HNN Harargee

HNN Harargee Hegeree 24 News Network HNN:Misensota Tokkuma journalistota Africa. The Nile Aword 2016 argate jira

TajirSocial 6Q3V+4V Warminster, United Kingdom
23/05/2020

TajirSocial 6Q3V+4V Warminster, United Kingdom

Visit the post for more.

  ==========================================/== Yeroo Xaaliyaaniin Guyyaa Guyyaan Lubbuu Namoota 600 hanga 900 dhabaa ji...
28/03/2020

==========================================/== Yeroo Xaaliyaaniin Guyyaa Guyyaan Lubbuu Namoota 600 hanga 900 dhabaa jirtuufi Ispeenitti Lubbuu 800 Ol akkasuma Ameerikaatti lakkoofsi dhibamtootaa Guyyaatti 12,000n dabalaa jirutti Addunyaan Uummata Ofii baraaruu qofaaf Waan dandeessuun qophiirra jiranitti M.M Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Uummata Wallaggaa fi Gujii Miliyoonotaan lakka’aman Irraa bilbila harkaa kan Teelee fi Interneetii hunda kutuun gara laafina tokko dhabuun Uummata Isaanii Caalaa dhibee koronaaf quuqamuu shakkii jedhu namoota hedduutti Uumeera. Dhibeen koronaa akkuma hundi beeku Hubannoo Uumuu irra darbee qorichi Isaa argamuu dhabuun Osoo beekamuu M.M Abiy Ahmed Wallagga Arfan Gujii dabalatee Lubbuu Miliyoonni keessa jiru dukkana keessatti hambisuun isaanii Muummicha Ministeeraa Addunyaa irraa yeroo Jalqabaaf dhibee Addunyaa yaaddesse koronaa Jedhamuuf tumse jedhamuun akka Addunyaatti beekamtii ni argatu jedhameet eegama.Thank You Our Prime Minister!

Visit the post for more.

HNN_NEWS:Fulbaana 27,2019 Waggoottaan Afurtamaaf Addaan Citee Kan Ture Sirni Gutuu Yookaan Bunnaqaa Abbaa Gadaa Gujii fi...
27/09/2019

HNN_NEWS:Fulbaana 27,2019 Waggoottaan Afurtamaaf Addaan Citee Kan Ture Sirni Gutuu Yookaan Bunnaqaa Abbaa Gadaa Gujii fi Walitti Qabaa Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Jiloo Maandhootiin Gaggeeffamee Jira.
=======================
Akka aadaa Oromoo Gujiitti abbaan gadaa erga baallii fuudheen booda haxxiyyoomuuf yookaan kallacha gadoomaa argachuuf jecha abbaa qaalluu yookaan mooticha Gujii irraa qunbii nyaata.Kana gochuuf garuu Abbaan Gadaa jabbii gutuu 100 hoolee battalaa (korbeessa hoolaa) Mootichaaf kenna.Sirni kun waggaa 40 gadaa 5 addaan citee ture.Gadaan harmuufaa Jiloo Maandhoo jala bultii guutuutti Fulbaana 7/2012 tti Harruu bunnaqaatti sirna bunnaqaa raawwachuun hardha ammoo jabbii guutuu gumaata qaalluu Gujii Aagaa Saqoo Waaqootiif kennanii jiru.

Ob.Tasfaayee Daani'el I/G/W/AT Godinichaa Hawaasni Oromoo seenaa,aadaa hambaa fi aartii isaa eeguu, kunuunsuu, bulchuufi beeksisuu, halkaniifii guyyaa hiriiree Mootummaa cinaa dhaabbachuun hanbaawwan kiiliyaa qabatamaa fi qabatamaa hin taane eegee sadarkaa naannoorra darbee sadarkaa addunyaatti beeksifachuu jalqabee jira.
Kanaafuu dhaloonni haaraanis kana beekee aadaa isaa jabeeffachuu qaba jedhan.

Ob.Abarraa Bunoo Bulchaa Godina Gujii Lixaa aadaan keenya eenyummaa keenya;eenyummaa keenyaan ala jiraachuu hin dandeenyu;eenyummaa keenyaan ammoo boonuu qabna waan ta'eef fuula duraafis dhaloonni haaraanis aadaa boonsaa kana dhaaluudhaan dhaloota itti aanus dhaalchisuu qaba jedhan. Akka godina kanaatti ardaalee jilaa 165 kan qabnu waan ta'eef ardaalee jilaa kanneenis kunuunsaa fi eegumsa barbaachisu hunda godhuufii akka qaban dubbataniiru.

Kana cinaattis Oromoon durirra kaasee nageyaaf jaalalaan waan beekkamuuf nageenya biyya keenyaas haa eeggannu jechuu isaanii waajjirri koominikeeshinii godinichaa ibseera.!FBC

HNN_NEWS:Fuulbaana 27,2019 Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Adaamaatti ayyaana Daamaraa fi Masqalaa sababeeyfachuun sirni ...
27/09/2019

HNN_NEWS:Fuulbaana 27,2019 Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Adaamaatti ayyaana Daamaraa fi Masqalaa sababeeyfachuun sirni magaalaa qulqulleeysuu gaggeeyfameti jira.

HNN Fulbaana 15, 2012  Gaanfi Afrikaa nagaa fi tasgabbii waaraa akka qabaatu, Dhaabbanni Waadaa Atlaantiika Kaabaa(NATO)...
26/09/2019

HNN Fulbaana 15, 2012 Gaanfi Afrikaa nagaa fi tasgabbii waaraa akka qabaatu, Dhaabbanni Waadaa Atlaantiika Kaabaa(NATO) Ityoophiyaa waliin qindoominaan nan hojjedha jedhe.

Nageenya Ityoophiyaa fi Gaanfa Afrikaarratti hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministir deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Almaaz Makoonnan dura taa'aa koree gartuu Dhaabbata Waadaa Atlaantiika Kaabaa(NATO) Meeroo Koovaachii fi miseensota manneen maree biyyoota addaddaa waliin mari'ataniiru.

Aadde Almaaz waajjirri isaanii nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti hojiilee jajjabaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis Ityoophiyaan Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbiin akka bu'u qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Meeroo Koovaach hojiilee hojjetaman dinqisiifatanii, naannichatti nagaa fi tasgabbii waaraa busuuf Dhaabbanni Waadaa Atlaantiika Kaabaa(NATO) ministeerichaa fi qaamolee tumsaa waliin kan hojjetamu ta'uu ibsan.

Gaanfi Afrikaa nagaa fi tasgabbii waaraa akka qabaatu dhaabbatichi Ityoophiyaa waliin tumsaan kan hojjetu ta'uus Meeroo Koovaach ibsaniiru.

Ministeerichii fi dhaabbatichi biyyoota ollaatti nagaan akka bu'u qindoominaan ni hojjetus jedhameera.

Sanarrattis kallattii waloo kaa'aniiru.

26/09/2019

HNN,Fulbaana 15, 2012 – Gaanfi Afrikaa nagaa fi tasgabbii waaraa akka qabaatu, Dhaabbanni Waadaa Atlaantiika Kaabaa(NATO) Ityoophiyaa waliin qindoominaan nan hojjedha jedhe.

Nageenya Ityoophiyaa fi Gaanfa Afrikaarratti hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministir deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Almaaz Makoonnan dura taa'aa koree gartuu Dhaabbata Waadaa Atlaantiika Kaabaa(NATO) Meeroo Koovaachii fi miseensota manneen maree biyyoota addaddaa waliin mari'ataniiru.

Aadde Almaaz waajjirri isaanii nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti hojiilee jajjabaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis Ityoophiyaan Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbiin akka bu'u qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Meeroo Koovaach hojiilee hojjetaman dinqisiifatanii, naannichatti nagaa fi tasgabbii waaraa busuuf Dhaabbanni Waadaa Atlaantiika Kaabaa(NATO) ministeerichaa fi qaamolee tumsaa waliin kan hojjetamu ta'uu ibsan.

Gaanfi Afrikaa nagaa fi tasgabbii waaraa akka qabaatu dhaabbatichi Ityoophiyaa waliin tumsaan kan hojjetu ta'uus Meeroo Koovaach ibsaniiru.

Ministeerichii fi dhaabbatichi biyyoota ollaatti nagaan akka bu'u qindoominaan ni hojjetus jedhameera.

Sanarrattis kallattii waloo kaa'aniiru.

25/09/2019

Oromiyaa keeysatti Alaabaan Oromoo Ummata irra funaanamaa jira!
Naannoo Amaaraatti Ummanni Alabaa Minilikiin dhiichisaa jira.
Dhiiroo biyyuma tokka keeysa waliin jirraa ofii?

Dr abiyii hayuu Namatti
25/09/2019

Dr abiyii hayuu Namatti

Address

Harar

Telephone

+251913439022

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when HNN Harargee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share