Page Nayim Iluu

Page Nayim Iluu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Page Nayim Iluu, Business service, Dembii, Riyadh.

08/04/2023
09/02/2023
16/12/2022

-birmannaa-dhabe

iyyee iyyeen dadhabe
imimmaankoo lolaasee
lubbuu daaimmaan kootii
osoon iyyuu kan baate

woggaa tokko genye
osoma iyyinuu namni
nudhagahus waa tokkon
argamu

manni keenya gubatee
qabeenyis barbadaa.ee
lubbuun namoota hedduu
gariinis qabbanaa.ee

dhiiga keenya lolaasaa
mana nurratti diigu
badii osoon qabaatiin
wolii gadi nu.dhiibu

fayyaa nu.ajjeessanii
du.aarratti dhaadatu
suraa biratti ka.uun
online baafatu

guyyaa du.asaan beeku
ofii nama ajjeesa obbolle
essasaa gubee lafeesaa
gadidhiisa

hagam yoo jiraatteyyuu
du.a irraa hinooltu
Kan arra at ajjeefte
bor deebi.uu hinooltu

sareedhaa gannugootee
lafee keenya guggubda
ummata qotee bulaa
jiruusaarraa uggurta

lafee lammii kootii
Kan ati godhatte
daaraa ibiddadhaa
kun nukeessan badu
addunyaan taraadha

akkuma nama tokkoo
qotannee facaafannee
jiruu keenya mo.achuuf
halkan guyyaa waadamne

dafqa keenyaan hijaarre
mana abbootii.keenyaa
kunoo arra saamamnee
dhabneem abbaa qabenyaa

qotannee yoo galfannes
hantuutatu hammaate
yoo dana.ommoo silaa
manumayyu nudhaalte

wollaaggaa koo

maaluman sigoodha
yaa abbo yaa harmee
osoo lubbuun jirtuu
sigubuun hin malle

biyya addunyaa hundarraa
dhabde Kan sidhagahu
garuu osoo jeeraatii
iyyinuu wolin ga.u

Nayim.Qaasimaa.Iluutiin ...✍

Address

Dembii
Riyadh

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Page Nayim Iluu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share