YES OR NO

20/09/2025
20/07/2024
Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha.Guyyaa tokko kanniisaa fi tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'uu jalqaban. ⁃ Utuma...
20/07/2024

Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha.

Guyyaa tokko kanniisaa fi tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'uu jalqaban.

⁃ Utuma haasa'a hoo'aa keessa jiranuu tisiisni kanniisan "Ani kan na dhibee na dhiisuu dide dhalli namaa anaan maaf na jibba? Maalif akkan isaanitti dhiyaadhu hin fedhan?

⁃ Sin akka biraatti si jaallatu maalif akka keetti na hin kunuunsan? Nyaata isaanii irra yoon bu'e na ari'u. Yoon dhugaatii isaanii irra bu'es akkasuma. Wantan ani xuqe hin sooratan, hin dhugani, ittuu
ni gatu. Na ajjeesu dhaaf na dhabamsiisu dhaaf qoricha baay'ee fayyadamu.

⁃ Kan kee garuu faallaa kooti. Icciitiin isaa maali dha mee natti himi" jetteen.

➥ Kanniisnis haasa'a ishee hunda isaa gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda gaaffii gabaabaa tisiisa sana gaafatte.

❓"Yaa Tisiisa nana mee OOLMAAN KEE EESSA DHA?" Jetteen jedhama.

✧ Ati hoo oolmaan kee eessa dha? Amma iddoon ati jirtu kunii fi hojiin ati hojjechaa jirtu kun si madaalaa?

Deebii isaa sinumaaf dhiise!


18/07/2023

Haati manaa takka takka ji'a taateeti abbaa manaa ka dukkana keessa jirullee ifatti baaftee mullifti, takka takka immoo isaa dukkana keessaa akka shaamaa(dungoo)tti ifee mullatu bubbee itti taatee isaahuu dhaamsitee dukkana isa keessi.

Haadha manaatiin dhiirri dhiira tahee mullata.
Haadha manaatiin dhiirri dhirummaa hanqatee oliif gaditti xiqqaata.

Haadha manaa isii fuul duraa, atihoo na mullifta moo na dhooysita?

Jaalalti miidhaa miti!🥰
!!❤️

Seenaa isaanii MuraasaMaqaan isaanii Aadam Ahmad Ammarroo Shankoor ja'ama. Garuu yeroo ammaa Sheikh Aadam Tuulaa jachuun...
19/10/2022

Seenaa isaanii Muraasa
Maqaan isaanii Aadam Ahmad Ammarroo Shankoor ja'ama. Garuu yeroo ammaa Sheikh Aadam Tuulaa jachuun beekkamu. Baha Oromiyaa Aanaa Kombolchaa Araddaa Tuulaa Ganda Usmaan iddoo ja'amutti, Bara 1907 A.L.I ykn Hijraa 1336 A.L hijraatti dhalatan.

Sheikh Aadam Tuulaa daa'imummaadhaan waggaa 12 tti barnoota Diin Islaamaa barachuu eegalan. Sheekkan akka: Sheikh Muhammad Ibraahiim, Sheikh Aliyyii Aruusii, Sheikh Muhammad Oborraa, Sheikh Sa'iid Kombolchaa, Sheikh Ibraahiim Usmaan (Ceekhaa) fi kkf irratti, kitaaboota adda addaa, Fannii baay'ee akka Fannii Nahwii, Ma'aanii, Manxiqaa, Fiqhii, Tafsiira Quraanaa, Sahiiha lamaan fi kkf barate.

Sheikhni keenya haala kanaan bonaa fi ganna keeysa, baddaa fi gammoojjii keeysa Osoo dadhabe hin ja'in Sheekha tokkorraa gara sheekha biraatti osoo dabruu, barnoota isaanii kan waggaa 12 irraa hanga waggaa 37 JACHUUNIIS waggaa 25 isaanitti fudhate injifannoon xumuran.

Eega barnoota isaanii xumuran boodaas fadhii isaan Diin Islaamaa barsiisuuf qaban irraa kan ka'e, Baha Oromiyaa Aanaa Dirree Xayyaaraa Araddaa Suqul Ganda Adduus iddoo ja'amutti Majliisa (caayaa) Diin Islaamaa dhaabuun barsiisuu eegalan.

Sheekhni keenya erga barsiisuu eegalan waggaa 68 caaleeti jira. Sheekkan Majliisa isaaniitti baratanii, isaan irraa eeybifamanii Majliisa dhaabanii akkuma sheekha keenyaatti barsiisuurratti arkaman qofti nama 40 irra hedduu dha.

Sheekh Aadam Tuulaa waggaa 70 tti Kan dhihaatu Majliisa Ilmii barsiisaa eega Turan booda October 18, 2022 guyyaa Salaasaa, toora salaata Asrii Umrii isaanii 110 tti gara fuula Rabbii deemaniiru. Arra addunyaan Nama guddaa dhabde. Rabbi Rahmata haa godhuuf!

Jazaa (galata) isaanii Jannatul-Firdoowsi RABBI haa godhu.

Seenaa sheekha keenyaa SHARE godhuun nama isaan hin beeyne biraan gayaa Jzk..

Address

London

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when YES OR NO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share