Afaan Oromoo Haa Barannuu.

Afaan Oromoo Haa Barannuu. ๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ก๐ฎ๐›๐š๐ญ๐š๐š,๐ช๐š๐›๐š๐ญ๐š๐š,๐ก๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐ก๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐ฐ๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง.

19/09/2023

๐’‘๐’๐’†๐’‚๐’” ๐’Ž๐’†

18/09/2023

JIRUU FI JIREENYA ARTISTI YOONIS ABDULLAAHI.
Waan garaa namaa nyaatu.obsaan dubbisi.
Yoonis Abdullaahi artisti artii Oromoo keessatti qooda guddaa gumaachaa ture tahu isaa isiniif ibsuun kiyya beekumsa keessan xiqqeessuu taha yoon jadhe hin sobne.Yoonis artiin qofa otoo hin taane qabsoo bilisummaa oromoo namoota jalqaban keessaa isa tokko ture.Jaaraa Abbaa gadaa,Sheik Mahammad rashaad Abdullee,Shantam shubbissaa,Abdullaahi Arsii,fi sabboontoota oromoo qaqaali muraasa wajiin bara jahaatam(60) dura gara biyya somaaleeti baqqachuun Afaan oromoo Afaan Raadiyoo hin cabsinee tahu mootummaa Haaylasilaaseetti agarsiisuu gootoota danda'an keessaa tokko tahun,hangafa qabsoo oromoo tahusaa seenaan isaa ni addeesiti.
Yoonis Abdullaahi ilma Oromoo Diree Dawaa toora namooni Afaan Somaalee itti dubbatan qubbatanitti kan dhalate tahun isas Afaan Oromoo fi Afaan Somaaleetiin(Afaan lamaan) akka afaan hiikatu carraa argate jira.Kun tahunsa qabsoo oromoo biyya keessaa hanga biyya alaati baqqachuun taasisan keessatti faayidaa guddaa akka gumaachu isa dandeesise jira.
Yeroo biyya Somaaliyaa Maqaadishooti baqatani turan keessatti artistoota Somaaliyaa babeekamoo fi jaalatamoo akka Faaxumaa Qaasim,Nuriyaa fi kaneen biroo Afaan oromoo barsiisuun,sirboota hanga arraa dhaga'amee hin quufamne afaan oromootiin akka sirban godhu qofa osoo hin tahin,aadaa fi artiin oromoo biyyoota ollaatis akka baratamtu fi jaalatamtu gochu keessatti qooda cimaa taasisee jira. Baandii Afran Qalloo keessatti hirmaachun hangafoota wallissan keessaahis tokko tahu danda'ee jira.
"Farra farra farra
Haa itti kaanee marxifannu.
Warraaysa finiinaa kaafne haa qabsoynu.
Kan nu cinqe haa ofirraa kuffifnu.
hanga yoom gaciifne nyaata kaanitiif beelaan boonya?.
Yoom ooyruu faccaafanne midhaan irraa nyaanna?.
Yoom harka tokko taane diina keenya falmanna?......jechun hawwii fi fadhii sabni oromoo qabsoof qabu haala kanaan ibse,walisee,saba dammaqsaa turera.
"Bilisummaan Aanani nama beekuutu dhugaa.
Kan bilisummaa hin beeyne lafa taa'ee muga...." jechun faayidaa bilisummaan qabdu ummataaf himee akka oromoon mirga isaatif qabsa'uu kakaasuun umrii dargaggummaa isaa arti keessatti dabarsee jira Artist Yoonis Abdullaahi.
"Suman yaadadha an galgaluu.
Hogun ciisee gara gagalu.
Ani hammileen tiyya sumaa.
Sa ati yoo tee eenyuumaa
Yaada keetiin shoroorka'ee.
Hammam takkaan dadarkaa'e?.
Si yaadanaan dhama'e yaa'ee.
Numan obsa yoon wayaa'e.
Nawaywaate garaan kiyyaa.
Naaf rifadhu yaa hiriyaa.
Gara galte onneen tiyyaa.
Ofhinbeeku sifin iyyaa..." sirboota jaalalaa kanaa fi kana fafakkaatan hedduu sirbuun artii oromoo keessatti ashaaraa mataa isaa kaayee jira.
Garuu nama gaddisiisa,artiistiin umrii dargaggummaa isaa gumaacha gudda qabsoo fi artii oromoo keessatti gumaachun dabarse kun yeroo ammaa,yeroo humni isaa isa gante kanatti,yeroo silaa taa'ee nyaachuu qabu keessatti,ummata mil 50ni inni isaanif qabsa'ee abbaa biyyaa tahe jiru kana keessattilee nama isa garagalee ilaalu dhabee ,Finfinnee Boolee Mikaa'eel keessa asii fi achi jadhe kadhaan jiraachaa jira.
galani qabsoo isaa,galani gumaacha qooda isaa,carraan isaa kana tahun nama gadisiisa.Nullee akka sabaati nu qaaneessa.isa yoo arginu qofa birri 100 kennineefi bira taruun furmaata waaraa isaaf hin tahu.Waan nyaatu hin qabu,mana keessa galu hin qabu,bara dhufaa darbaa wayaa takka qofa uffachaa jira,harka nama jala qabuun jiraachaa jira.Yaa oromoo adda duree kee kunnuunfadhu.Isa kaleessa osoo anaaf hin jadhin siif jecha waa hunda isaa kenne,amma itti hin calisin.
Share,like, comment gochun waliin haa geenyu,tassa nu keessaa tokkoo isaaf dirmachuu dandayya waan tahef.
Galatoomaa!

Booranaa bira haa dhaabanuu
28/02/2023

Booranaa bira haa dhaabanuu

Ituu oromo press
25/11/2022

Ituu oromo press

_ _ _!
Oromoon Ituu, Oromoo gadaa odaa shananiiti, warra gadaan Odaa shanan akkan hin caphne hanga maayiiti falmanii dha. Haa tahuuti Ituu biratti Dubartiin kabajaa fi sadarkaa guddoo qabdi. Akka aadaa Oromoo Ituuti, yoo namni sadii isaani wajiin hiike malee, jaarsi jaartii hiikuu ykn Jaartiin jaarsa hiikuu hin dandaโ€™an.

Sadeen;
1. Yoo haadhaaf abbaan gurbaa hiikan malee
2. Yoo haadhaaf abbaan intalaa hiikan malee
3. Yoo gurbaan dhaba ilmaanitiif hiike malee.

16/09/2022

ARAQEEN QAALAWEE
JIMAAN RAKISHUUN
Akkami jarana.

Address

East Hararge
Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afaan Oromoo Haa Barannuu. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Afaan Oromoo Haa Barannuu.:

Share

Category