Kadi Jemal H kade

hunduu haa dubbisu🥺Akkuma toora miidiiyaa hawwaasummaa kanarratti argaa jirtan guyyaa kaleessa galgala Artistii keenya j...
01/09/2023

hunduu haa dubbisu🥺

Akkuma toora miidiiyaa hawwaasummaa kanarratti argaa jirtan guyyaa kaleessa galgala Artistii keenya jaallatamaa artisti Bultumee irratti yaaliin ajjeechaa hoteela Qanaanisaa Baqqallaa keessatti irratti raawwatamee ture. Yaalii lubbuu isaa balleessuu kana kan irraan ga'e, kashallabboota magaalicha keessa jiraatani tokko tokko akka ta'ees beekameera.

Haa ta'u malee yaalii isaan gaggeessan kun harkaa fashalaa'ee jira. Caalaan lubbuudhaan homaa akka hin taanee fuula miidiiyaa hawwaasaa isaarratti ganama kana beeksisee jira. Yeroo amma kana nagaan mana maatii isaa akka jirus dubbaterr.

Garuu konkolaataa inni itti dadhabee agaabuu bulee, mootummaa jalas kurkuree bakka meeqaa maallaqa walitti coratee bitate jalaa caccabsanii jiru. Konkolaataan isaa kun kaninni ittiin bitame qarshii 1238292037 akka ta'ees beekamaadha.

Konkolaataa kana malee konkolaataa biraa ittiin socho'uu hin qabu. Yoo lafoo yookaan taaksiidhaan deemee uummata Oromoof yaaddoo guddaadha. Nama kana dhabnaan ija keenyatu jaama. Nurra isatu diina baay'ee qaba waan ta'eef lafa deemuu hin qabu.👌

Kanaaf uummanni oromoo biyya alaaf biyya keessa jiru Artistii keenya kanaaf hamma danda'ee waan qabuurraa walitti buusee konkolaataa isaa caccabde kana akka sirreessisuuf gaafanna.

Kanuma irratti hundaa'uun nama sadii taanee maqaa keenyaan acount bannee waan jirruuf uummatni Oromoo marti akka gargaartaan kabajaan isin gaafanna. Acount nuti bannee Karaa keessaa nu quunnamtanii argachuu dandeessu.

Dani Tamiru
Ibsituu Oromoo
Fedhii Birhaanuu taanee lakkobsa herrega baankii daldala Itoophiyaa bannee jirra.

Xumura irratti adaraa jennee kan isinitti himnu Artistootni keenya gar malee hin machaa'inaa. Gar malee namaan wal hin dhabinaa. Adduma addaan immoo haadha manaa mataa keessanii waliin qofa ciisaa. Bo'icha irraan gadee nun boosisinaa. Isin jaallanna sabboontota keenyaa😜
September 1/2023
Oromiyaa lixaarraa
Fedhii Birhaanuu!

21/08/2023

Address

Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kadi Jemal H kade posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kadi Jemal H kade:

Share