal fakkaate.
hojiitti jijjiiruf hundi walii gale
dubbiin murtee argachuuf
gara Mootii isaanii Leelcatti qajeele
Leencis dafee hatattamaan
walgahii isaan waame.
waan daftee deemuu hin dandeenyef
walgahicha irraa Qocaatu dhabame
Gaaffii Bineensonni dursanii
Mootidhaaf dhiheessan
Sagalee guutudhaan
Hundi isaanii mirkaneessan.
Akkuma isaan yaadaa turan
hawwiin isaanii milkaa'e
Waa'en nyaatamuu Qocaa
gama Leencanis Murtaa'e.
Qocaa barbaadanii Nyaachuf
hooman bineensotaa facahe
garuu hunda isaanii dursee
hilleentitu ishee bira gahe.
isheen nyaachudhaaf miti
kan dursitee bira geesse
Qocaa gurra buusudhaafi
wanta jara irraa dhageesse.
"Yaa hiriyaatoo yaa Qocaa
yaa qocaa yaa suutumee
nagaatti egaa maalin godha
kee har'a dubbiin dhumee
Deemsa kee illee nan beeka
fiigdee illee jaalaa hin baatu.
humna qabaattee illee
Bineensi hundi si hin sodaatu.
Hiriyummaa keenya hin jibbinee
garuu kana booda hin hawwuu
anis humna qabaadhee
waan tokka sirraa hin dhoowwuu
Bineensonni hundi isaanii
Si nyaachudhaaf walii galanii
Sibiratti na argannaan
anaayyuu itti na dabalanii.
Osoo wal jaalannuu
osoo wal mararruu,
Nagaatti egaa maal siif godhu
siichi wal hin agarruu"
jetteenii hilleentin
"xarraph xarraph" jechaa
fiigicha ishee eegalte
Lubbuu isheef sodaachaa.
"mee afachu hilleentii
as deebi'i hoo takkittii
waan naaf hin gallen qabaa
waa tokkon si gaafadhaatii
Walgahii keessan har'aa
haga dhumaatuu dhageessee?
waa'ee Nyaatamuu kiyyaa
Leenci hoo maal murteessee?"
jettee gaafatte Qocaan
hubachuuf waan dhageesse
Deebin isheen argatte garuu
akka Leencis isheetti murteesse.
"Gaaffii dhumaan sigaafadhaa
naaf deebisi mee adaraa
murtee natti laatame kana
rabbiin hoo keessa jiraa?"
"Qocaa badii hin qabduu bar
ati homaa hin balleessine
Leencatu murteesse malee
rabbiin hin murteessine."
Jetteenii deemte Hilleentin
xarraph xarraph jettee
Iccitii jiru hundaayyuu
takka takkaan itti himtee
"guddaa galatoomi hilleentii
galanni kee guddaadha
rabbii irraa yoo hin taane
wanti hundi salphaadha"
jechaatii ofiin gugumaa
Qocaan tirachuu eegalte
akkuma yeroo hundumaa.
Albaadhessi abbaan garaa
dafee bira qaqqabe
"Dhangaan barbaadu argadhe"
jedhee nyaachudhaaf gaggabe
Qocaa liqimsuudhaf
afaan isaa itti bane
garuu hin milkoofne
akka yaadan hin taane.
wanti yaadame hundi
jalaa fashalaa'ee eege
rabbiitu qaama Qocaa
waan jabaatan haguuge
akkuma rabbi abdattee
murtii jaraa tuffatte
Qocaan humna rabbiitin
haga yoonaa jiraatte
Anis waa malee hin mammaakne
seenaa Qocaatin kaasee
waa'ee keenyas akkasuma
yoon ilaalu buusee baasee
har'a boruutu nu huuqqisee
baraanis bara lakkoofnee
Abdii namarra kaawwannee
eegaa turree hin milkoofnee
eenyutti boonyee himanna
inqirfannee wawwaata
waa'en keenya hoo maali
mee suuta hubadhuu ilaali
seenan keenyaf kan qocaa
waan baay'en wal fakkaata
akkuma Qocaan jette keenyas
Rabbi hoo keessa jiraa laata?