05/10/2026
Jijjiiramni kuni guyyaa tokkotti kan dhufe miti. ❤️🔥
Bu’aa fi ba’ii hedduu keessa, rejection hedduu keessa, mogaasa maqaa hedduu keessa, garuu itti fufiinsaan hojjechuu keessa dhufe.
Har’a bakka ani jiruuf, bakki ani kaleessa ture sun illee naaf comfort zone ture.
Jireenya wal fakkaataa sana keessa jiraachuu hin barbaanne.
Mana kiraa keessa jiraachuu, yeroo dhukkubsadhu gargaarsa nama biraa eeggachuu, jireenya nama biraa irratti hirkachuu… jireenya akkanaa jiraachuu hin barbaanne.
Kanafin karaa Network Marketing dhufe.
Waanan barbaadu argachuufin waanan jaaladhu tokko dhabe.
Ani aartii nan jaaladha. 🎨
Rifeensa koo waggoota dheeraaf guddisuun, kunuunsuun, gatii itti baasuun naaf hiika qaba ture.
Garuu waanan barbaadu argachuuf, rifeensa koo muradheen karaa business kanaa dhufe.
Garuu kana jechuun kaayyoo koo kaleessaa dagadhe jechuu miti.
Aartiin ammallee mul’ata koo keessa jira.
Amma garuu aartii koo akka addaatti milkeessuuf, jireenya koo akka ani barbaadutti ijaaruuf hojjechaa jira.
Sababanin ani har’a hojjechaa jiru waan tokkof qofa miti:
“Jireenya ani kaleessa jiraachaa ture, ilmaan koo akka jiraatan hin eeyyamu.” 🔥
Rejection na dhaabuu hin danda’u.
Mogaasni maqaa na dhaabuu hin danda’u.
Rakkoon na dhaabuu hin danda’u.
Sababni isaas waan ani barbaadu nan beeka, bakka ani ga’uu barbaadus nan beeka.
Hanga mul’anni koo dhugaa ta’utti, ITTI FUFA! 💪🔥