Tamiru Maka

Tamiru Maka Simple finance & business insights for entrepreneurs and students (Afaan Oromoo).

12/05/2026

11/05/2026

AUDIT keessatti Garaagarummaa: OMISSION fi COMMISSION

‎1. OMISSION jechuun odeeffannoo maallaqaa galmee keessatti tasuma hin galmoofne, kan dagatame jechuudha.

‎Fakkeenya: Ji'a kana keessa kiraan manaa ji'a 6 qarshii 100,000 kaffalameera, garuu galmee keessatti hin galle—dagatameera.

‎...kuni "omission" jedhama.


‎2. COMMISSION jechuun immoo odeeffannoo maallaqaa ACCOUNT dogoggoraa jalatti galmaa'e jechuudha.

‎Fakkeenya: Kiraan manaa kaffalameera. garuu, baasii (expense) jalatti galmaa’uu kan qabu, galii (Revenue) jalatti galmaa’e.

‎...kuni immoo "commission" jedhama.

11/05/2026

‎BUSINESS PLAN — KAROORA DALDALAA

‎Barreeffama kana keessatti maalummaa BUSINESS PLAN fi qabiyyee isaa baratta.

‎I. BUSINESS PLAN JECHUUN MAALI?

‎BUSINESS PLAN yookaan KAROORA DALDALAA jechuun, yaadni daldalaa kee asirraa eegalee gara fuulduraatti akkamitti akka deemu kan ibsuudha.

‎Karoorri daldalaa, yaada hojii mataa kee keessa jiru gara hojii qabatamaatti (practical action) jijjiiruuf si gargaara.

‎...akkka qajeelfama daldalichaatti yaadama.

‎Gaaffilee armaan gadii deebisuuf si gargaara:

‎Dhaabbatichi,

‎- Amma maalirra jira?
‎- Garamitti deemuu barbaada?
‎- Akkamitti achi ga’a?
‎- Maallaqa meeqa of-harkaa qaba?
‎- Maallaqa meeqa alaa barbaada?
‎- Maallaqichi maalirra oola?

‎...karoorri kee dhimmoota kanneen irratti xiyyeeffachuu qaba.

‎Fakkeenyaaf:

‎Ati daldala bunaa jalqabuu yoo barbaadde:

‎- Waa’ee gabaa bunaa
‎- Waa’ee namoota buna barbaadanii
‎- Waa’ee dorgomtoota keetii
‎- fi baajata si barbaachisu...ifatti ibsa.

‎II. FAAYIDAAN KAROORA DALDALAA QOPHEESSUU MAALII?

‎Karoora daldalaa barreessuun:

‎- Hojiin kee maal akka ta’e, eessarraa ka’ee eessatti akka deemu ifatti ibsa.

‎- Deeggarsa baankii fi investerootaa argachuuf si gargaara.

‎- Gareen kee fi qooda fudhattoonni hojichaa yaada waliigalaa waa’ee daldalichaa akka hubatan ni taasisa.

‎- Dorgommii keessatti maaltu akka daldala kee adda godhu ibsa.

‎- Gatii oomishaa ykn tajaajilaa kee ifatti murteessuuf si gargaara.

‎- Riskii mudachuu danda'u dursee adda baasuuf si gargaara.


‎III. KUTAALEE GURGUDDOO BUSINESS PLAN 9

‎Yaada daldalaa fi nama karoora sana qopheessu irratti hundaa’ee qabiyyeen isaa garaagara ta’uu danda’a.

‎Garuu, kutaaleen 9n armaan gadii isaan ijoodha:

‎1. IBSA GABAABAA (EXECUTIVE SUMMARY)

‎Kutaan kun seensa barreeffamichaa yoo ta’u:

‎- Maqaa dhaabbatichaa

‎- Ergama daldalichaa (mission)

‎- Maal akka gurgurtu fi eenyu akka sirraa bitu

‎- Maaltu akka daldala kee adda godhu

‎- Ji’atti galii meeqa argachuuf akka karoorfatte ...gabaabinaan ibsa.

‎Akkasumas, liqii baankii barbaadda yoo ta’e, qarshii meeqa liqeeffachuu akka barbaaddu, liqii sana ji’atti meeqa akka kaffaltu fi waggaa meeqatti kaffaltee xumuruu akka dandeessu asitti ni ibsama.


‎2. IBSA HOJII (BUSINESS DESCRIPTION)

‎Kutaan kun waa’ee hojii kee bal’inaan ibsa.

‎2.1 Gosa hojii kee maali?

‎- Daldala qinxaaboo moo jumlaa?

‎- Tajaajila ni kennitaa?

‎- Moo maal oomish*ta?

‎...kun adda bahee ifatti ibsamuu qaba.

‎2.2 Rakkoo akkamii furuuf karoorfatte?

‎Daldalli kee rakkoo gabaa keessa jiru isa kam furuuf dhufe?
‎Eenyuuf?

‎2.3 Dhaabbanni kee waggaa 5 ykn 10 booda eessa gahuu akka qabu ifatti kaa'a.

‎3. GOSA HUNDEEFFAMA SEERAA (LEGAL STRUCTURE)

‎Kutaan kun daldalli kee seera duratti akkamitti akka galmaa’u ibsa:

‎- Nama tokkoon kan hoogganamu (sole)
‎ykn
‎- Namoota lama ykn isaa oliin kan hundeeffame (partnership)
‎ykn
‎- Dhaabbata dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa'e (PLC)
‎Moo...
‎- Dhaabbata aksiyoona (SC)?

‎Isaan kana keessaa kam akka ta'e adda baasee himuun mirgaa fi dirqama kee beekuuf si gargaara.

‎4. QORANNOO GABAA (MARKET ANALYSIS)

‎Kutaan kuni waa'ee maamiltoota fi dorgomtoota kee irratti xiyyeeffata.

‎- Maamiltoonni kee eenyu?

‎Fakkeenyaaf: barattoota, hojjettoota, ykn dhaabbilee gurguddoo.

‎- Dorgomtoonni kee eenyu fa'a?

‎Namoonni ykn dhaabbileen daldala keetiin walfakkaatu hojjetan eenyu?

‎- Maaltu dorgomtoota keetirraa adda si godha?

‎Maamiltoonni maaliif si filatu?

‎....kana ibsuu qaba.


‎5. GURMA’INSA FI HOGGANSA (ORGANIZATION & MANAGEMENT)

‎Kutaan kun dhaabbatichi eenyuun akka hoogganamu fi caasaan isaa akkamitti akka diriiru ibsa:

‎- Hundeessitoonni dhaabbatichaa eenyu?
‎Muuxannoo fi barnoota akkamii qabu?

‎- Caasaa dhaabbatichaa maal fakkaata?
‎Eenyutu eenyuun ajaja?

‎Daldala kee gaggeessuuf hojjettoota meeqa fi ogummaa akkamii qaban si barbaachisa? (staffing)


‎6. OOMISHA YKN TAJAAJILA (PRODUCT OR SERVICE)

‎Kutaan kun wanta ati gabaatti dhiheessitu bal’inaan ibsa:

‎- Oomishni kee maali?
‎Maamiltoonni faayidaa akkamii irraa argatu?

‎- Oomishatu oomishama yoo ta'e, adeemsi ittiin qophaa'u maali? (Production Process)

‎- Meeshaa dheedhii eenyurraa fidda? (Supplier Information)

‎- Gatii meeshaa keetii maal irratti hundooftee murteessita?
‎ (Pricing Strategy)


‎7. TARSIIMOO GABAA FI GURGURTAA (MARKETING & SALES STRATEGY)

‎Kutaan kun akkamitti maamiltoota kee bira akka geessu fi akkamitti akka gurgurtu ibsa:

‎- Beeksisaa akkamii fayyadamta?
‎(Miidiyaa hawaasaa, TV, raadiyoo, ...)

‎- Dhaabbatichatu kallaattiin maamilatti gurgura moo daldaltootaaf qoodda?


‎8. KAROORA HOJII GUYYAA GUYYAA (OPERATIONAL PLAN)

‎Kutaan kun daldalli kee guyyaa guyyaatti akkamitti akka socho’u ibsa:

‎- Iddoon hojii kee eessa?
‎Maaliif iddoo sana filatte?
‎(Fakkeenyaaf: maamilatti dhiyoo ta'uu isaa)


‎9. KAROORA MAALLAQAA (FINANCIAL PLAN)

‎Kutaan kun daldalli kee bu’aa qabeessa ta’uu isaa ragaa lakkoofsaatiin kan itti mirkaneessituudha:

‎- Hojii eegaluuf maallaqa meeqa si barbaachisa?
‎Maallaqni kun maal maalirratti oola?

‎- Waggaa 1–5 gidduutti galii meeqa argatta?
‎Baasiin kee hoo meeqa ta'a?
‎(Financial Projections)

‎- Bu’aa qulqulluu argattu adda baasa.
‎(Income Statement)

‎- Maallaqni harka kee jiru akkamitti akka socho’u ibsa.
‎(Cash Flow Statement)

‎- Qabeenya fi Idaa agarsiisa.
‎(Balance Sheet)

‎- Bakka GALIIKEE fi BAASIIKEE wal-qixa itti ta’u agarsiisa.
‎(Break-even Point)


‎WALUMAAGALATTI:
‎Karoorri daldalaa kee ifa yoo ta'e:

‎- Investerootaa fi baankota biratti fudhatama akka horattu si taasisa.

‎- Dorgommii gabaa keessatti cimina kee fi laafina kee adda baastee akka beektu si gargaara.

‎- Daldalli kee waggaa tokko ykn shan booda eessa gahuu akka qabu hordofuuf si gajeelcha.

‎Karoorri daldalaa, yeroo daldalli kee babal'atu ykn haalli gabaa jijjiiramu, karoorri kees waliin fooyya'uu qaba.

‎Kanuma.
‎Galatoomaa!
‎Tamiru Maka

‎Egaa,

‎BUSINESS PLAN abbaatu tolfata.

‎Haala isinitti hime kanaan qopheeffachuu inuma dandeessu.

‎Garuu yoo deeggarsa barbaaddan teessoo qunnamtii armaan gadii irratti nu qunnamaa:

‎Namoonni tajaajila kana barbaaddan:
‎0977794722

‎Karaa WhatsApp fi Telegram qofa nu qunnamaa.


‎Barreeffama kana PDF isaa yoo barbaaddan,

‎Telegram channel kiyyarraa argattu.
‎Link isaa comment jala jira.

11/05/2026

Bad Debt Expense jechuun maali?Oomisha maamila keetitti duubeen gurgurte tokko 'Accounts Receivable' jattee galmeessita....
10/05/2026

Bad Debt Expense jechuun maali?

Oomisha maamila keetitti duubeen gurgurte tokko 'Accounts Receivable' jattee galmeessita.

Kunis.. maallaqa dhihootti naaf kaffalamuudha jettee eegduudha.

Garuu... tarii maamilichi odoo siif hin kaffalin yoo hafe hoo?

Odoo siif hin kaffalin yoo hafe... galmeen 'Accounts Receivable' ture suni gara 'Bad Debt Expense'tti jijjiirama.

Amma... 'Bad Debt Expense' maal akka ta'e waan siif gale natti fakkaata.

Maallaqni kun dura akka qabeenyatti (Current Asset) ilaalamaa ture waan ta’eef... maamilli odoo hin kaffalin waan hafeef bu’aa (profit) keetirraa hir’ata.
..wanni 'Bad Debt Expense' jedhameefis kanumaafi.

--------
Afaan Ingiliffaatin dubbisuu yoo feete:
https://t.me/TamiruBusiness/89

10/05/2026

‎GIBIRA ILAALCHISEE QABXIILEE BEEKUU QABDU 5:

‎Isaanis:
‎Revenue, Deductible, Non-deductible, Accounting Profit, fi Taxable Income.

‎Isaan kan sirriitti hubachuun,
‎gibira humnaa olii kaffaluurraa si baraara.

‎Ifa akka siif ta’uuf,
‎fakkeenya ‘Mana Bunaa Caaltuu’ haa fudhannu.

‎Caaltuun buna danfisti, gurgurti.

‎1. Waggaatti galii qarshii 1,500,000 argatte.
‎(...kuni jedhama)

‎Tokko jedhi.


‎2. Baasii hojii,
‎kanneen akka kiraa manaa, mindaa hojjetaa, ibsaa fi bishaan, buna dheedhii, sukkaara, kasala, fi meeshaalee barbaachisu bituuf qarshii 700,000 baastee jirti.
‎(...baasiin kuni jedhama)

‎Hojii daldalichaa keessatti waan baheef, gibira hir’isuuf seeraan hayyamamaadha jechuudha.

‎Lama jedhi.


‎3. Baasiiwwan hojii daldalicha waliin wal hin qabanne:

‎• Caaltuun, qarshii 100,000 dhuunfaan itti fayyadamte
‎(...personal expense)

‎• Qarshii 5,000n hiriyaa isheetif bittee kennite
‎(...gift)

‎• Sababa hayyama daldalaa yeroon hin haaromsineef qarshii 50,000 adabbii kaffalte
‎(...penalty)

‎Ida'amni baasiiwwanii lakkoofsa '3' jalatti argamu -deductible jedhama.

‎(baasii dhuunfaa waan ta'eef gibira hir’isuu hin danda’u)

‎Sadi jedhi.


‎4. Galii irraa baasii hunda hir’isuun,
‎maallaqa galmee irratti argamu baruu ni dandeenya:

‎Baasii hunda = 700,000 + 100,000 + 5,000 + 50,000 = 855,000

‎Galii – baasii hunda

‎= 1,500,000 – 855,000
‎= 645,000

‎...qarshiin 645,000 kuni jedhama.

‎Afur jedhi.


‎5. Mootummaan gaafa gibira herreegu,
‎dura Accounting Profit irratti deebisee Non-deductible ida’a.

‎Maaliif?
‎- baasii dhuunfaan gibira hir'isuu hin danda'u.


‎kanaaf,

‎645,000(accounting profit) + 155,000 (Non-deductible) = 800,000

‎Qarshiin 800,000 kuni jedhama. Egaa, gibirri as irratti shallagama jechuudha, dhiiroo!

‎Dhume!
‎Qabxiilee shananuu hubatteetta jedheen yaada.


‎Amma feetu gibira shallaguu dandeessa.

‎Akka sirna gibira Itiyoophiyaatti, dhaabbanni dhuunfaa bu’aan isaa 168,000 ol ta’e, gibira %35 kaffala, garuu qarshii 24,600 ni hir’ifamaaf.

‎ (tax bracket ilaali: comment jala siif kaa’era)

‎Kanaaf:
‎Gibira = 800,000 × 35% - 24,600
‎ = 255,400

‎Caaltuun gibira 255,400 kaffalti jechuudha.


‎Salphaa.
‎Ifa.

10/05/2026

Ati jireenya kee keessatti COST lama qabda:

‎ : waan barbaaddu argachuuf maallaqa kaffalta.

‎ : waan argachuu dandeessu dhiista (waan biraa filachuuf).

‎Lachuu COST-dha.

‎Garuu garaagarummaa qabu:

‎tokko Explicit Cost jedhama,
‎kan lammaffaa "Implicit Cost" jedhama.


‎Na hordofi:

‎Amma fakkeenyaaf,
‎situ daandii irraa mana qaba haa jennu.
‎(haa jennuudha 😀)

‎Mana kana odoo kiraa kennitee, ji'atti qarshii 10,000 argachuu dandeessa ture.

‎Garuu,
‎ati manicha kireessuu hin barbaanne.
‎Mana Nyaataa keessatti banatte.

‎Amma carraa ji'atti qarshii 10,000 argachuu dandeessu sana dhiisteetta.

‎...waan akkasii kuni "Implicit Cost" jedhama.

‎Kanaaf,
‎Implicit Cost jechuun baasii ifatti hin mul’anne, garuu faayidaa silaa argachuu dandeessu kan ati dhiiste jechuudha.

‎Silaa manicha kireessitee ji'aan qarshii 10,000 argachuu dandeessa ture bar... garuu ni dhiiste.

‎• Maallaqni kaffalte hin jiru,
‎• Galmee irratti galmeessuu hin dandeessu.

‎Garuu waan dhiiste ykn waan COST goote qabda.

‎Baasiin ykn COST akkanaa kanatu "Implicit Cost" jedhama.


‎Tokko jedhi.

‎Mana nyaataa bante, mitii?

‎Mana nyaataa kana keessatti guyyaa guyyaan ykn ji’a ji’aan baasii qabda:

‎• Buddeena tolchuuf xaafii bitta.
‎• Shunkurtii, zayitaa fi waan kkf bitta.
‎• Hojjettootaaf mindaa kaffalta.

‎...baasiiwwan kanaaf maallaqa of harkaa ykn baankiidhaa qabdu baastee kaffalta.

‎Baasiin akkanaa kuni “Explicit Cost” jedhama.

‎“Explicit Cost” jechuun baasii ifatti kan mul’atu, kan maallaqni itti kaffalame jechuudha.

‎“Waan akkanaatu ittiin bitame” jettee galmeessuu illee dandeessa.

Kanaan ‎“Explicit Cost” jenna.


‎Walumaagalatti:

‎• Explicit Cost = Baasii maallaqaan kaffalamu, kan galmee irratti mul’atu.

‎• Implicit Cost = Carraa maallaqa argachuu dandeessu kan ati dhiiste, kan galmee irratti hin mul’anne.

10/05/2026

‎Liqii dhalarraa bilisa jechuun qarshii 100 liqeeffattee 100 qofa deebista jechuu miti.

‎Lakkii, akkasii miti!

‎Maloota BAANKIIN DHALARRAA BILISAA (Islamic Bank) ittiin maallaqa liqeessu duraan barreeseera... isa dubbisuu dandeessa: [https://web.facebook.com/share/p/185dJm7GqS/]

‎…amma yoo gabaabsinee ilaallu:

‎Baankiin kunneen yeroo baay’ee maallaqa callaa (cash) harkatti siif hin liqeessan.

‎Garuu:

‎• Meeshaa ati barbaaddu siif bitanii, bu’a irratti dabalanii sitti gurguru. Ati immoo ji’a ji’aan yookiin akka waliigaltee keessaniitti kaffalta.

yookaan:

‎• Meeshaa ati barbaaddu siif bitanii sitti kireessu… ji’aan ykn akka walii galtee keessanitti bifa kiraatiin kaffalta.

yookaan:

‎• Isaan maallaqa dhiyeessu, ati ammoo ogummaa keetiin hojjattee bu’aa argamu irratti waliin qooddattu.

‎Maloonni birootis ni jiru...bu'ura fedhii keetitiin!

‎Malee, hammuma liqeeffatte qofa deebista jechuu miti.

‎Garaagarummaan isaa, dhalli %dhaan sirratti dabalaa hin deemu...

Address

Jimma

Website

https://whatsapp.com/channel/0029Vb7pbie9sBIFuSpsLK1y

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tamiru Maka posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share