19/06/2024
Plse read 3xx
Sagantaa Siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo osoo namni hunduu sirnaan barateera tahe amma akkas hin raafamu ture.Adeemsi qabsoo dheeraa fi rakkoo walxaxaa keesa darbuu gaafata.
Qabsoon nama hedduun eegalamuu dandaha.Garuu kan xumurarra gahu yoo tole nama muraasa dha.Qabsoon kan galmaan gahamu akkuma fiigicha relay ykn ulee waltti kenamee fiigamu sana wal harkaa fuudhameeti.
Egaa Adeemsa qabsoo keesatti gariin lubbuu tokkitti qabu kennee keesaa baha.Kaan mo Qaama ittin jiraatu itti dhabee keesa baha.Kaan moo diina harkatti bu'ee booji'ama.Kaan moo qoonqoo isaa obsuu dadhabee ganee keesaa gala.
Kanaafuu dursa wahee kanaa hubadhaa .Qabsoon eegalame garuu ittuma fufaa