Fakkenyaa

Fakkenyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fakkenyaa, Consulting Agency, cherchel, Addis Ababa.

fakkenyaan page dhunfaa,namoota ciccimoo hujii fakkeenya tayu hojjatanii fi milkaayan,seenaa isaaniitiif muuxannoo gaarii fakkeennummaan isaan gaye itti wolitti sassaabuun woliif dabarsuuf hundaaye.

29/01/2025

Well coming back from the day before Thanksgiving I get to the house.

29/01/2025

Gadaan muuda
Gadaan quufaa gabbina
Abbaan gadaa oromoo Boorana
Horaa Bulaa

09/12/2024

Dhengeen loltuu kudhan wollin galuun Gujjiin halkanuma tokkollee nagayaan Akka bulu hin goone miti? Sanyii dhibba woliin galuunis shawaan halkan tokkos ta'uu nagayaan buluu dandaya jedhamee hin eegnu..
Ummataan taphachuu ummata irra qumaarii taphachuu qofaa
Kan faayidaa yerootis ta'u argatu argates namootuma bosonaa galan san qofaadha,jiruu fooyyee qabdu jiraachutti waan ce'aniif.
Mootummaan ummataaf yaadee hojjachuu qabaata3malee namoota dhuunfaatiifii miti.

09/12/2024

Qaamni gaafiin kiyya naaf deebi'ee jira,faayidaan qabsaayaafii ture naaf kabajamee jira,kaayyoon kiyyas galma naaf gayee jira jedhee amanu kamuu hidhatnoo of harkaa qabu hiikkatee qaama ilaallatutti ykn hidhachiisetu deebisee araaramuu ni fanda'aa.qaamni Kun naaf hin guutamee kaayyoon kiyya galma Ani barbaadu naaf hin geenne jedhu ijjjannoma of comsuun daandima dura filatetti qajeeluun woma jiraati.
Kanaafuu kan kaayyoon kiyya galma naaf gayee jedhee araaramutti seenes kan didee hafes ajaayiba nutti ta'uu hin qabaatu.kun gochuma duris ture,ammas ta'eef,funduras ta'uu danda'u waan ta'eef.
Jalqabbiin gaariidha,rakkoon biyyatti tanaa akka fala argatu gochuu keessattis tattaaffii gaariidha jedhamus akkuma woliigalaatitti nagaya ummataa eeguu Fi rakkoon biyyattitiif ammoo furmaatw Isa dhumaa kennuu keessattis bu'aan inni argamsiisu gammachiisaadha ykn onnachiisaadha kan jedhamus hin fakkaata.
Marion araaraa qaamota hidhatan woliin woggoota kurnan darban keessattis yaalamaa turanii Fi bu'aan isaa yoo wolbira ilaalamu woggaa shaniin ajajaa tokko hodhattoota kurnaan lakkayaman woliin araaramaa galchuu qofaafha,sanuu kan garee bosona jiru woliin woldhabee mudatee ariyamee gara deebi'u dhabnaan mootummaa harkaa kennatu,fasyidaa ofii eegsifachuf qofa.
Kana bu'a jechaa miidiyaan labsuun ofis ummatas sobuu yoo ta'e malee rakkoon biyyaa Akka hiikamu hin godhu.
Qaamni kaayyoon kamuu qabatee woliin sochou wol dhabuun wol qooduun,wol ganuunis haarayaa miti.
WBOn kan biraa shaneen kan biraati kanaan nu sobuu dhiisaa hujii nagaya buusuu dandayu irratti ciminaan hojjadhaa qaama hidhatee bosona biyyatti guutuu keessa jiru woliin dubbadha araaramaa,ummataanis wolitti araarsiuun nagayaa Fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf yaalaa jedha

29/08/2023

Fooxiyyeen faannoo ufiin jechaa Manaa yaate garam deebine?
ፎጣቸዉን ቅንጭብ ላይ እያንጠለጠሉ ና ምናምናቸዉን በቁምጣቸዉ ሥር እያንጠባጠቡ የእናታቸዉ ድርቶ ሥር ገቡ እንዴ??

29/08/2023

Faannoo torbee tokkoof wocaa turtee,dhadhaa ibdda buute taatee,baqxee haftee?

09/04/2023

Dhukkubni Kaansarii Qonnaan Bultoota ARSIIF BAALEE Heddumminnaan Miidhu Jiraachuu Isaa Dhageettanii Beektuu?
********************************************

Kaansariin ujummoo nyaataa kokkee irraa hanga garaachaa jiru (Esophageal Cancer)- Kaansarii Liqimsituu Nyaataa- akka biyyaatti harki lama sadaffaan qonnaan bultoota Arsiif Baalee irratti muldhata.

Qorannoon baldhaaniifi qindaayaan, akkasumas gahaa ta'e waan kana irratti godhamuu baatuyyuu, qorannooleen biyya keessatti gama kanaan godhaman tokko tokko marqa ho'aa yeroo dheeraaf nyaachuufi uumamuu kaansarii kanaa (Esophageal Cancer) jidduu hariiroon jiraachuu ni akeeku.

Ka'umsi isaa kana jedhanii murteessuun dura dhimmi kun qorannoo baldhaafi qindaayaa ta'e kan barbaadadhu. Dhuguma hariiroon marqa ho'aa nyaachuufi uumamu kaansarii kanaa jidduu jiraa? Naannoo kanatti wontoonni ka'umsa kaansarii kanaaf sababa ta'uu malaan kan biroo hoo jiru? Haalli uumaa (genetics) hawaasa kanaa hoo uumama kaansarii kanaa irratti gahee (saaxilamummaa) akkamii qaba? Kan jedhu qorannoon mirkanaayuu barbaachisa.

Haa ta'utii naannoo kanatti heddumminnaan muldhachuu kaansarii kanaaf akka ka'umsaatti ykn sababa ijootti kan ilaalamu tokko yeroo dheeraaf marqa ho'aa nyaachuudha.

Arsiif Baale keessatti woggoota kudhan-digdama dura marqi hoo'aan nyaata guyyaan otoo hin nyaatamin hin oolle yoo jenne soba hin ta'u.

Yeroo dheeraaf marqa hoo'aa (otoo hin qabanaayin) nyaachuun kun seeliin keessa ujummoo-nyaataa kokkee irraa hanga garaachaatti jiru kun hoo'a saniin miidhamaa akka jijjiiramu godha. Seeliin jijjiramaa deeme kunis haala guddinnaa ykn baay'innaa sirrii hin taane adeemsisuun kaansarii kana (Esophageal Cancer) namatti fiduu akka danda'u shakkama.

Kanaaf yeroo hedduu jaarsolii umriin isaanii woggaa shantama ykn jahaatamaa ol ta'anii naannoo Arsiif Baalee jiraatan irratti kaansariin kun hedduminaan mul'ata jedhamee shakkama. Haa ta'u malee wontoonni biroo carraa kaansarii kanaan qabamuu naannoo kanatti dabalan jiraachuus malu. Kanaaf dhimmi kun marqa hoo'aa qofatu kaansarii kana fida jedhamee kan salphifamee irra darbamuu miti. Ammas qorannoo baldhaa, gadi fagoo fi qindaayaa ta'e gochuu kan barbaaduudha.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Dr. Nuredin Luke

09/04/2023
09/04/2023

KA'UMSA WOLDHIBDEE PAALISTIINII FII ISRAA'ELII (Kutaa 2ffaa)

Kutaa jalqabaa keessatti lafa amma Paalistiinii fi Israa'el irratti woldhabaa jiran, dhuma jaarraa 19ffaa irratti sochii 'Zionism' jedhamuun Jiwiishonni lafa Paalistiini irraatti biyya Israa'el jedhamtu hundeessuuf sochii jalqabuu isaanii ilaallee turre. Jaarraa 19ffaa dura Jiwiishonni Paalisitiin jiraatan laakkofsaan kuma shan kan hin caalle ture. Isaan kunis irra jireessaan hojii ogummaafi daldala garagaraa irra kan turan malee lafa qonnaa kan qaban hin turre. Kanaaf lafti sun bulchiinsa Ottoman Turkish Empire jala (jaarraa afur oliif) haa jiraattu malee, abbooti lafaa sanyii Arabaatiin kan qabame ture.
---
Paalistiinonni woggaa kuma afur oliif lafa san irra jiraachuu ragaan seenaa ni muldhisa. Yahuudonnis dhaloota Kiristoos (Nabi Isaa) dura naannoo Jerusalem (Al-Quds)ttifi kaaba isaatti Mootummallee garagara ( David, Solomon, Kingdom of Israel, Kingdom of Judah) jedhaman dhaabanii turuu isaanii seenaan ni mirkaneessa. Yeroo garagaraatti woraana Mootumkoota Israel kana jidduu fi (Aseeriyan, Masrii, Baabiloon, Roomaa fi Parshiiyaa) wojji godhamaa tureen lafa kana dhiisaanii gara kutaa adunyaa garagaraatti faffaca'aa turan.
---
---
Yahuudonni (Jewish) yeroo garagara adunyaa irra faffaca'anii turan kun ammoo dhiibbaa, tuffatama, jibbaafi miidhaan garagaaraa kan dhalootaa dhalootatti darbe (Anti-semitism) isaan irra gahaa ture. Isaanis (Jiwishoonii adunyaa irra faffaca'anii) turan kun naannoo bara kudha saddeet saddeetamoota (1880)taa keessa --lafa woggaa kuma lamaa oliif dhiisaanii biraa deemanitti deebi'anii--- mootummaa ijaarachuun biyya of dandeette ta'uu sagantaa baafatanii cichanii dhiibuu jalqaban.
---
Kanas milkeessuuf karaa Sochii 'Zionisim' saniin abbootii lafaa Arabaafi bulchinsa Ottoman Turkish ture irraa lafa bitaa Jiwiishota adunyaa garagara irratti jibbaaf dhiibban irra gahaa ture gara Paalistiin erguun qubsiisuu jalqaban. Yeroo isaan kana godhan Paalistinonni cal jedhaanii hin ilaalle, mormii godhaniin yeroo muraasaaf sochiin sun akka dhaabbatu gochuu danda'anii turan.
--
Woraana Adunyaa Tokkoffaa (WW-I) irratti Turkiin mooyamuudhaan 'Ottoman Turkish Empire' waan diigameef, Liigiin Mootummoota (League of Nations) lafti Paalisitiin sun akka hadaradhaan Ingiliizotaan (Britishin) bultu murtaaye. Ingilizonnis woggoota soddomaaf bara 1917 hanga bara 1948 lafa Paalistiiniifi Israa'eel irratti woldhaaba jiran san bulchaa turan.
---
---
Inglizonni woggaa soddomaa bulchiinsa isaanii kana irratti Yahuudota (Jiwiishota) ofitti dhiheessuun, Araboota Paalistiin ammoo dhiibba garagaraa itti gochaa turan. Sochii Yahuudonni adunyaa garagara irra gara Paalisitiin deemuun qubachuu eeyyamuun; Paalistinota ammoo gibira humnaa olii itti fe'aa turan. Qawwee qabachuu Yahuudotaa eeyyamanii, Paalistinota ammoo dhoorkaa turan. Yeroo Ingilizonni bulchaa turan kana waan heddutu ta'e. Zionistoonni (Yahuudonni gara Paalisitiin deebi'anii biyya of dandeette ijaarachuu qindeessan) lafa bitamu bitaa kan ammoo hokkaraafi woraanaan babaldhifachuu itti fuufan.

*** ***

Ummata Adunyaa wolakkaa ta'uuf lafti Paalistiiniifi Israa'el irratti woldhaban (guutuun ykn keessaa muraasni) karaa amantaa hordofaniin lafa eebbifamoo ykn qulqulluu (Holy Place)tti ilaallama. Kanaaf yeroo hedduu mootummootaa fi ummata adunyaa biyya garagaraa jiruuf dhimmi isaanii ajandaa ta'a. Amantaa Islamaa, Kiristaanaa fi Judizimii biratti lafti kunniin seenaa fi iddoo murteessaa qaba.
---
Yahudootaf lafti kun lafa Akaakayyuun gosoota Jiwiishii, Yaqob (Nabi Ya'aqub(As)) ijoollee isaa wojji irra jiraataa ture; lafa Waaqni, Abrahamif (Nabi Ibrahimiif)fi sanyiin isaa irra haa jiraataniif dhaameef, lafa Muuseen (Nabi Muusaan) haleellaaf dhumaatii Fara'oonii Masrii jalaa isaan itti baqachiise; lafa Nabi Dawud fi Suleymaan ( David and Solomon) itti mootummaa isaanii ijaraanii itti turan. Kanaaf isaniif akka lafa seenaa qulqullutti ilaalu.
---
Kiristaanotaafis lafti sun seenaa addaa qabdi. Akka lafa eebbifamtuutti (holy) ilaalamti. Magaalan Beetelehem kan Kirisotis (Nabi Isa) itti dhalatan achuma lafa Paalistiniifi Isra'eel irratti woldhabaan keessa jirti, kan Kiristoos barnoota amantaas itti barsiisaa turan lafuma kanneen, booda irras kan itti fannifamaniifii itti awalamanii (achuma Jerusalem), achumas du'aa ka'anii gara samii deemanitti fudhatama amantaa Kiristanaa birattis. Manneen amantaa (Church) seena qabeessa ta'an lafa woldhibdee kana keessa jiru. Kanaaf iddooleen kun Kiristaanota adunyaa irra jiraniif akka qaamaa seenaa amaantaa isaaniitti fudhatu.
--
Muslimootaaf ammoo Makkaaf Madiinatti aanee Jerusalem (Al-Quds) iddoo eebbifamtuu (holy city) sadaffaadha. Masjiidin Al-Aqsaa kan Jerusalem argamu bara Nabi Mohammed (SAW) jalqaba amantaa Islaamaa barsiisaa turan 'Qiblaa' jalqabaa ture. Kaloo Masjiida kana keessa (Al-Aqsa) irraa Mi'iraj (Gara Samii -Jannataas kan deeman). Booda irras bara Umar Ibnul Khaxab Kaalifaa Muslimotaa ture kara nagahaatiin furtuu Masjida Al-Aqsaa Paatirarikii irraa fuudhe. Kana qofaaf otoo hin ta'in, akka Islamaatti Nabiyyooni hunduu Kiristoosis (Isaas) dabalatee daandii amantaa Islaamaa irra akka turan amanama. Kanaaf Nabiyyoon 14 (Nabi.Yaqob, N.Yusuf, N.Dawud, N.Suleyman, N.Isaa, N. Yushua, N. Ibrahim, N.Luux, N.Ismael, N.Yishaq, N.Shu'eb, N.Zakariya, N.Yahya, fi N. Mohammed (SAW)) lafa Palistiniifi Israa'el irratti woldhabaa jiran kana wajji jireenyi isaanii hariiroo qaba: gariin irratti dhalatan, ykn gariin irra jiraatanii, ykn barsiisanii, ykn gariin keessa darban, gariin du'anii itti awwalaman waan ta'eef gama kanaanis Musliimonnis akka qaama seenaa amantaa isaaniitti ilaalu.
--
Kanaaf dhimmi woldhibdee isaanii yeroo tokko tokko hordoftoota amantaa kanneenifi mootummoota biratti ija addaatiin ilaalaama.

*** ***

Yaa'ii Woliigalaa Mootummoota Gamtoomanii (General Assembly of UN) Onkoloolessa bara 1947 godhameen dhimma Paalistiiniifi Israa'el irratti murtiin darbe. Murtiin kunis "Partition Resolution" - Qoqqodaa lafaa jidduu Paalistiiniif Israa'eliiti. 'Partition Resolution' kun lafa %54 ta'u Israa'eliif, %45 kan ta'u ammoo Paalistiiniif kan kennu yoo ta'u Magaalaan Jerusalem (Al-Quds) kan hikkoo amantaa guddaa qabdu ammoo bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtomaniin bultu kan jedhu ture. Yeroo san laakkofsi ummata Paalistiinii %68 kan ta'uufi lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta'u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) kana mormuun, gara hokkara biraatti ce'an. Gonkummaa murteen kun haqa-qabeessaa waan hin taaneef Paalistiinoonni kan hin fudhanne ta'uu mormii garagaraatiin muldhisan.
---
Ji'a torba booda Caamsaa 14, bara 1948 Ingilizonni lafa Paalistiin (lafa woldhibdee san) kan hadaraadhaan woggaa soddomaaf bulchaa turan dhiisanii kan bahan ta'uu ibsan. Galgaluma Caamsaa 14 san, haala qoqqodinsa Mootummoota Gamtoomanii (UN) saniin Israa'eloonni Mootummaa Israa'el (State of Israel) dhaabbachuu isaanii adunyaaf labsan. (UN)-nis beekamtii kennuufi ibse. Kun ammoo woraana jabaa biyyoota Arabaa Shan kan Paalistiiniin deeggaran (Lebanon, Jordan, Syria, Iraq, Masrii, akkasuma Saudin ammoo harka jalaatiin karaa Masriitin) Israa'el irratti haleellaa jalqaban. Woraanni kunis (Arab- Israel War of 1948) jedhamee beekama. Magaala guddoo Israa'el tolfatte Tel Aviv rukuttaa xiyyaraan haleelan. Isra'elis ofirraa dhorkite. Booda Ingilizonni bahaa turan deeggarsa Isra'eeliif gochuun Isra'elonni of ittisuu irraa gara haleeluutti ce'an. Woraana kananis mohachuun lafa dabalata kan Paalistiin qabatan.
---
Itti fuufnuu moo nu haa gahu?
---
Dr. Nuredin Luke

23/05/2022

Oromia: Untwist the Twisted History

The topic is about Oromia’s location in space and allocation in humanity and society. It is concerned with Oromia’s physical position in terms of geography and relational to issues of economic conditions, social justices, cultural values, political history and destiny. Civilisation, Colonisation and Underdevelopment are presented in historical and geo-political perspectives. They capture both the space and time perceptions. They are also representing the economic and social conditions and positions. The portrayal we procure the present of the Oromo nation, the core of the Cush (Cush*te/ Kemet)/Ham (Hamite), the children of Noah, in North & East Africa in past age from the phantom of the Solomonic dynasty, the history thought in Abyssinian high schools, their text books and elsewhere in the invaders’ literature, abusive literary and oral discourses is that they were savages and that, though Abyssinians and Europeans overrun their lands and have made mere subjects of them, they have been in a way, bestowing a great favour on them, since they have brought to them the benisons of Christian Enlightenment. With objective analysis, however, this paper obliterates and unmakes that inaccurate illustration, wanton falsifications, immorality, intellectual swindle, sham, mischievous tales, the bent and the parable of human reductionism. Hence, it is the step to delineate an authentic portrait of a human heritage, which is infinitely rich, beautiful, colourful, and varied in the retrograde of orthodox misconceptions. The paper is not only a disinclination itself but also a call for and a provocation of the new generation of historians to critically scrutinise and reinvestigate the orthodox approaches to the Oromo history and then to expose a large number of abusive scholarship authorities on the Oromo and Cush*tic studies and it detects that they do not really know the intensity and profoundness of the history of these black African people and nations and the performance these Africans registered in the process of creating, making and shaping the prime civilisations of human societies. The study acknowledges and advances a strict contest to an orthodox scholarship’s rendition of Egypt as a white civilisation, which arose during the nineteenth century to fortify and intensify European imperialism and racism. Depending on massive evidences from concerned intellectual works from linguistic to archaeology, from history to philosophy, the study authenticates that Egypt was a Cush*tic civilisation and that Cush*te civilisation was the authentic offspring of the splendid Upper Nile/ Oromian legacy. The Greek civilisation, which has been long unveiled as the birthplace of Western philosophy and thought, owes its roots to the Cush*tes thoughts and achievements. The original works of Asfaw Beyene (1992) and F. Demie (in Oromia Quarterly, 1998 & 2000) are giving motivations and also greatly acknowledged. The study also expresses that radical thinkers and multi-genius African historians such as Diop (1991) have not given due attention to the epic centre of Cush*tic civilisation, Oromia, the land after and Eastern and South Eastern to Nubia, pre-Aksum central Cush, Aksumite Cush and Cush*tes civilisation southern to Aksum, etc. The method of enquiry is qualitative and the eclectics of formal and the informal sources, rigorous, casual and careful scholarship argument. Oral history and written documents on history, economy, sociology, archaeology, geography, cosmology and anthropology are based on as references. The paper studies the Oromo history and civilisation in horizontal approach and challenges the reductionist and Ethiopianist (colonialist, racist) vertical approach (topsy-turvy, cookkoo). It goes beyond the Oromo Oral sources (burqaa mit-katabbii) and Africanist recorded studies and western civilisational studies. The approach is to magnify, illuminate and clarify the originality of humanity and civilisation to this magnificent Cush*tic (African) beauty. The Origin of Humanity When and where did human life first surface on our cosmos? Who contrived the original and prime human culture and civilisation? Ancient Egyptians contended that it was in their homeland, the oldest in the world, the God modelled the first of all human beings out of a handful of ooze soddened by the vivacity of the life giving sanctified and blessed water, the Nile (see, Jackson, 1995). “The ancient Egyptians called the river Ar or Aur (Coptic: Iaro), “Black,” in allusion to the colour of the sediments carried by the river when it is in flood, in allusion to the colour of the sediments carried by the river when it is in flood. Nile mud is black enough to have given the land itself its oldest name, Kem or Kemi, which also means “black” and signifies darkness. In The Odyssey, the epic poem written by the Greek poet Homer (7th century bce), Aigyptos is the name of the Nile (masculine) as well as the country of Egypt (feminine) through which it flows. The Nile in Egypt and Sudan is now called Al-Nīl, Al-Baḥr, and Baḥr Al-Nīl or Nahr/Nile-River Ar or Aur (Coptic: Iaro) is Booruu in modern Afaan Oromo which means turbid in English translations. Lagdi Nayili jedhamee amma waamamu maqaan kun kan akkanatti moggaasameefi, bowwaa jechuudha. Warri kushii, warri biyyaa, waarri durii laga isaanii Aur (Ooruu) jedhanii waamu. Afaan Oromoo amma uni dubbannuutti booruu jechuudha. Booruu (turbid) jechuuni gurri’aacha (Kami) jechuu miti. Booruu (Ooruu, Aur) jechuun kan taliila hin taane kan hin calaliini jechuudha. Dameen laga kanaa kan Moromor (dhidheessa) irraa maddu galaana biroo itti burqan dabalatee biyyoo loolan haramaniin waan booraweef. kaartumitti yoo damee isa (isa taliila) garba Viktooriyaati karaa Ugaanda dhufutti makamu kanasi booressee misiriitti godaana. Dameen Garba Viktooriyaati dhufu iyyuu adii (white) jedhamee mogga’uuni irra hin turre. Bishaani adiini hin jiru. Bishaani hin boora’iini bishaan taliila. Bishaani taliilatu bishaan guri’aacha. Inni ‘Blue’ jedhanisi ‘Blue’ mitti. Bishaan taliilatu, gurri’aacha ‘Blue’ dha. ‘Blue Nile’ jechuu irra ‘Brown’ Nile (Mormor Booruu, Ar, Aur) yoo jedhani ille itti dhiyaata.
The word (Africa) Afrika itself derived from kemetic (Oromo) language. In Oromo, one of the ancient black people (kemet), Afur means four. Ka (Qa, Waqa) means god. Afrika Means the four children of god. It describes the four sub groups of kemet people. Such type of naming system is very common in Oromo even today such as Afran Qallo, Shanan Gibee, Salgan Boorana, Macca Shan, Jimma Afur, Sadan Soddoo, etc. For other theories in this topic please refer to

One of the oldest Cush*tes histories to account for the origin and early development of man and his culture survives in a Greek version of the thesis advanced by the ancient Cush*tes, Oromians and the rest. This marvellous people paraded in golden times in the region called Kush (Punt) in the Hebrew Scriptures and stamped on the present-day upper Nile Oromia (see, Jackson, 1995). Diodorus Siculus, wrote that the Cush*tes were of the opinion that their country was not only the birthplace of human race and the cradle land of the world’s earliest civilisation, but, indeed, the primal Eden where living things first appeared on Earth, as reported by the Scriptures. Thus, Diodorus was the first European to focus attention on the Cush*tes asseveration that Upper Nile (Oromia) is the cradle land of world’s earliest civilisation, the original Eden of the human race. Whether by almighty (God) or nature/ evolution (Darwin’s natural selection and survival of the fittest), Oromia was not only the birth place of man himself (e.g., Lucy) but also for many hundred years thereafter is in the vanguard of all world progress (see Diop, 1991 in his African Civilisation; Martin Bernal, 1987). These are also authenticated by the present archaeological inferences in Oromo tropical fields and rivers valleys. The original natives of Egypt, both in old and in the latter ages of development, were Cush*te and there is every raison d’être for the discourse that the earliest settlers came from upper Nile Oromia. The original homeland of the Oromians and other Cush*tes including Chadic, Berber, Egyptian, Beja, Central Cush*tic, East Cush*tic, South Cush*tic, Omotic and Nilotic was the present day upper Nile Oromia. It was from the original Oromo (Madda Walaabu) that the rest of humanity descended diffused to other parts of the world. This can be understood in the analogue of the diffusion of two Oromo families (Borana and Barentuma). While those who expanded to other regions latter taken new family names like Macha, Tulama, Karayyu, etc and those who stayed in original place kept the original name such as Borana. In terms of linguistic, like most scholars, we believe that it is impossible to judge between the theories of monogenesis and polygenesis for human, though the inclination is towards the former. On the other hand, recent work by a small but increasing number of scholars has convinced us that there is a genetic relationship between European, Asian, and African and Cush*te languages. A language family originates from a single dialect, proto Cush*tic/ Oromo. From such language and culture that must have broken up into Africa, Asiatic, and European and within them a very long time a go. Professor Bernal (1987, in Black Athena, p. 11) confirmed that the unchallenged originality of Oromians and other Cush*tes nativity to the region and put forward that the latest possibility for initial language break up would be the Mousterian period, 50- 30,000 years Before the Present (BP), however, it may well have much earlier. He further observed that the expansion and proliferation of Cush*tic and other Afroasiatic as the promulgation of a culture long pioneered in the East African Rift valley (South Eastern Oromian) at the end of the last Ice Age in the 10th and 9th millennia BC. According to Bernal (1987, p.11) the polar ice caps caged the water within itself, which was during the Ice ages, thus water was significantly less than it is nowadays. He reports that the Sahara and Arabian deserts were even bigger and more inhospitable then than they are presently. In the centuries that ensued, with the rise of heat and increase in the rainfall, greatly the regions became savannah, into which adjoining peoples voyaged. The most successful of these were, the speakers of Proto-Afroasiatic from upper Nile Oromia. Bernal further confirmed that these people not only possessed flourishing and effective skills and techniques of hippopotamus hunting with harpoons but also had domesticated cattle and food crops. The following is quoted from Black Athena: ‘Going through the savannah, the Chadic speakers renched lake Chad, the Berbers, the Maghreb, and the Proto-Egyptians, upper Egypt…. With long-term desiccation of the Sahara during the 7th and 6th millennia BC, there were movements into the Egyptian Nile Valley from the west and east as well as from the Sudan. … A similar migration took place from the Arabian savannah into lower Mesopotamia ‘(Bernal, pp.11-12).
The Origin of Civilisation

There are many things in the manners and customs and religions of the historic Egyptians that suggest that the original home of their human ancestors was in the Upper Nile region and the biblical land of Punt/ Kush (Cush) Or Oromia which include the present day of Cush*tic North and East of Africa. Hence, historical records showed that the antiquity of upper Nile Cush*tic Oromian civilisation had a direct link with the civilisation of ancient Egypt, Babylonian and Greece. Hence, the Egyptian and Babylonian civilisations are part and parcel of the entire Cush*te civilisation. As it is described above, there is wide understanding that Cush*tes = Egyptians + Babylon + Oromo+ Agau + Somalis + Afars + Sidama + Neolithic Cush + other Cush. There is also an understanding that all the Cush*tes are branched out (descended) from their original father Oromo which can be described as Oromo = Noah=Ham= Cush= Egyptian + Bablyon+ Agau + Somali + Afar + Sidama + Neolithic Cush + other Cush. Boran and Barentuma, the two senior children and brothers were not the only children of the Oromo. Sidama, Somali, Agau, Afar and the others were children of the big family. Wolayita and the Nilotics were among the extended family and generations of the Cush*te. As a hydro-tower of Africa, the present Oromia is naturally gifted and the source of Great African rivers and hosts the bank and valleys of the greatest and oldest civilisations such as Nile (Abbaya), Baro (Sobat), Gibe, Wabe, Dhidhesa, Ganale, Wabi-shebele, Omo, and Awash among others. Oromian tropical land, equatorial forest and Savannah have been the most hospitable ecology on the earth and conducive environment to life and all forms of human economic and social practices. According to Clarke (1995), many of the leading antiquarians of the time, based largely on the strength of what the classical authors, particularly Diodorus Siculus and Stephanus of Nabatea (Byzantium after Roman colonisation and Christianisation), had to say on the matter, were exponents of the vista that the Cush*te, the ancient race in Africa, the Near East and the Middle East, or at any rate, the black people of remote antiquity were the earliest of all civilised peoples and that the first civilised inhabitants of ancient Egypt were members of what is referred to as the black, Cush*te race who had entered the land as they expanded in their geographical space from the their birthplace in upper Nile Oromia, the surrounding Cush*te river

Address

Cherchel
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fakkenyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fakkenyaa:

Share