23/03/2026
Falmii Paartilee dhimma Federaalizimii waltajjii filannoo marsaa 7ffaa.
———————————————————————————————
1.EZEMA : Federaalizimii decentralization : Akkaataa teessuma lafaa,aadaa fi dinagdee…
Walitti bu’iinsa daangaa,mirga garee fi dhuunfaa walitti makeera,jibbiinsa fideera,keeyyata 39 baduu qaba.
2.ABO : Federaalizimii daangaa fi qabiyyee lafaa Oromiyaa hanqisera,Heerri biyyichaa hojiirra hin oolle,keeyyanni 39 wabii lammiilee biyya kanaati.
3.PP : Federaalizimii fiixee lama qabatetu jira,marii Biyyoolessaa irratti waan Ummanni barbaade hojiirra ooochina,Federaalizimii sabdaneessaa kan ummanni keenya barbaadu goona.
4.Bilisummaa fi Walqixxummaa: Federaalizimiin amma jiru rakkoo hin qabu,Dimokraasii mirkaneessuu,Heerichi rakkoo hojiitti hiikamuu qaba.
**********
a) EZEMA- Seensa Heerichaa ni jijjiirra (Nuti saboonni,sablammoonni fi ummatoonni) kan jedhu gara nuti Lammiileen jedhutti ni jijjiirra)
-Keeyyata 39 ni jijjiirra. sababni isaa biyyattiin akka Yigoozlaaviyaatti waan diigamtuuf.
-Afaan Oromoo,afaan federaalaa goona (qoosaa Qonijjiit bara 1997 ti)
-Federaalizimii eenyummaa fi saba irratti hundaa’e Itiyoophiyaa keessa qofaa jira,kana ni jijjiirra.
-Ofiin of bulchuu jechuun,sabni tokko of bulchuu miti. Ummanni waliin jiraatu of bulchuu jechuudha. Oromiyaa bakka shanitti qoqqoodna.
b) ABO- ABO’n eenyu jalaa Oromoo bilisa baasuu barbaada?
Deebii Jaal . Lemi Gemechu ABOn ummanni Oromoo cunqursaa garagaraa jalaa akka ba’u qabsaa’a. Filannoon haqaa biyya kana keessatti hin gaggeeffamne kanaaf Oromoon Mootummaa naaf ta’a jedhu akka filatu,qabeenya isaa irratti akka abbaa ta’u hiree isaa akka murteeffatu taasisa. Keeyyanni 39 jiraatees jiraachuu baates Oromoon akkuma biyyoota kamuu hireesaa murteeffachuu qaba. Hireen murteeffannaa hanga biyya mataasaa ijaarratee,alaabaa mataa isaa dhaabbatuttidha. Oromoon itiyoophiyaadhaan dhiigakoon ijaarradhe hin jenne. Sirna fi aangoo Mootummaa bara sanaa tiksuuf Adwaa duule. ABO’n caasaa Naannoo Oromiyaa amma jiru itti fufsiisa. garuu Oromoo Naannoo biraa keessa jiran hiree isaanii akka murteeffannaa taasisa. Finfinnee qofaa miti umatoonni Oromiyaa keessa jiran lammiilee Oromiyaati. Finfinneen akkuma magaalaa Dirree Dhawaa,Adaamaa fi Naqamteeti.
c) PP- Sirna federaalaa amma jiru itti fufsiisuun,federalism’n waadaadha,kakuudha.federalism’n dhugaadhaan hojiirra hin oolle.heerri kan ummataati jennee amanna. waan Ummanni filate hojiirra oolchina. Rakkoo waggaa 50 ol ture takkaatti hin hiikamu marii Biyyoolessaa yeroo dheeraa godhamuun marii Biyyoolessaa Paartiin hin hogganni Ummanni murteessuun hojiirra oolchina.utuu heerri hin foyya’iin afaan Oromoo afaan federaalaa hin goonu. Finfinnee qofaa miti,gaaffileen bakkoota adda addaatti ni ka’u kun Paartii tokkoon kan furamu miti,Heerri foyya’uu qaba. Naannoleen gidduu galummaa tokko malee hiree isaanii murteeffachaa jiru. dhimmi alaabaas marii Biyyoolessaa tiin furama. Finfinneen kan ummatoota hundaati.
d) Bilisummaa fi Walqixxummaa- Finfinnee qofaa miti Oromiyaaniyyu kan Oromoo miti.biyya kana Ummanni hundi waliin qaba. Keeyyanni 39 qumaara siyaasaaf kan taa’edha. Sabni foxxoquu barbaadu keeyyanni jiraatee dhiisee foxxoquu wanti dhowwu hin jiru. garuu keeyyata 39 ni jijjiirra. Ummanni Oromoo nan foxxoqa jedhee dubbatee hin beeku. Afaan Oromoo afaan federaalaa goona.
*********
Mee gaaffilee kallattii hundaan ka’aan haa ilaallu!
1. Abbaa Biyyummaan maali ?”
-Oromoon Abbaa biyyaa kan ta’u Mootummaa fedhii isaatiin ofiin filate qabaachuu.
-Qabeenya lafa jalaa fi lafarra jiru irratti abboomuu fi ittiin dhimma ba’uu danda’uu.
-Sirna Mootummaa fi Heera isaaf mijatu qabaachuu fi ittiin buluu.
-Qe’ee isaa irratti nagaa fi tasgabbii guutuun,wabii lubbuun jiraachuu, mirga hojjatee buluu qabaachuu.
2. Oromoon Itiyoophiyaa kolonii jalaa bilisa baasuuf hin qabsoofnee?”
- Oromoon fedhii isaatiin Itiyoophiyaa jalatti hin makamne. Itiyoophiyaan Impaayera Oromoo fi saboota Kibbaa irratti ijaaramtedha. Oromoon hirmaannaa kamuu Impaayera dirqamaan isa irratti ijaaramte keessatti taasise kamuu bifa fedhii mataasaa fi miira Abbaa Biyyummaa tiin miti. Oromoon Itiyoophiyaan biyyakoodha jedhee yaadees hin beeku. Fkn: Adwaa,Kaarraamaarraa,Baadimmee… Sirna Mootummaa gidduu galaa tiksuuf waraana taasifame malee Bilisummaa sabootaa fi mirga sabootaa kan godhame miti. Duulli Adwaa aangoo koloneessitoota Habashaa tiksuuf,kolonii Xaaliyaanii itti lolanidha. Sabni kolonii tokko jala jiraachaa,kolonii biraa kan lolu dantaa dhuunfaa fi dantaa kolonii galmaan ga’uuf malee,daangaa Oromoo fi mirga Oromoo isa kamtu Adwaa irratti tikfamaaf duulu! Miniliik ‘Ashkaroota’ isaa kennaa aangoo,badhaasa garagaraa fi dirqiin duulchifateera.
3. Utuu Adwaa irratti Oromoon duuluu baate,Oromiyaan ni jiraattii?”
-Dhugaa dubbanna taanaan,tarii warri Minilikiif ashkara ta’ee utuu Adwaatti duuluu baate,kolonii Gurraacha fi Doofaa ofirraa buusee,Xaaliyaanii utuu simateera ta’e yoona Oromiyaan walabaa guutuu taatee tarree biyyoota addunyaa irratti erga beekamte turteetti ture. Xaaliyaaniin gaafa Itiyoophiyaa waggaa shan bulchite afaan Oromoo Finfinnee irratti shaakalchiifteetti,Addatti akka Miniliik afaan,aadaa,eenyummaa Oromoo cabse,Xaaliyaaniin sana hin gootu turte. Biyyoonni Afriikaa koloneessan gaafa gadhiisanii deeman,biyya koloneessaa turan baatanii hin deemne achumatti dhiisanii sokkan. Kanaaf gabrummaa fi kolonii Miniliik irra,Xaaliyaanii jalatti eenyummaa keenya tikfannee gaafa sirni kolonii buqqa’e Oromoo enyumaa isaa guutuu ta’een biyya mataa isaa ijaarrachuuf carraa qaba ture. Waan Miniliik nu godhe,utuu ABO’n ijaaramee Oromoo waaltessuu fi tokkomsuuf hojii guddaa hojjachuu baate,yoona kaayyoo EZEMA har’a tu bara sana raawwataa a ture. Hanga tokko bara H/Silkaasee fi Dargii Kifla Hagar fi Awraajjaatiin yaalamee ture. Kanaaf kolonii lama keessaa dhimma filachuu yoo ta’e kan Xaaliyaanii sana wayya ture. Oromoon Itiyoophiyaa keessatti roga hundaan jiraachuf jecha dirqiin hirmaate malee,fedhii fi miira Abbaa biyyummaan Itiyoophiaa hin ijaarre.
4. Jaal. Baaroon decentralization fi Nation building irrattti hojjatan “
- Decentralizetion jechuun akka Ihaappaa,Ezemaa,PP… fi Elite Habashaa hawwan fi jedhanitti Federaalizimii teessuma lafaa utuu hin ta’iin; qoqqoodiinsa aangoo fi itti gaafatama sadarkaa sadarkaatti jiru gitaan kan hirudha. kun Federaalizimii sabdaneessaa keessattis hojjechuu danda’a.
Qabxiilee 4 Decentralization (sirna federaalizimii keessatti)
a) Aangoo Seeraa (Legislative decentralization)
Naannoleen seera mataa isaanii tumachuu danda’uu.
Federaalli mmoo seera biyya guutuu ilaalu tumata.
b) Aangoo Raawwachiisummaa (Executive decentralization)
Naannoleen mootummaa isaanii ofiin bulchu.
Murtii fi hojii bulchiinsa isaanii ofiin raawwatu.
c) Aangoo Maallaqaa (Fiscal decentralization)
Naannoleen gibira walitti qabuu danda’u.
Baajata isaanii ofiin murteessu,itti fayyadamu.
d) Aangoo Siyaasaa (Political decentralization)
Ummanni hoggantoota naannoo isaanii filatu.
Hirmaannaan siyaasaa sadarkaa naannootti cimaa ta’a.
*********
Jaal.Lammiin sa’atii gabaabduu kennameef keessatti carraa isaa akka gaaritti fayyadamee,imaammata fi sagantaa ABO’n dhimma Federaalizimii irratti akka gaaritti ibseera. Akeeka fi ejjannoon ABO dhimma kana irratti qabu,kana fakkaata. ABO’n barana dargaggoota jajjaboo filannoo marsaa 7ffaa irratti hirmaachisee,ummata Oromoo gammachiiseera. Carraa biyya bulchuu yoo argate imaammata fi sagantaa akka aannanii laphee nama qabbaneessu qaba. ABO filachuun:Dimookraasii dhugaa,Mirga namoomaa haqaa,Nagaa waaraa,Bilisummaa sirrii fi misooma amansiisaa guddina biyyaaf ta’u of harkaa qaba. ABO-Horooroo fildhaa.
*********
Karaa PP tiin falmiin taasifame bayeessa garuu,gowwomsaa fi abshaalummaadha hamaatu keessa jira. PP’n Sabboontoota aangoo siyaasaati. Akka Gaararraa bifa jijjiiratu waltajjii sana irrattis sanuma argine! Yaada xaliila’aa fi sagantaa ifaa hin qaban. Finfinnee irratti ejjannoo ifaa hin qaban, deggersa isaanii umamata Itiyoophiyaa guutuu biraa akka hin dhabne hunda gammachiisuuf dantaa Oromoo dabarsaniiru laatu. Yaadi Paartilee EZEMA,PP fi Bilisummaa fi Walqixxummaa jedhu tooftaaf malee tokkumadha.
Gaazexessaan garuu kormee fi si’ooftuudha.akkaataa gaaffii fi waan gaafatamu beeka,qirqidee nama dubbachiisa.PP faana falmuurra,Gaazexessaa akkasii faana falmaa utuu oolani wayya! Nama mariisisuu beeka galatoomi.
Barruu Dave Abdiiwaaq