Dr. Aliyi Hassen Ahmed Miidhagaa Tolaa poultry Farm

Dr. Aliyi Hassen Ahmed Miidhagaa Tolaa poultry Farm Share Information about animals and Technology science

02/11/2025
08/08/2023

Abbootin manaa haadha manaa keessaniif yeroo ulfaa maal gochuu qabdu?
1.Yeroo ulfaa akkasumas da'umsaa booda yeroo muraasaaf amalli haadha manaa keessanii sababa jijjiirama hormoonii irraan kan ka'e jijjiiramuu waan danda'uuf danda'aa ykn obsaa ta'uu qabdu.
2. Haati manaa keessan hordooffi yeroo ulfaa fi kan da'umsa booda akka fudhattu jajjabeessuuf akkasumas yoo isinii mijata tahe waliin deemuun ni jajjabeeffama.
3. Jaalala haadha manaa keessaniif qabdan walitti fufinsaan ibsuufii qabdu
4.Yeroo ulfaa gara jalqabaa fedhiin saal-qunnamtii ni hir'ata ji'a 4 booda nii dabala. Kanaaf fedhii lamaan isaanii irratti hundaa'ee yoo raawwattan rakkoo waan hin qabneef wal hubachuu qabu.
5. Wayita ciniinsuu fi da'umsaa ishee waliin turee jajjabessuu irraanfachuu hin qabu.
Kana malees dabalataan erga deessee booda fedhiin isheen walquunnamtii saalaaf qabdu waan hir'atuuf hanga isheef mijatuutti obsuufii qaba, jaalala isaas hir'isuu hin qabu.
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu!

02/06/2023

Yeroo ulfaa wol-qunnamtii saalaa gochuun miidhaan hammaataan inni ulfa irratti fidu hin jiru. Kanaaf haati ulfaa takka yeroo ulfaan jirtu kamiin irrattuu, miirri dhukkubbii yoo hin jiraannee fi fedha yoo qabaatte, qunnamtii saalaa gochuu ni dandeetti. Haa ta'u malee yoo dhiigni ykn dhangala'aan gadaamessaa bahu/jiguu jiraatee fi ciniinsuu irra jiraatte qunnamtii gochuu hin qabdu.
---
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Dr. Nuredin Luke

Address

Harar
Addis Ababa

Telephone

+251912949041

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Aliyi Hassen Ahmed Miidhagaa Tolaa poultry Farm posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share