02/03/2022
Itoophiyaa
Viidiyoo
Jajjaboo
Raashiyaan hidhannoo waraana Niikuleera meeqa qabdi?
Sa'aatii 9 dura

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin tibba kana humni waraanaa Niikuleeraa isaanii akka of qopheessan ajajuun isaanii addunyaattii yaaddoo dabaleera.
Xiinxaltootni ammoo tarkaanfiin Puutiin kun biyyoonni kaan Yukireeniin deeggaruu akka itti hin fufne akeekkachiisa dabarsuufi jedhu. Kaayyoon isaas meesha waraanaa kanatti fayyadamuu mitii jedhu.
Biyya addunyaa jalqabaa meeshaa waraanaa niikuleera erga hidhattee amma waggootni 80 darbaniiru. Biyyootni addunyaa hedduun nageenya biyyaalessaa isaaniif yaaddoo ta'uu amanuun hidhachuu itti fufaniiru.
Raashiyaan meeshaa waraana niikuleeraa meeqa qabdi?
Meeshaan niikuleeraa Raashiyaan qabdi jedhamu kan tilmaamaan kaahamu yoggaa ta'u, Federeeshiniin Saayintiistota Ameerikaa Raashiyaan fiixee misaayelaa neekuleera baatu 5,977 qabdii jedha.
Kunniin keessaa ammoo 1,500 kan ta'an hojiin ala waan ta'aniif dhabamsiifamuu qabu jedhan.
Kan hafan 4,500 kan ta'an ammoo meeshaalee niikuleeraa tarsiimawaa kan akka misaayela baalastiikii ykn rookkeettii kan fageenya dheeraa furguggifamanidha. Kunniin kan niikuleera waliin walqabataniidha.
Kanneen hafan ammoo xixiqqo, meeshaalee niikuleeraa badii guddoo hin geessifne, fageenyaa gabaabaa furguggifaman kan dirree lolaafi qaama bishaanii keessa dhukaafamaniidha.
Kana jechuun garuu Raashiyaan meeshaa niikuleeraa fageenya dheeraa furgiggifamu kan ammatti qophaa'ee taa'e kumaatamaan hin qabdu jechuu miti.
Akeekkachiisni nuukilaraa NATOn sodaate hin oolle
Raashiyaafi Yukireen waliin mariyatanis waraanni akkuma itti fufetti jira
Weerara Yuukireen: Putiin lola kanaaf 'Milaacii' Nukileraa harkisuu maluu?
Baayidaan maaliif Yuukireenitti waraana hin ergani?
Ogeeyyiin akka jedhanitti fiixeewwan misaayelaa niikuleera baatanii furguggifaman 1,500 ta'an buufata misaayelaafi boombiitti ykn ammoo qaama bishaanii keessatti qop