God is Good

Call Directions Contact the business

God is Good Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from God is Good, Business service, Gida Ayana, Nekemt.

25/05/2022
14/05/2022

Abbaa ijoollee 11 fi maanguddoo umrii waggaa 69 Digirii isaa Jalqabaa barachuf Yuunivarsiitii seene.
==================================
Abbaan suuraa irratti argitan kun barataa Taaddasaa Guuchillee jedhamu. Umriin isaani waggaa 69 yoo ta'u abbaa ijoollee 11ti. Qoramata seensaa fudhachuun qabxii 502 galmeessuun Yuunvarsiitii Jimmaatti kan ramadaman barataa Taaddasaa Giichillee, Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ka’uun hiriyoota ijoolee isaa hiriyaa barumsaa taasiifachuun Jimmaa Yuunvarsiitiitti argamaniiru.

Bara 1945 kan dhalatan obbo Taaddasaan abbaa ijoollee 11 yoo ta’an, haati warraa isaanii Aadde Biddiiqxuu Tolaa fi ijoolleen isaanii barumsa xumuruun sadarkaa guddaarraa akka ga’aniif gumachaa olaanaa taasiisuufii ibsaniiru.

Fedhiin ijoollummaa akkuma hiriyoota isaanii qubee lakkaa’uun, saayinsii qorachuun bakka barbaatan ga’uuf qaban sababa itti gaafatamummaa maatii fi haala jireenyaan milkaa’uu baatus, kaka’umsa cimaa bakka yaadan ga’uu qabaniin Yuunvarsiitii seenuu isaanii dubbataniiru.

Inistiityuutii Teeknooloojii Yuunvarsiitii Jimmaatti barataa haaraa ta’uun kan galan obbo Taaddasaan, ‘namoonni tokko tokko umrii kanaan maaf barattaa adda kutii gara qonnaatti deebi’i naan jedhu, an garuu abjuu ijoollummaa koo milkeessuu waanaan qabuuf barumsa koo cinaatti hojii qonnaa fi biqiltuu Bunaa babal’isaa tureera’ jedhan.

Dooktoreetii Fayyaa qorachuu Akka barbaadanii fi akka irratti hojjetanis himaniiru!

❤️Akkasi ilaa Kun abbaa Qaxaleedha! Umrii dheeradhaa!

💪Mooraa ani itti baradhemmoo dhaqan
============================
Abbaan Kun Dargaggoota Baayy'edhaafu fakkeenya guddadha.

🙏Yaa dargaggootaa abbaa kanarraa baraa!

12/05/2022

Kanaan haa jalqabnuu.

Address

Gida Ayana
Nekemt

Telephone

+251988643766

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when God is Good posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to God is Good:

Shortcuts

Share