05/12/2025
Hooggantootnii fi Hojjettootni waldaan Aksiyoona Piriintingii Pablishiingii Fi Paakeejingii Meelbaa sadaasa 26,2018 " Yaadannoo Guyyaa Farra Malaammaltummaa akka Adduunyaatti yeroo 22ffaa akka Biyyaatti yeroo 21ffaa fi Naannootti yeroo 20ffaa mata duree "Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojmaatan!" jedhuun kabajanii oolaniiru!
Kabaja Ayyaana kana irratti Ergaa guddaan karaa Hoogganaa keenya obbo Kassaahuu Tafarraa darbeen keessaa;"Dhaloota Naamuusaa gaarii qabaatee egeree isaaf yaadu, Lammii isaaf yaaduu, Biyya Ijaaruu, Kenna Tajaajila haqa qabeessa, si'ataa, qulqullinaa fi iftoomina qabu hawaasaaf kennu horachuun" barbaachisaa akka ta'e gadi fageessanii kaasuudhan erga isaani goolabaniiru