25/06/2022
Kitaaba qola isaatiin hin madaalin!
****************************
Barattoonni eebbifantoota digirii jalqabaa kan ta'an barreeffama qorannoo isaanii dhiheessuuf shashaa jedhanii dhihaataniiru. Barattoota kana keessa tokko uffata ciccitaa fi kophee silippariin dhihaatee jira. Barsiisonni diffeensii barattootaa madaaluuf qophaa'an muca uffata ciccitaa godhate kana arganii aariidhaan arrabsuu fi suukanneessuu eegalan. Erga arrabsoo fi suukanneessa isaanii fixatanii booda gurbaan kun imimmaan osoo hudhuu haasa'a eegale.
"Ani barreeffama qorannoo eebba kiyyaa dhiheessuuf fuuldura keessan kanan dhaabadhe deeggarsa Kaaliqaatin. Hanga humni kiyya danda'een uffata gaariidhaan dhihaadheen jira. Maatiin kiyya Sooressa turan anaa waggaa 9 kutaa 4ffaa baratuu Haatii fi Abbaan kiyya balaa konkolaataatiin lubbuun isaanii darbe. Obbolaa dubaraa lama waliin qophaatti hafne. Obboleessi abbaa kiyyaa xiqqaan Wasiila /Adeera/ naaf ta'u waggaa muraasaaf mana isaatti nu jiraachisaa erga tureen booda qabeenya maatii keenyaa erga dhaalee booda mana isaati nu hari'e. Yoon argadhe hojjachaa yoon dhabe kadhachaa obboloota kiyyaa fi of jiraachisaa turee jira. Haala kanaan osoo jirruu anii fi obboloonni kiyya barnoota barachuudhaan jireenya keenya fooyyessuu akka qabnu murteesse. Guyyaa walakkaa oyruu namaa qotaa obbolaa koo nyaata bitaafii guyyaa walakkaa immoo hojii ijaarsaa hojjachaa barsiisaa tureen jira.
Rabbiin Galatni haa gahuu hanga har'aatti waadaa kiyya eeguudhaan ani Digirii jalqabaa kiyya eebbifamuuf obboloonni dubaraa lamaan immoo kolleejjiitti barsiisaan jira. Har'a akka hiriyoota kiyyaattu uffata bareedaa uffadhee bareedee dhihaachuuf yaadeen ture. Garuu qarshiin Suufii fi kopheef qopheeffadhe obboloonni kiyya kafaltii mana barnootaa waan gaafatamaniif isaaniif akkan ergu dirqamee jira." Jechuun dubbate.
Yeroo kana barsiisonni fuuldura isaa taa'anii isa suukanneessaa fi arrabsaa turan sun mataa isaa gadi qabatan. Ni gaddan, barsiisota kana keessaa takka " maaloo kanaa ol hin dubbatin humnan kana ittiin dhageeffadhu hin qabu" jette imimmaan ishii hudhaa dubbatte.
Baratichis barreeffama eebba isaa akkaataa barbaadamuun dhiheesse. Barsiisonni osoo isa hin hubatin abaaran sun teessoo isaanii irraa ka'anii harka dhahaniif
Kitaaba qola isaatiin ilma namaa uffannaa
isaatiin hin madaalin kan jedhamuuf kanaafi.
Abdurahman saadiq