Tamiru Maka

Directions Website

Tamiru Maka Finance โ€ข Accounting for business owners,
entrepreneurs, and students.

16/09/2026

Namoonni Telegram Premium feetan, ni jira.

Ammoo, "faayidaan isaa maali?" akka naan hin jenne. ๐Ÿ˜๐Ÿ˜œ

Namni barbaaduโ€”ni beeka.

Na qunnamuuf โžก๏ธ https://t.me/tmaka2

15/09/2026

โ€Ž๐—–๐—ผ๐˜€๐˜ ๐—ผ๐—ณ ๐—š๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐˜€ ๐—ฆ๐—ผ๐—น๐—ฑ, ykn ๐—–๐—ข๐—š๐—ฆ namni wallaale jiraa?
โ€Ž
โ€ŽHin jiru.
โ€Ž
โ€ŽYoo jiraate, "Baasii Oomisha Gurguramee" jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽIfa akka siif ta'uuf,
โ€Ž
โ€ŽHojiin kee buna bittee gurguruudha haa jennu.
โ€Ž
โ€ŽHar'a buna kiilogiraama 10n qarshii 12,000n bittee gabaa geessite.
{1kg = qarshii 1,200n bitte}
โ€Ž
โ€ŽKuni ๐—ฏ๐—ฒ๐—ด๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ๐—ป๐—ด ๐—ถ๐—ป๐˜ƒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ผ๐—ฟ๐˜† jedhama.
โ€Ž
โ€ŽKana keessaa, kiilogiraama 6 qarshii 8,400tti gurgurtee jirta haa jennu
{1kg = qarshii 1,400tti gurgurte}
โ€Ž
โ€ŽQarshii 8,400 kana keessaa, qarshiin 7,200 ๐—–๐—ข๐—š๐—ฆ jedhama. Maaliif? Bunni gurgurame (6kg) suni qarshii 7,200n bitamekaa.
โ€Ž
โ€ŽKan hin gurguramne kiilogiraama 4 yoo ta'u, inni immoo ๐—ฐ๐—น๐—ผ๐˜€๐—ถ๐—ป๐—ด ๐—ถ๐—ป๐˜ƒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ผ๐—ฟ๐˜† jedhama.

โ€Ž๐—œ๐—ป๐˜ƒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ผ๐—ฟ๐˜† ๐—ง๐˜‚๐—ฟ๐—ป๐—ผ๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ Maali?โ€Žโ€ŽMana qorichaa tokko yaadadhu.โ€Žโ€ŽYeroo murtaa'e tokko keessatti, qorichi dafee dafee gurgurame...
15/09/2026

โ€Ž๐—œ๐—ป๐˜ƒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ผ๐—ฟ๐˜† ๐—ง๐˜‚๐—ฟ๐—ป๐—ผ๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ Maali?
โ€Ž
โ€ŽMana qorichaa tokko yaadadhu.
โ€Ž
โ€ŽYeroo murtaa'e tokko keessatti, qorichi dafee dafee gurguramee kan biraatin bakka buufamaa jiraa? Moo callisee kuusaa keessa taa'aa jira?
โ€Ž
โ€ŽKana jechuun:
โ€Ž
โ€ŽDafee dafee gurgurama moo maallaqa qabatee kuusaa keessa taa'aa jira?
โ€Ž
โ€ŽKuni kan ittiin safaramu ๐—œ๐—ป๐˜ƒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ผ๐—ฟ๐˜† ๐—ง๐˜‚๐—ฟ๐—ป๐—ผ๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ jedhama.
โ€Ž
โ€ŽInventory Turnover
โ€Ž(Meeshaalee kuufaman yeroo meeqa gurguraman?)
โ€Ž
โ€ŽFoormulaan isaa:
โ€Ž
โ€ŽInventory Turnover = Cost of Goods Sold รท Average Inventory
โ€Ž
โ€ŽYkn:
โ€Ž
โ€ŽInventory Turnover = Baasii Oomisha Gurguramee รท Inventory Giddugaleessaa
โ€Ž
โ€ŽFakkeenyaaf:
โ€Ž
โ€ŽMana qorichaa kun jalqaba waggaa irratti Inventory Qar. 50,000 qaba ture haa jennu. Dhuma waggaa irratti immoo Inventory Qar. 70,000 qaba yoo ta'u, Baasiin oomisha gurgurame (ykn Cost of Goods Sold) kan waggaa sanaa Qar. 240,000dha. Inventory Turnover isaa meeqa?
โ€Ž
โ€ŽInventory Turnover shallaguun dura, ๐—”๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐—ด๐—ฒ ๐—œ๐—ป๐˜ƒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ผ๐—ฟ๐˜† shallaguu qabna:
โ€Ž
โ€Ž(Kan Jalqaba Ture + Kan Amma Jiru)รท2
โ€Ž
โ€Ž(50,000 + 70,000) รท 2
โ€Ž
โ€Ž= 120,000 รท 2
โ€Ž
โ€Ž= Qar. 60,000
โ€Ž
โ€ŽBaasiin oomisha gurguramee (ykn Cost of Goods Sold) kan waggaa sanaa Qar. 240,000 yoo ta'e,
โ€Ž
โ€ŽInventory Turnover = 240,000 รท 60,000
โ€Ž= 4
โ€Ž
โ€ŽKana jechuun, manni qorichaa kun waggaa tokko keessatti Inventory isaa yeroo 4 gurguree bakka buuse jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽHiikaan isaa:
โ€Ž
โ€ŽYoo Inventory Turnover olaanaa ta'e:
โ€Žโ€“ Oomishni saffisaan gurguramaa jiraachuu agarsiisa.
โ€Ž
โ€ŽYoo Inventory Turnover gadi-aanaa ta'e:
โ€Žโ€“ Oomishni suuta gurguramaa jiraachuu agarsiisa.
โ€Ž
โ€ŽKunimmoo,
โ€Ž
โ€Žโ€“ Meeshaaleen tokko tokko akka yeroon irra darbu ykn expired ta'u gochuu danda'a.
โ€Ž
โ€ŽHaala kanaan, daldalaan tokko haala gurgurtaa, Inventory fi fedhii maamiltootaa yeroo yerootti hordofuu qaba.

14/09/2026

โ€Žโ€Ž๐—ฃ๐—ฒ๐—ฟ๐˜€๐˜‚๐—ฎ๐˜€๐—ถ๐—ผ๐—ป = Tajaajilli ykn oomishni kee gatiinsaa guddaa ta'us meeshichi faayidaa guddaa akka isaaniif qabu hubachiisuu jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽFakkeenya... Maamilli kee akkas siin jedhe:
โ€Ž
โ€Ž"Bilbilli kuni akka malee qaaliidha."
โ€Ž
โ€ŽAkkas jettee deebistaaf:
โ€Ž
โ€Ž"Dhugaadha. Garuu chaarjii dafee hin fixu. Wabii waggaa lamaa qaba."
โ€Ž
โ€ŽWaan akkasii ๐—ฃ๐—ฒ๐—ฟ๐˜€๐˜‚๐—ฎ๐˜€๐—ถ๐—ผ๐—ป jedhama.
โ€Ž
โ€ŽKaraa biraatin, ๐—ฝ๐—ฟ๐—ถ๐—ฐ๐—ฒ meeshichaa fi ๐˜ƒ๐—ฎ๐—น๐˜‚๐—ฒ meeshichaa akka wal madaalu haala amansiisaa ta'een itti himuu jechuudha.

14/09/2026

Ogummaan akkaawuntingiidhaa olii tokkotu jiraโ€”innis ๐—ฆ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐˜€dha. ๐Ÿ˜ƒ

Dhugaa dubbachuuf, dandeettii ๐—ฆ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐˜€ qabaachuun kennaadha, garuu saayinsiidhan yeroo deeggaramu immoo boom!

14/09/2026

๐—–๐—ผ๐—น๐—ฑ ๐—–๐—ฎ๐—น๐—น๐—ถ๐—ป๐—ด = Namoota tajaajila ykn oomisha kee hin beekne qunnamuu jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽFakkeenya... hoogganaa dhaabbata tokkootif bilbiltee akkas jetteen:
โ€Ž
โ€Ž"Nageenyi siif haa ta'u. Dhaabbanni keenya meeshaalee elektirooniksii qulqullina qaban dhiheessa. Waa'ee oomisha keenya, daqiiqaa muraasaaf yoon sitti haasa'e naaf hayyamtaa?"
โ€Ž
โ€ŽWaan akkasii "cold calling" jedhama.

13/09/2026

โ€ŽWaan si dhibu, jechi "Lead Generation" jedhamtu kun ๐—ฑ๐—ถ๐—ด๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—น ๐—บ๐—ฎ๐—ฟ๐—ธ๐—ฒ๐˜๐—ถ๐—ป๐—ด keessatti iddoo guddaa qabdi.
โ€Ž
โ€ŽFakkeenyaaf,
โ€Ž
โ€ŽMiidiyaa hawaasaa irratti oomisha kee beeksisaa jirta haa jennu.
โ€Ž
โ€ŽBeeksisa kee kana namoota baayyeetu ilaala, kuni ๐˜๐—ฟ๐—ฎ๐—ณ๐—ณ๐—ถ๐—ฐ jedhama.
โ€Ž
โ€ŽNamoota baayyee beeksisa kee ilaalan keessaa... namoota COMMENT irratti ykn karaa INBOX dhufanii tajaajila ykn oomisha kee bitachuuf fedhii agarsiisan adda baasuun, maqaa fi teessoo qunnamtii isaanii galmeessuun ๐—น๐—ฒ๐—ฎ๐—ฑ ๐—ด๐—ฒ๐—ป๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ผ๐—ป jedhama.
โ€Ž
โ€ŽJarri kun ๐—ฝ๐—ผ๐˜๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ฎ๐—น ๐—ฐ๐˜‚๐˜€๐˜๐—ผ๐—บ๐—ฒ๐—ฟ jedhamu, maamila kee ta'uuf carraa olaanaa qabu.
โ€Ž
โ€ŽKaayyoon kee jarattii tana gara ๐—ฐ๐˜‚๐˜€๐˜๐—ผ๐—บ๐—ฒ๐—ฟ jijjiiruudha. Kana jechuun, tajaajila ykn oomisha kee akka sirraa bitan gochuudha.
โ€Ž
โ€ŽAmma... afaan kee mi'eeffattee tokko tokkoon isaan qunnamta.

13/09/2026

โ€ŽOdoo jennuu... ๐—ฆ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐˜€ keessatti ๐—ฝ๐—ฟ๐—ผ๐˜€๐—ฝ๐—ฒ๐—ฐ๐˜๐—ถ๐—ป๐—ด fi ๐—น๐—ฒ๐—ฎ๐—ฑ ๐—พ๐˜‚๐—ฎ๐—น๐—ถ๐—ณ๐—ถ๐—ฐ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ผ๐—ป garaagarummaa qabu.
โ€Ž
1. โ€Ž๐—ฃ๐—ฟ๐—ผ๐˜€๐—ฝ๐—ฒ๐—ฐ๐˜๐—ถ๐—ป๐—ด = Nama tajaajila ykn oomisha kee sirraa bituu danda'u barbaaduu jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽEenyutu tajaajila ykn oomisha kee sirraa bitachuu danda'a? Qorachuu, isaan adda baasuu fi qunnamuudha.
โ€Ž
โ€ŽFakkeenyaaf, komputera gurgurta haa jennu. Dhaabbilee ykn namoota komputera narraa bituu danda'u jettee yaaddu addaan baasuu fi isaan qunnamuun ๐—ฝ๐—ฟ๐—ผ๐˜€๐—ฝ๐—ฒ๐—ฐ๐˜๐—ถ๐—ป๐—ด jedhama.
โ€Ž
โ€Ž2. ๐—Ÿ๐—ฒ๐—ฎ๐—ฑ ๐—ค๐˜‚๐—ฎ๐—น๐—ถ๐—ณ๐—ถ๐—ฐ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ผ๐—ป = Namoota tajaajila ykn oomisha kee gaafatan keessaa, namoota carraa bituu isaanii olaanaa ta'e adda baasuu. Kana jechuun:
โ€Ž
โ€ŽNamoota 10 komputera sirraa bituuf si gaafatan keessaa, namoota 3 malee namoonni 7 maallaqa gahaa hin qaban yoo ta'e, namoota sadeen sana irratti xiyyeeffachuun ๐—น๐—ฒ๐—ฎ๐—ฑ ๐—พ๐˜‚๐—ฎ๐—น๐—ถ๐—ณ๐—ถ๐—ฐ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ผ๐—ป jedhama.

13/09/2026

Facebook kee VERIFIED taasisuuf ji'aan โ‰ˆ$15 kaffalta.
โ€Ž
โ€ŽTelegram kee PREMIUM gochuuf immoo waggaatti โ‰ˆ$30 qofa kaffalta.

โ€ŽAfaan Ingiliffaa salphaa ta'een...โ€Žโ€ŽYaadama akkaawuntingii-faayinaansii haala biyya keenyaaf ta'utti kan hubate, fiโ€Žโ€ŽDa...
13/09/2026

โ€ŽAfaan Ingiliffaa salphaa ta'een...
โ€Ž
โ€ŽYaadama akkaawuntingii-faayinaansii haala biyya keenyaaf ta'utti kan hubate, fi
โ€Ž
โ€ŽDadhabbii tokko malee guyyaa guyyaatti kan barsiisu fi yeroo gabaabaa keessatti subscriber 3.5k kan horateedha: https://t.me/TamiruBusiness ammuma Join godhi, irraa baradhu.

โ€ŽHubadhu:
โ€Ž
โ€ŽTeknoolojii AI Agent kan badhaadhe yoo ta'u, kan barreessus, kan maxxansus isuma (deeggarsa kiyyarra bilisadha). Ta'us %99.9 dogongora irraa bilisa ta'uusaa mirkaneessera.

Business โ€ข Finance โ€ข Accounting Practical financial guides for business owners, entrepreneurs, and students Insights on business, finance, accounting, financial literacy, investing, Bitcoin. Buy ads: https://telega.io/c/TamiruBusiness Admin:

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tamiru Maka posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share