30/09/2021
Gootittiin ABO Jaal Ajjaameenfaa Maatii osoo mirga Oromoof falmanii qe'een isaanii qullaatti hafe, Baayyeen nama gaddisiisa…😭
…Obbo Argawu Dinqaa mirga Uummata Oromoof osoo falmanii mana hiidhaa Dargii keessatti ajjeefaman yoo ta'u, yeroo lubbuun isanii darbuuf ga'u firoota fi irriyoota isaaniif " anaaf hin gaddinaa/hin booyiinaa ! yoo na jalaattan kaayyoon ani du'eef na jalaa hin gatiinaa ".,jechuun ergaa isaanii dhaammatanii isa dhumaaf Ciqilee isaanii boraafatan. Intalli isaanii qabsooftuu Ajjaamee Argawuus Bilisummaa Uummata Oromoof, dararamni hedduu erga irra
ga'een booda duute. Maj.Baqqalaa Argawuus Mootummaa wayyaaneetiin ijoollee isaa fuunduratti ajjeefame.
Bulchaa Baqqalaa ilma Maj.Baqqalaa Argawuu Dinqaati.
Mucaan kunis mootummaa wayyaneetiin reebame ajjeefame.
AayyooTaatuu Gammannee (haadha manaa obbo Argawuu Dinqaati) bara hedduuf mana hidhaa Dargii keessatti dararamaa turan.
Maatii obbo Argawu Dinqaa kan biroos mana hiidhaa Dargii fi wayyaanee keessatti dararaamaa fi reebamaa kan turan, tokkoo fi lama miti.
Ayyoo Taatuu Gammannee , bara
mootummaa abbaa Irree Dargii hidhamanii, osoo Karchallee Amboo keessa jiranii, abbaan manaa isaanii obbo Argawuu Dinqaa, reebicha mana hidhaa ma'ikalaawwii jedhamu keessatti Dargiin irraan gaheen, achuma keessatti lubbuun isaanii darbe. Aayyoon keenya kun manuma hidhaa Karchallee Amboo keessatti ajjeefamuu abbaa manaa isaanii
dhaga'an.
Mucayyoon isaanii Jaal Ajjaamee
Argawoo miseensa waraana Bilisummaa Oromoo kan turtes baruma Dargii kana keessa waregaamte.
Akkasiin qe'een isaanii qullaatti hafe…
-
'tiin!
* * * * * * * * *
Seenaan yoomuu kabajaatiin isaan yaadatti!