07/08/2022
Ummata gaafa aangoorra jirtu tajaajila inni barbaadu qixa sirriin hinkenniniif gaafa barcumarraa kaate "Ummata koof waaniin quuqamuuf nakaasan" jechuun ummata tuffachuudha!
*********
Gaazexaa Bariisaa
Ibsa ejjannoo waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa Naannoo Hararii irraa kenname.
Hariiroon bu'uuraa mootummaafi ummata gidduu jiru tajaajiltummaadha. Kanaaf caasaaleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran tajaajila si'ataa, haqa qabeessa fi qulqullina qabu lammii hundaaf kennuu qabu.
Lammiileeniis loogiifi darara tokko malee tajaajila mootummaa argachuuf mirga guutuu qabu.
Haaluma kanaan, caasaaleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran dirqama isaanirra jiru bahachaa jiraachuu sakatta'uun, tarkaanfiin sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaadha.
Kanuma bu'uura godhachuudhaan naannoo Harariitti madaallii
hoggansaa bu’a qabeessummaa, gahumsaafi naamusa irratti hundaa’e gaggeessuuf qophiin gahaan godhamee xumuramee jira.
Adeemsi madaallichaas Ifaafi karaa haqa qabeessaan akkasumaas ulaagaalee sirrii irratti hundaa'uun kan adeemsifamu ta’a.
Dhumarrattis qaamoolee ummataaf qooda isaanii gumaachaniifi qabxii madaallii argatan irratti hundaa'uun tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhatama.
Kanarratti hundaa'uu qaamolee sababa dadhabina hojiitiin, ga'umsaatiifi sababa malaammaltummaan tajaajila ummanni irraa eegu kennuu dadhaban irratti tarkaanfiin madaalawaan ni fudhatama.
Haa ta'u malee gaggeessitoonni tokko tokko yeroo aangoo irra turan dirqama ummanni itti kanne irraanfatanii tajaajila ummataaf osoo hinkannin sobaan yeroo madaalliin hojii eegalu isiniif jecha barcuma koorraa nakaasan jedhu".
Warri faayidaa dhuunfaaf jecha qabeenya ummataa saamaafi saamsisaa turan, gochi isaanii seeratti yoo dhiyaatu, tapha "eenyummaa kootiin ykn dhalataa saba kanaa waaniin ta'eefi, amantaa koof" jedhanii dahoo godhachuun" haleellaan narratti godhame jedhanii dhiheessu.
Gaggeessitoonni hojii idilee isaaniif yeroo osoo hin kennine, dhaabbilee irratti ramadaman sirnaan hin hoogganne,