The Oromian Review

Directions

The Oromian Review Dhugumaan dhugaaf hojiirra jirra!

Ija seenaaf Biyya Oromoo, Oromiyaa
17/09/2026

Ija seenaaf Biyya Oromoo, Oromiyaa

Qabsoon Jawaar Qabsooma digaa taate? Seenaa namni kun barreessu yoo dhugaa lafa jirtu waliin waan bira dhiftee bara isa ...
18/07/2026

Qabsoon Jawaar Qabsooma digaa taate? Seenaa namni kun barreessu yoo dhugaa lafa jirtu waliin waan bira dhiftee bara isa ilaalte bara 1999-2001ti hoggaansi tika Itoophiyaa Getachoo jedhamu san miti nama Kinfee jedhanudha! Ammaas qabsoo Oromoo keessati barri jedhamu kun hanga 2005 (1997) yeroo tokko tokko soba fakkeessi qabdi!

Qabsoo fi Basumaasummaa!Tibbana ajandaan basaasummaa maaliif ijoo miidiyaa hawwaasaa ta'uu danda'e.Gidduu kana Jaawar Mo...
16/07/2026

Qabsoo fi Basumaasummaa!

Tibbana ajandaan basaasummaa maaliif ijoo miidiyaa hawwaasaa ta'uu danda'e.

Gidduu kana Jaawar Mohaammad namoota hedduu miidiyaa hawwaasaa irratti bobbaasuun waayee basaasummaa Girmaa Xurunaa fi hojii tika ABO'n saaxila jechuun girri girrii guddaa uumeera.

Dhimmi kun miidiyaa hawwaasaa gubbaan haasa'amuu eegaluun waggoota lakkoofsisus tibbana garuu ajandaa olaanaa ta'ee dhiyaate. Dhimma kana ilaalchisuun xiinxala gadi fagoo hawwaasni keenya hubachuu qaba jedhee yaadu haala gadii kanaan qindeesseera.
...

Jaarmiyaan Siyaasaa tokko basaasaan alatti hojii siyaasaa milkaa'aa hojjechuun itti ulfaata. Kaayyoof akeeka isaa galmaan gahuuf, uummata qabsaa'uuf sana kaayyoo ganamaa biraan gahuuf basaasaan dirqama isa barbaachisa. Kana waan ta'eef hawwaasni keenya ilaalcha basaastummaan badaadha jedhuun dhuunfatamuu akka hin qabne barruu kana gubbaan isinii ibsuun yaala.

Basaasaan yoo uummata isaaf dhibbantaa 70 ol hojjete, aara galfii fi eegduu olaanaa hawwaasa sanaa ta'uu danda'a. Biyyi tokko basaasa malee jiraachuu hin dandeessu. Har'a addunyaa irratti Israa'el guddoo fakkaattee kan ilaalamtuuf hojii basaasummaa namoota qubaan lakkaa'amaniin dalagamuun akka ta'e hubachuu barbaachisa.

Diina hamaa jettee kan yaaddu hogganoota Iraan, Hamaas fi kaan ajjeesuu keessatti gaheen basaastota Israa'el olaanaa ture. Kanarraa kan hubannu Oromoon basaasaa jabaa qabaachuun sirriitti isa barbaachisa. Guutummaa dhumaan hojii basaasummaa balfuu fi balaaleffachuu utuu hin taane, basaastota jajjabaa kan uummata Oromoof hojjetan oomishachuu fi isaaniif eegicha addaa taasisuu barachuuf shaakaluu qaba. Siyaasumatu hojii tikaa fi basaasummaatiin galma yaade qaqqabe. Odeeffannoo diinni kee sirratti karoorsaa jiru, kan diinnikee siif saganteesse manaaf gola diina seenee saaxiluu kan danda'u Basaasaadha. Kanaaf basaastonni dhaabbilee fi jaarmiyaa siyaasaa keessatti barbaachisu.

Biyya kanatti inumaa basaasummaan sadarkaa hoteelota keessattillee qacaramanii akka jiran niin beeka. Kana jechuun hojjettoota hoteelichaa eenyu maal irra akka oole kan tiksu, mancaatii qabeenya kan hordofu abbootiin qabeenyaa hoteelaaf bakka hojii isaaniitti bifa iccitaawaa ta'een basaasaa nii qacaru.

Kanaaf jaarmiyaan siyaasaa tokko basaastota qaba jechuun kan balaaleffatamu ta'uu hin qabu. Garuu yakki basaastotni geessisan ammoo balaaleffatamuu danda'a. Kana yoo jennu miidhaa basaasaan sun uummata irraan gahe madaaluun basaasaa balaaleffachuu akkasuma bu'aa isaatiin ammoo galateeffachuutu barbaachisa.

Mee waa'ee basaasummaa waliin haa ilaallu. Gochi basaasummaa fi tikee seenaa dhala namaa keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi baroota baay'ee dura kan eegaledha. Hiika, seenaa, fi faayidaa isaa gadi fageenyaan beekuuf kitaabota dhimma akkanaa irratti katabaman dubbisuun barbaachisaa ta'a.

Basaasa jechuun Nama iccitii fi odeeffannoo dhoksaa biyya, dhaabbata, ykn qaama biraa tokkoo dhoksaadhaan sassaabee qaama isa ergetti dabarsuudha. Kun callisee kan ta'u miti, muuxannoo fi beekumsa addaa barnootaaf uumamaan argame walitti ida'uun kan raawwatudha.

Namni hundi basaasaa miti, basaasaa hundis nama miti. Kana jechuun bara kana si basaasuuf roobotiin illee bobbaafamuu akka danda'an hubachuu barbaachisa.

Kun ta'e Tika (Intelligence) jechuun; Hojii ykn dhaabbata odeeffannoo nageenyaa, siyaasaa, fi diinagdee biyyaalessaa sassaabu, xiinxalu, fi nageenya biyyaa eeguuf hojjetuudha.

Basaasummaa jechuun ammoo Gocha dhoksaa kan odeeffannoo siyaasaa, waraanaa, saayinsii, ykn daldalaa qaama biraa irraa eeyyama malee sassaabuuf raawwatamudha. Kana jechuun akka hubannoof tolutti qaamoleen sadan kun wal haa tumsan yookaan dhaabbata tokkoon hogganamuu haa danda'an malee hiiki isaanii garaa gara.

Basaasaan qaama odeeffannoo sassaabu san yoo ta'u, basaastummaan ammoo odeeffannoo sassaabuu jennee hiikkachuu dandeenya. Tika jechuun ammoo qaama qabsoo yookaan mootummaa tokko aangoorrattis ta'e bulchiinsa irratti eegu ta'uu danda'u. Kun birokiraasii mootummaaf dhaabbati tokko ittiin dhimma bahu irratti hundaa'a. Mootummaan dimokiraataawaas ta'e abbaan irree hunduu tika mataa isaanii nii qabu.

Tika jechuun mandhee icciitaa jaarmiyaasaa siyaasaa biyya tokkooti. Akkuma kana Tiki kan mormaas, kan mootummaas wal quba qabaachuun waan haaraa ta'ee nama siyaasa gaggeessu tokko biratti haasa'amuu hin malle.

Basaasummaan seenaa dhala namaa waliin walqabatee kan eegale yoo ta'u, erga ilmi namaa gurmaa'ee waliin jiraachuu fi waraana eegalee kaasee hojiirra oole. Haa ta'u malee, akka galmee seenaatti gochi kun iddoowwan akka Ijipt Durii (Ancient Egypt)**, **Mesopotamiyaa (Iraaq ishee ammaa)**, **Chayinaa Durii**, fi **Giriik Durii** keessatti eegaluu isaatu himama.

Akka maddeen odeeffannoo jedhanitti basaasummaan waggaa 400 dura hojiirra oole. Fakkeenyaaf, Ijipt durii keessatti Fara'onootni basaastota fayyadamanii biyyoota naannoo isaanii jiran haleelaa turuutu eerama.

Kitaabni "The Art of War" jedhu barreessaan Chayinaa Sun Tzu jaarraa 5ffaa dura barreesse keessatti, kutaan guutuun tokko waa'ee faayidaa fi bifa basaasummaa qofa irratti xiyyeeffata.

Basaasummaan biyya tokkoof ykn dhaabbata tokkoof faayidaa murteessaa qaba. Isaan keessaa nageenya Biyyaalessaa Eeguu; Sodaa Diinaa Dursee odeeffannoo baasuun Ittisuu. Weerara waraanaa ykn shororkeessummaa diinni raawwachuuf deemu dursee beekuun akka ofirraa ittisan gargaaruu keessatti shoora olaanaa qaba.

Kana malees fira diinaa addaan baasuun, biyyoonni kam amanamoo akka ta'anii fi kam akka isaan miidhuuf jiran addaan baasanii beekuuf fayyada.

Akkuma kana Hooggantoonni biyyaa odeeffannoo qabatamaa fi dhoksaa irratti hundaa'uun murteewwan dhimma alaa fi keessaa irratti murteessan akka kennan gargaara.

Basaasummaa Industirii keessatti; Biyyoonni ykn dhaabbattonni gurguddoon iccitii teknoolojii, qorannoo saayinsii, fi tooftaalee daldalaa dorgomtoota isaanii dhoksaadhaan argachuuf itti fayyadamu. Kun immoo baasii qorannoof ba'u hambisuun dorgommiitti akka caalan godha.

Kun ta'e tibbana Dirribsaa Daamxee fi Jaawar Mohaammad waa'ee basaasummaa Girmaa haalaan saaxilaa akka turan quba qabdu. Jaawar yeroo mootummaa kana tumsaa, Abiyyiin ala midhaan gadi nuu hin lixu jechaa ture hojii sirrii akka ta'etti ibsa. Kana malees odeeffannoo caasaa biltsiginnaa keessaa argachuu yeroo garaa garaa kan miidiyaan nutti himu hojii qajeelaa fi inumaa hojii sammuu akka ta'etti nuu seenessa. Qaamni biraan garuu akka isaa kana odeeffannoo jaarmiyaa biraa butuun akka yakkaa fi hojii badaa ta'etti dhiyeessuun qabatamaatti yaada isaa kana guutuun akka hin fudhanne nu taasisa.

Jaawar tarii ergama addaa dhokataa ta'e qabaachuu mala. Kana malees ABO fi biltsiginnaan hariiroo gaarii tolfannaan saaxila basaasummaa waan jedhuun jaarmiyaa kana rukutuuf xiyyeeffate ta'a. Walumaa gala qaamoleen wal abaxxaraa jiran Jaawaris ta'e Girmaa Xurunaa faayidaa mataa isaanii ykn bu'aa, dhaabaaf jaarmiyaa isaaniif jecha akka wal abootaa jiran beekuun barbaachisaadha.

Kaayyoo fi ergamni holola tibbanaa miijanamuu barbaachisa. Jaawar Mohaammad qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti gama miidiyaatiin gahee olaanaa bahateera. Akkuma kana ammoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo caccabsuu keessattis nama hangafaati. ABO'n Qeerroo ijaaruu innu barreeffama isaa tibbanaan amaneera. Dubbii kana garuu waggootaaf Jaawar waakkataa kan ture, ofii isaa abbaa Qeerroo akka ta'etti ibsamaa ture.

Haa ta'u malee akkuma barreeffama Jaawar tibbana sagaleen isin dhageessifne Jaawar Qeerroo Bilisummaa Oromoo san dhiisee cabsatee Qeerroo biraa ijaaruuf yaalii bal'aa taasisaa akka ture innuu himeera.

Odeeffannoo OMN yeroo san gabaasaa ture kan caasaan Qeerroo Oromiyaatti bobbaafaman waraabanii Vidiyoof suuraan deggaranii ergaafii turanidha. Jaawar gama odeeffannoo qabsoo Oromoo akka tumsuuf odeeffannoo argame gara Jaawaritti ergaa OMN haa gabaasuu nuun jedhamaa ture. Yeroo sanatti ABO'n OMN miidiyaa Oromooti jechuun amanamummaa olaanaa qabaataafii ture. Jaawarinis ABO balaaleffatu argee hin beeku. Hogganni nu Qeerroo bobbaasaa ture guyyaa tokkoof illee ABO balaaleffatee hin beeku.

Jaawar garuu hadiiduma sochiin jabaataa deemee dhageettiin isaa tabba bahaa deemeen ABO jaarmiyaa Qeerroo laateef san diinonfachuu eegale.

Gabaasa Qeerroo Bilisummaa Oromoo guutummaatti OMN irraa uggure. Lolli Jaawar ABO duuka utuu hin taane nu gaggeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin ta'e. Haaloo kanaa Qeerroon hundi wal dubbisuun odeeffannoo irraa kutuun danda'ame.

Lola sanaan booda ONN hundaa'uuf danda'e. ONN bakka OMN bu'ee akka sochii Qeerroo gabaasuuf yaadame. Kun gama kaaniin akka sabaatti kasaaraa guddaaf nu saaxile. OMN irrattis, ONN irrattis maallaqni gama lamaan akka bahu taasifame. Qisaasama maallaqaa hamaafis uummata keenya saaxile.

Haaloo kanaa qabatee turee Jaawar tibbana dhimma Qeerroo kana ofii akka waan badii hin qabnetti barreeffachuuf dhiyeessuu yaale.

Akeekaaf Kaayyoo Jaawar asitti shakkuu nurra jira. Jaawar gama tokkoon sochiin waraana bilisummaa Oromoo mootummaa muddaa waan jiruuf, caasaa WBO keessa qabsaa'aa fakkaatee hulluuqee seenuu barbaada.

Yoo akka itti jiru kanaan gaggeessitootaaf namootni siyaasaa ABO WBO gaggeessan Jaawaritti kan siqatan ta'e kisaaraa guddaaf saaxilamuu malu. Jaawar harki isaa takkaa caasaa siyaasaa seene taanaan hanga balleessee dhabamsiisuutti biraa hin deebi'u.

Akkuma namuu beeku kanneen Oromoo Ithoophiyaa irraa eegan keessaa Jaawar nama amanamaa waan ta'eef, sochii Oromiyaa ijaaruu jala ifaaf mul'ataan dhaabbata. Kanaaf ammas qabsichi gaafa fiixee irra gahuuf jedhu dursee dura goree kabbabee dhaabuuf gaggeessitoota qabsichaa qabachuuf, dursee akka hogganaatti mul'atee harka isaa dura qabuuf ifaaja.

Kanaafis barreeffamoota shira kanaan dura bahuu qaban tibbana amanamaa fakkaachuuf saaxilaa waan jiru fakkaata. Jaawar ABO fi WBO gidduutti abidda hamaa qabsiisuun, dhibdee gidduu isaanii jiru bareechee afuufee bobeessuutti jira. Abidda kanaan humni Oromiyaa ijaaruuf deemu lamaan kunneen haalaan akka wal irraa fagaatan barbaada.

Kana malees uummatni waa'ee ABO abdii akka kutatu, siyaasa keessaa namni shororkaayee harka isaa akka sassaabbatuuf hojjetaa jira. Adeemsi shira saaxiluu bareedaa ta'ee, adeemsi Jaawar hordofe qabatamaan miijanamuu fi uummatni ija qalbiin ilaaluu gaafata.

Waan hundaa keessa akka hangafummaatti kan of dhiyeessu, siyaasni tasa kan hin galleef, namni bu'aa ijaaramuu hin beekne Jaawar caasaa ijaarsa qabu gidduu seenee wal shakkii babal'isuun dabaree dabaree akka diigamuuf hojjechuun balaaleffatamuu qaba.

Akka sabaatti kan nu ijaaru, qaama mootummaas ta'e mormitoota keessa ilmi Oromoo cimaan jiru hundi walitti dhufuu akka qabudha. Namni keenya waa'ee basaasummaa akka balaaleffatuuf hojii tikaa irraa akka qoollifatu taasisuun dhumarra bittinuu nutti fiduu mala.

Qabsoon keenya Biltsiginnaas ta'e ABO keessa tika amanamaa, basaasa jabaa galfachuu qofaan galma gahuu akka danda'u wal akeekuu danda'uu feesisa. Yeroo kamii tikaaf basaasaan kan nu fayyadu malee yeroo hunda basaasaan diina uummataa fakkeeffamee dhiyeessuun waa'ee siyaasaa wal'aalutti nu geessa.

Hojiin tikaa gola diinaas kan firaas seenee waan jiru barabaree baruu waan ta'eef tiki mootummaa fi tiki ABO wal quba qabaachuun hangas afarfamee haasa'amuu fi, waanuma wal quba qabaniif sadarkaa jibbiinsaatti adeemsisuu kan malu miti.

Hojii isaaniitu akka wal baran, akka wal beekan isan taasisa. Hojii tikaa keessatti qooddannaan waan jiruuf qaamoleen lamaanuu odeeffannoo qaama faallaa isaanii argachuuf kan keessoo isaanii dirqmaanii iddoo walii qoodan qabu. Qaruxummaan garuu odeeffannoo maayii hin baafne kan jaarmiyaa ofii himanii, kan qaama faallaa garuu odeeffannoo dhaabicha ykn mootummaa san kuffisu argachuu danda'uudha.

Herrega kanaan yoo ilaalle tibbana saaxila tikaa fi basaasummaa jedhamee barreeffamootni Dirribsaa Daamxee fi Jaawar Mohaammadiin katabamaa ture cimina ABO fi Girmaa Xurunaa tabbatti ol baasee mul'ise.

Girmaan tika Wayyaanee waliin hojjechuu danda'a. Sababaan hojiin isaa tika ykn basaasummaa waan ta'eef diina isaa biratti amanamaa fakkaachuun waanuma jiru. Faallaa kanaa garuu herrega buufannaa irratti Girmaan gara mootummaa caalchisee akka ABO'n badu dalage taanaan balaaleffatamaadha. Tikummaan isaa guutummaatti mootummaaf dhuunfatame jennee ilaalla.

Ammoo Wayyaaneen Girmaan ittiin maqaa dhahamu kun kuftee daaraa ta'uun mirkana. ABO'n garuu qabsoon isaa haa butamu malee har'ayyuu jira. Kana yoo ilaallu hojiin tikummaa fi basaasummaan Girmaa Wayyaanee irratti haalaan hojjechuu isaa nu tilmaamsisa. Sababaan aangoorraa wayyaanee kuffisee, qabsoon Qeerroo ol bahee waan mul'ateef ABO'n hojii basaasummaa kanaan milkaa'e jennee dubbachuu nii dandeenya jechuudha.

Walumaa galatti basaasummaan yoo haala gaarii ta'een dhimmi itti bahame qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti, waraana fi hojii dhuunfaa keessattuu barbaachisaa ta'uu qophii kanaan dhaamuu feena.

Ergamni holola basaasummaa fi shira Girmaa Xurunaa jedhamee haasa'amu dhugummaas sobas qabatee adeemaa akka ture hunduu hubachuu qaba. Hojiin shiraa bamoota hedduu nurkaa nyaateera. Hedduun akka lubbuu dhaban, namni nagaan akka du'u godhee jira. Kana balaaleffachuun barbaachisaa dhuma. Haa ta'u malee ABO akkamuma basaasaa qabaate, akkamuma tika hundeeffate jechuun garuu wal'aalummaatti nu geessa.

Jaarmiyaan jaallannu ABO's ta'e waraana bilisummaa Oromoo basaasa guddaan akka isa barbaachisu wal qayyabachiisuu, walii ibsuun gaariidha
Sagalee Bilisummaa Oromoo Haqaa

Kabjaa Oromummaa!Professor Esqeel GabbisaatiinFiroottan koo,Akka fedhii kootiitti jette jettee afarsamtu keessa hin seen...
13/07/2026

Kabjaa Oromummaa!
Professor Esqeel Gabbisaatiin

Firoottan koo,
Akka fedhii kootiitti jette jettee afarsamtu keessa hin seenu. Keessumaa daldaltoonni bu’aa dhuunfaaf namoota walitti buusuuf carraaqan dhugoomsuuf hiree kennuu hin fedhu. Amma garuu jette jettee armaan gadii kana dubbisanii namoota hedduutu dhugaa ta’innaa laata jedhanii mufannaa irraa kan ka’e keessaan na qunnamanii jiru. Kanaaf waan gabaabduu tokko jechuun yaadee. Kana booda homaa hin jedhu.

1ffa, warra barreesse, barreesises bareera. Jaal Daawudiin akkana jette dubbii jettu sana eessumaa fiddan jedhee gaaffadheera. Akka isaan natti himanitti taateen kun wagoota “12f 13n dura” kan ta’e. Michigaanitti akka ta’e natti himani. Bara san egaa akka barreeffamichi jedhutti Jaal Daawud Jaal Leencoo waliin Michigaan dhufe. Kijibattin asumatti gatantaruu eegalti. Haga ani beekutti Jaal Daawud Michigaan dhufee hin beeku. Bakka inni jirutti michigaanitti maallaqni walitti qabamee hin beeku. Keessumaayyuu Jaal Daawud erga Ameerikaa dhufee waggaa 20 ol natti fakkata.
Ani Jaal Daawudiin Ameerikaatti haalaalattin arge malee dubbiseeyyuu hin beeku. Isa waliin walgahii tokko keessa teenyee hin beeknu. Gara Michigaan dhufuu isaanii iyyuu tasa hin beeku.

2ffaa, utuu waliinuu walgahii teenyee waldhibdee wahii qabaannee iyyuu akka barreeffamni kun jedhutti Jaal Daawditti dubbachuuf ani addaggee miti. Ani salphoo safuu hin beekne miti. Jaal Dawuud achi ha turuu namoota siyaasa keessatti gama kootiin tuffii guddaa qabuuf iyyuu haala kabaja hin qabneen hin kaasu. Warrii utuu beektanii waan dhara akkanaa barreesitan kabaja ofii qabaadhaa yoo safuu hin beekne, Rabbiinis hin sodaanne of adabaa, anaaf miti ofiif jedhaati.

3ffa, barreeffamni kun kayyoo qaba. Namoonni ABO Jaal Dawudiin hogganamu waliin wal waraansa barbaadan jiraachuu malu. Ana itti makuuf jecha waan hin ta’iin, waan hin jedhamiin, waan hin yaadamiin tooftaa gochuun gartuu jabeeffachuuf dhamaatan of danda’aa. Ana daboo waammachuu hin barbaachisu.

4ffaa, ani Jaal Daawudiin kayyoo siyaasa Oromoo irratti garaa garummaa hin qabnu. ABO isaan hoggananiif namoota isaan waliin hojjetan waliinis wal dhibdee dhuunfaa hin qabu. Qabadhees isaanumattin hima malee gadi bahee of hin dhaadhessu. Tooftaa fi tarsiimoo qabsoo irraatti addaddummaan waan namuu qabu. Manguddoo fi qabsaawaa cichaa salphisuutti waan nama deemsisuu hin qabu.

A B O  f i  O l o l aOlolli ABO irratti geggeeffamu keessaa inni mul’ataan dorgommii siyaasaa jiru waliin hidhata kan qa...
13/07/2026

A B O f i O l o l a

Ololli ABO irratti geggeeffamu keessaa inni mul’ataan dorgommii siyaasaa jiru waliin hidhata kan qabuu dha.

ABOn seenaa qabsoo Oromoo keessatti iddoo olaanaa kan qabu, dursaa jaarmaa siyaasaa Oromoo waan ta’eef, gama adda addaan karaa masaanuutiinis, karaa diinaanis ololootni qinda’an irratti geggeeffamu.

ABOn jaarmaa deggersa guddaa fi bu’uura hawaasummaa bal’aa qabu ta’uu isaa irraa, humnootni siyaasaa keessattuu kanneen aangoo biyyattii harkaa qabanis ta’e aangoo qabachuu barbaadan akkasumas matayyaan carraaqqii aangootti dhufuu warri geggeessan jaarmaa kana sodaatuu ykn jibbuu irraa, olola maqaa xureessii deemsa siyaasaa keessatti akka meeshaatti itti fayyadamuun irratti ololu. Kunis dhaabicha dadhabsiisuu irratti xiyyeeffata.

Qaamotni ABO irratti ololan baay’ee dha. Kanneen hidhata siyaasaa qaban dhaabni kun nu duraa ka’e malee, yoo ka’uu baate ammoo laaffatu malee, darbinee deemnee waan yaadne fiixa baafachuu hin dandeenyu kan jedhu irraa, duula ololaa bal’aa geggeessaa jiran. Danda’amuuf miseensa keessatti, deggeraa keessatti darbees hawaasa bal’aa keessatti afanfajjii uumuun jaarmaa kanaa fi ummata gidduutti qaawwaa fi shakkii uumuu dha.

Haa ta’u malee ololli bu'uura dhabeessi kun jaarmayaa kana caalaatti yo jabeesse malee kan laaffisu ykn deemsa qabsoo geggeessu irraa kan isa hin dhaabne ta’uun beekamaa dha. Seenaan ololoota dhaaba kana irratti geggeeffamaa turaniis kanuma waan mirkaneessuuf, kan ammaa kunis san irraa addummaa hin qabu.

ABOn jaarmaa siyaasaa, akeeka siyaasaa ifaa of harkaa qabu waan ta’eef, dhaaba jabaa dha. Kana diinnis firris tolchee beeka. Jaarmaa jaarmaan olii rakkinootaa fi haallan gidirsoo, hifachiisuu fi hadhaawoo keessatti dhaaba dhalatee guddatee, jireenya saba Oromoo fi Oromiyaa mirkaneesse ta’uu isaa isaa qofa odoo hin taane, dhaaba rakkoo fedheef harka hin laatne, duula kamiifuu hin jilbeenfanne, olola kamiinuu hin raafamnee dha.

ABOn haa jabaatu!, Bara baraanis haa jiraatu.

Jaal Anabar Gadaa tiin

13/07/2026

One should ask if Jawar is truly concerned about the mishandling of issues by OLF or a political survival acumen by blackmailing everything OLF. This is nothing new! The contempt for OLF, especially current leadership is bigger than his egos that led him to jail. This is an old and tired effort to divide Oromo East-West, the perfect moment that PP wants him to do while preaching about missteps of PP at the same time about regional administrative reorganization. In truth he knows very well what OLF has been up to for a long time but intentionally bent on trying to create reputation scratch on OLF by using for example PP gulallee, shanee etc. it’s a grand plan but this act will create a rift between Oromo that will never heal!!

ABOn haa waaru
Oromiyaan Biyya
Qabsoon itti fufa!

Qabsoon bilisummaa Oromoo dhaloota itti gaafatamummaa seenaa hubateen jalqaba. Dhaloonni kun cunqursaa seenaa keessatti ...
13/07/2026

Qabsoon bilisummaa Oromoo dhaloota itti gaafatamummaa seenaa hubateen jalqaba. Dhaloonni kun cunqursaa seenaa keessatti uummata isarra gahe hubata.
Bilisummaan dhimma siyaasaa qofa miti; aadaa, afaan, fi eenyummaa ofii kabachiisuudha.

Mirgaofitiif falmachuu Dhaloonni cunqursaa jala jiru mirga dhala namaa, walqixxummaa, fi abbaa biyyummaa isaatiif sagalee isaa dhageessisa.

Wareegama baasuu! Qabsoon bilisummaa uummataa hirmaannaa fi wareegama dhaloota haaraa (keessattuu dargaggootaa) malee galma hin gahu. Qabsaawonni dhaloota dhiiga fi lubbuu isaanii dabarsanii kennaniin seenaan haaraan ni barreeffama.

Bilisummaa dhaloota dhufuuf: Qabsoon har'aa bilisummaa boruutiif bu'uura. Dhaloonni har'aa qabsaa'u, dhaloota booran bilisaan akka jiraatu, akka baratu, fi akka guddattu mirga amansiisaa uuma.
Maal jechuudha?
“Dhaloonni qabsoo bilisummaa uummataa ibsu, dhaloota kaleessa irraa baratee, har'a cunqursaa dide mormuun, boruuf jireenya kabajamaa fi abbaa biyyummaa uummata isaa mirkaneessudha.”
Qabsoon bilisummaa uummataa dhalootaan dhalootatti kan darbu fi dhaloonni sun immoo haala yeroo operates godhuun kan haromsuudha. Malee Ummata gurguree nyaadhe malee Jaarmiyaalee diguu malee hin jedhu!

Lafee lafa teessu eebon hin waraanu!

Kitaaba Propaganda jedhamu kaayyoo, mala, fi dhiibbaa ykn propaganda hawaasa keessatti qabu gadi fageenyaan hima. Kitaab...
13/07/2026

Kitaaba Propaganda jedhamu kaayyoo, mala, fi dhiibbaa ykn propaganda hawaasa keessatti qabu gadi fageenyaan hima.

Kitaaba mata-duree kanaan beekamaa ta'e keessaa inni guddaan fi dhiibbaa uume kitaaba bara 1928 keessa Edward Bernays kan "Abbaa Hubannoo Hawaasaa" ykn Father of Public Relations jedhamuun beekamu barreesse dha.

Qabiyyee fi yaadolee gugurdoo kitaaba kanaa akka armaan gadiitti cuunfanii ilaaluun ni danda'ama:

Yaadolee Gugurdoo Kitaabichaa

1. "Bulchiinsa Siphataa" (Invisible Government)

Bernays kitaaba isaa keessatti yaada "bulchiinsa siphataa" ykn mul'achuu hin dandeenye jedhu dhiyeessa. Hawaasa keessatti, gareen namootaa muraasni yaada, ilaalcha, fi amala uummataa duubaan ta'anii kan qajeelchan, akkasumas fedhii fi fedha uummataa kan uuman isaan kana jedha. Namoonni kun xaxamoota hawaasaa fi siyaasaa duubaan ta'anii "kilaaba" ykn sarara jireenyaa uummataa qajeelchu.

2. Dimokiraasii fi To'annoo Sammuu

Akka ilaalcha Bernays-itti, hawaasa dimokiraatawaa guddaa keessatti namoonni hundi dhimma dhuunfaa fi hawaasummaa hunda irratti odeeffannoo guutuu qabaatanii murteessuun rakkisaa dha. Kanaafuu, propagandistoonni odeeffannoo gabbisanii fi mijeessanii dhiyeessuun uummata gara murtoo tokkootti qajeelchu. Kunis "dimokiraasii akka jabaatu gochuuf" meeshaa barbaachisaa dha jedhee amana.

3. Humna Miiraa (Emotional Appeal) fi Xiinsammuu

Propagandan milkaa'aan tokko ragaa qabatamaa fi sababa qofa irratti hin hundaa'u. Bernays (kan adeera isaa Sigmund Freud irraa xiinsammuu barate) yaada namootaa jijjiiruuf fedhii, soda, fi abjuu namootaa keessoo (subconscious mind) keessa jiru kakaasuun barbaachisaa akka ta'e dubbata. Meeshaaleen daldalaa ykn kaayyoowwan siyaasaa sammuu namootaa keessatti hiika miiraa akka qabaatan gochuu irratti xiyyeeffata.

4. Garaagarummaa "Propaganda" fi "Public Relations"

Garaagarummaan jiru inni guddaan:

Propaganda: Yeroo baay'ee kaayyoo siyaasaa, amantii, ykn yaada-sammuu (ideology) tokko babal'isuuf kan tajaajilu dha.

Public Relations (PR): Dhaabbileen daldalaa fi uummata gidduatti qunnamtii gaarii fi amantaa uumuuf kan gargaaru dha. Bernays kitaaba kanaan PR akka mala saayinsawaa ta'etti guddiseera.

Caasaa Qoodama Kitaabichaa

Kitaabichi boqonnaalee adda addaatti qoodamee dhimmoota armaan gadii bal'inaan xiinxala:

Bulchiinsa Haaraa: Adeemsi siyaasaa fi daldalaa dhiibbaa propagandatiin akkamitti akka geggeeffamu.

Xiinsammuu Garee (Group Psychology): Namoonni dhuunfaan yeroo garee uuman akkamitti akka yaadan fi salphaatti akkamitti akka jallatamu danda'an.

Siyaasa fi Hojii Mootummaa: Paartileen siyaasaa fi hoggantoonni uummata biratti fudhatama argachuuf mala kanaan akkamitti akka fayyadaman.

Daldalaa fi Gabaa: Koompaniiwwan meeshaalee isaanii gurguruuf akkamitti "fedhii" hin jirre akka uuman.
Oromoon waan barreeffame qofa kutaa kutaan dubbisuu qofa utuu hin taane
Propaganda waanti jedhamu maali jedha dubbisa

Address

Bole, Medihanalem 123
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when The Oromian Review posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share