HW Oromia Debela Gemeda

HW Oromia Debela Gemeda 2oo

18/04/2020

Itoophiyatti baayinni Namoota vaayirasii koronaatiin qabamanii 105 gahee jira. Qorannoo sa'aa 24 keessatti namoota 669f taasifameen namoonni haarofti 9 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee jira. Namoota kanneen keessa 8 lammiilee itoophiyaa yommuu ta'an 1 immoo lammii ikuwaatooriyaal giiniiti. Akkasumas namoonni 6 kan biyya alaa irraa dhufan yommuu ta'u. 3 immoo namoota vaayirasichaan qabaman waliin walitti dhufeenya kan qabaniidha.
www.t.me/batumedia

14/04/2020

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 8 dabalataan argaman.

Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 82 ga'uu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Ityoophiyaatti sa'aa 24 darbetti namoota 447 qorannaan laaboraatoorii taasifameef keessaa namoonni 8 vaayrasii kanaan qabamuu isaanii mirkanaa’era jedhan.

Warreen har’aa keessaa namoonni 5 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namni 1 lammii Eeritriyaa, 1 lammii Ingilaand fi 1 ammoo lammii Soomaaliyaa ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa hundinuu jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an. Inni 1ffaan nama umrii waggaa 62 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabuudha jedhame.

Isheen 2ffaan dubartii umrii waggaa 16 yoo taatu tuttuqaa qabaachuu ishee ibsameera.

Isheen 3ffaan dubartii umrii waggaa 14 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabdu ta’uu ishees himameera.

Inni 4ffaan nama umrii waggaa 32 Ameerikaa dhufuun iddoo tursiisa addaa keessa tureedha jedhame.

Inni 5ffaan nama umrii waggaa 40 seenaa imalaa fi tuttuqaas kan hin qabne yoo ta’u, ammalli hojii isaa dhibichaaf kan isa saaxilu ture jedhan Dooktar Liyaan.

lammiin Eeritriyaa nama umrii waggaa 20, inni Ingilaand nama umrii waggaa 38 fi inni Soomaaliyaa nama umrii waggaa 37 yoo ta'an sadanuu Ingilaandi dhufuun iddoo tursiisa addaa keessa kanneen turan ta'uu isaanii Dooktar Liyaan himaniiru

Address

Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when HW Oromia Debela Gemeda posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share