30/04/2021
Yaaddon kee na miidhe...
Torban lamaan dura
Si arguuf dharra'ee
Hamma siin wal arguuf
Qalbiin koo rarra'ee
Galata ilaahii
Kan waliin nu gahee
Anoo siin wal argee
Abbaa carraa tahee
Jaalala keetirraa
Yaaddon natti cimee
Anaa dhufu jedheen
Gammachuun si simee
Siin wal gahuu kootif
Ta'ee abbaa carraa
Si obsuu hin danda'uu
Hin fagaatin narraa
Hiriyoota kan kee
Hunda si caalchisee
Rabbiin si filatee
Kan ol si taasisee
Shahrurramadaani
Yaa shahra raahmataa
Kan keessa banamtuu
Balbalti jaannataa
Kan keessa cufamu
Balbalti azaabaa
Ayyaamamma'duudat
Guyyoota gabaabaa
Yaa shahrurramadaan
Taasa garaa laaftaa
Jaalalaan moo'attee
Hunda qalbii raaftaa
Hunduu siin walgarraan
Jaannata kajeelee
Kan kararraa dabees
Karaatti qajeelee
Kan duraan jallatee
Sheyxaanaf amanee
Meeqa si jaallatee
Ibliisin wal ganee
Kan qalbiin najasaa
Qalbii xahaarsitee
Kan waliin oodullee
Walitti araarsitee
Lafa guutuu ibse
Ifaan kee hanga'ee
Urgaan foolii keetii
Addunyaa wal ga'ee
Qalbii musliimotaa
Kan miiccee micciirtee
Guyyaa muraasatti
Nama hundaa jijjiirtee
Kanaaf na mararta
Kanaaf si jaaladhaa
Sirraa milkaahuudhaf
Rabbii kan koo kadhaa
Musliimota meeqa...
Siin wal arguuf jedhee
Osoo boossu qalbiin
Guyyaan isaa gahee
Kan fudhate rabbiin
Yaa shahrurramadaan
Maaf garaa jabaattaa
Suuta deemi malee
Maalif akkas kaattaa
Si bira osoo jiruu
Si yaadara anii
Har'a meeqa jennaan
Naan jedhan kudhanii
Amanuu dadhabee
Qalbiin kan koo nahee
Osoo lama jedhuu
Eessaa kudhan gahee
Yaaddon kee na miidhe
Anatti jabaatee
Na dhiiftee kophatti
Atoo deemuf kaatee
Hundaaf garaa laafta
Hundaaf kennaa hirtaa
Nu dhiiftee deemuudhaf
Akkas fiigaa jirtaa...???
Osoo tokko hin jedhin
Kunoo kudhan geessee
Anoo jaalalli kee
Qalbii na madeessee
Na dhiiftee deemuudhaf
Akkamiin dandeessee
Gabroottan rabbiitif
Ati bar badhaasaa
Dhaamsa koo dhagahi
Mee sittan hasaasaa
Atoo keessummaadha
Keessoo koo siif himaa
Rabbiin na haa tolchuu
Anallee kaatimaa
Gaaf guyyaa qiyaamaa
Mee ragaa naaf ba'ii
Jaannata akka seenuf
Saba