na'oli eebbaa

Call Directions Contact the business

na'oli eebbaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from na'oli eebbaa, Business Center, Gelemso.

29/07/2025

Botteewwan boba’aa fe’an 254 qarshii miliyoona 116 adabaman
++++++++++++++++++++
Adoolessa 22/2017(Gaazexaa Pilaas): Botteewwan boba’aa fe’an 254 bakka gahumsasaanii turuufi qarshii hinmalle argachuuf raabsa boba’aarratti rakkoo uuman qarshii miliyoona 116 adabamuusaanii Abbaan Taayitaa Boba’aafi Inarjii beeksise.

Buufataaleen boba’aa 354 irratti gama naannoleetiin himanni banamuus eeraniiru.

Adeemsisaa Hojii Olaanaan abbaa taayitichaa Doktar Dastaawu Makuwaaninti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, buufataaleen boba’aa, boba’aa fudhatan tilmaama gatii baheefiin gurgiruun osoo irraa eegamuu, kanniin karaa seeraan alatiin gatii dabalanii gurguran jiraachuu ibsaniiru.

Sirreeffamni gatii taasifamee daballiin nijaarata jedhanii wayita yaadanittis utuma taankarii buufatasaaniirra boba’aan jiruu kan dhoksan jiraachuu dubbataniiru.

Gurgurtaa dijitaalaan ala, gurgurtaa harkaafi harkaa kanniin raawwatanirratti tarkaanfii fudhanneerra kan jedha adeemsisaan hojii kun, buufataalee 526 adda baasnee akeekkachiisni dhumaa kennameeraaf.

Buufataalee boba’aa gochasaaniirraa deebi’uu didan 354 gama naannoleetiin himanni irratti banamuu dubbataniiru.

Kana dura hammattoon seeraa cimaan waqtii giddugaleeffatee bittaa boba’aa hogganu hinturre.

Gochawwan bara bajatichaatti raawwataman keessaa labsiin bittaafi to’annoo boba’aa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa lak. 1363/2016 bahe isa tokko.
Ethiopian press

Address

Gelemso

Telephone

+251982901981

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when na'oli eebbaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to na'oli eebbaa:

Shortcuts

Share