12/09/2026
Sagalee Haqaa Koomaarraa&Gibee Times
GAaffii UUMMATAA — DEEBII IFAA BARBAADNA ❗
Kabajamoo Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Bulchiinsa Oromiyaa,
Kabajaa fi jaalala guddaadhaan gaaffii kana isiniif dhiyeessina. Kaayyoon keenya nama dhuunfaa komachuu ykn mootummaa irratti mormii kaasu osoo hin taane, rakkoo uummataa ifatti kaasuun furmaata waaraa argamsiisuudha.
Godina Jimmaa, Aanaa Limmuu Saqqaa keessatti Magaalaan Komaa rakkoolee yeroo dheeraaf furmaata dhabuun uummata magaalaa fi naannawa ishee irratti dhiibbaa geessisaa jiran hedduu qabdi.
Rakkoolee ijoo keessaa:
1. Rakkoo ibsaa – Magaalaan Komaa maaliif ibsaa gahaa fi tasgabbaa’aa dhabde?
2. Rakkoo networkii – Tajaajilli networkii maaliif yeroo dheeraaf rakkoo ta’ee jira?
3. Rakkoo daandii – Daandiiwwan magaalaa fi naannawa ishee maaliif haala gaariin hin ijaaramne ykn hin suphamne?
4. Rakkoo bishaan dhugaatii – Uummanni bishaan qulqulluu fi gahaa argachuu maaliif rakkataa jira?
5. Rakkoo mana barumsaa – Barattoonni fi uummanni tajaajila barnootaa gahaa argachuuf rakkoo maaliif keessa jiru?
6. Rakkoo baankii fi tajaajila maallaqaa – Magaalaan guddachaa jirtu kun maaliif tajaajila baankii gahaa dhabde?
Gaaffiin keenya guddaan:
Magaalaan Komaa guddinaaf carraa fi qabeenya qabdu taatee osoo jirtuu, rakkooleen kunneen maaliif yeroo dheeraaf furmaata dhabanii jiru?
Aanaan Limmuu Saqqaa, kan itti gaafatamummaa bulchiinsa fi tajaajila uummataa qabu, maaliif rakkoolee Magaalaa Komaa furuuf gufuu ta’aa jira? Yookaan tarkaanfiin mootummaa irraa fudhatamaa jiru maal fa’a?
Kanaaf, kabajamtoota Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Bulchiinsa Oromiyaa, gaaffii uummataa kana akka dhageessan, dhimma kana akka qorattan, fi deebii ifaa, ragaa irratti hundaa’e fi yeroo ittiin furmaata kennitan uummataaf akka ibsitan kabajaan gaafanna.
Magaalaan Komaa misooma ishee eeggachaa jirti.
Uummanni Komaa deebii ifaa eeggachaa jira.
Gaaffiin keenya guddinaaf, furmaataaf, fi iftoominaaf dha.
🙏 Kabajaa fi jaalalaan, sagalee uummata Magaalaa Komaa.
Sagalee Haqaa Koomaarraa & Gibee Times
Together we can