24/08/2020
Guyyoo Waariyoofi Dajanee Xaafaaf mirgi wabiin eegameef
*******
Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaan booda to'annoo jala kan oolan gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo fi qondaalli olaanaa KFO Dajanee Xaafaa mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii murteesse.
Obbo Dajanee Xaafaa, Guyyoo Waariyoo, Miishaa Adam fi Koorsaa Dachaasaa wabii birrii 10,000n akka gadhiifaman Mana murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti, Ramaddiin Araadaa ajajuusaa abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBCtti himaniiru.
Abbaan alangaa himata hundeessuf guyyootni 15 naaf yaa kennamu jedhee gaafatee akka ture fi isaan immoo mormuu isaanii nutti himaniiru.
Haa tahu malee oliyyannoon irratti gaafatamuu haati warraa gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo BBCtti himteetti, ''har’uma murtaa’ee ergan qarshii kaffalee xumuree booda mana murtiitti yoon deebi’u, ol-iyyannoodhaan faayiliin deebi’eera naan jedhan,'' jetti.
Guyyoo dabalatee namoota manni murtii gadhiisee afur irratti ol-iyyannoon gaafatamee faayilli deebi’eera jedhamus himti.